Oduu Haaraya

‪#‎OromooProtests‬ Dhaamsa Ariifachiisaa Amma Barattootni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu dabarfachaa jiran.(waliif Dabarsaa)

 

Nuyi Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu halkan edaa yeroo sadaffaaf diddaa itti fufnee jirra. Halkan darbe kana humni waraanaa ifaa balleessuun mooraa Yuunivarsiitichaa weeraruun dhukaasa nurratti bananii bulan,akkasumas doormiitti nutti cabsuun waanuma baran raawwachaa jiru, keessattuu doormiin barattoota shamarranii haala maleen goolamaa jira.hanga amma barii kanaatti dallaan Yuunivarsiitii keenyaa dirree waraanaa caaltee argamti.dhukaasni nurra bules lubbuu balleessuu hin haftu garuu akkamiin qulleeffana silaa jiraa du’aa keenya hammaaraniituma gara konkolaataa isaanitti ol darbatuuhooti.hamma dandeenyu immoo wal to’achaa jirra.

Waan nuti dhaammachaa jirru inni guddaan sagalee keenya afaan qawweetin ukkaamsuuf mootummaan faashistii kun humna qabu osoo hin hambifatiin fayyadamaa jira.garuu kana cabsinee sagalee keenya futtaafachuuf deeggarsa hunda keenyaa gaafata.kanaaf hunduu bakka jirruu akkuma kana duraa sa’aa wal fakkaataa irratti huursisee diduun diina humna haa dhoowwinu.kan biraa akkuma hundi keenyayyuu beeknu guyyaa borii Gamtaan Awuroophaa dhimma Oromoo kaasee mari’achuuf jira.sana humna itti gochuuf xinnaa guddaan walitti dhaammannee mormii keenya cimsuu qabna jenna.Oromoo Oromoon dhalche,dahe qilleensi amma keessa jirru birmannaa gaafatti nuuf qaqqabaa!
Qeerroo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, Baalee Oromiyaa irraa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …