Oduu Haaraya

‪#‎OromoProtests‬ total of 43 people were reportedly killed in the historic Gara Multat region of East Hararge

‪#‎OromoProtests‬ total of 43 people were reportedly killed in the historic Gara Multat region of East Hararge during the month of January-February 2016. Nineteen (19) people were killed in Gurawa District while 24 were gunned down in various villages and towns of Badano district. Gara Mulata was the headquarters of our liberation struggle from 1970s-1990s hence paid perhaps the heaviest sacrifice of all provinces. The notorious Dergue mass murderer Major Zeleke massacred hundreds of people in the 70s & 80s. More people people martyred in Oromo Liberation Army. In the 1990s the TPLF army under the leadership Samora Yunus waged scorched earth campaign focusing on elders, teachers and businessmen. But mass killing by successive regimes did not force people of Gara Mulata to surrender. Once again they rose up for martyrdom placing themselves at the forefront of the struggle to complete the liberation journey. History shall never forget!!
===========
Harargee Bahaa naannawa Gaara Mul’tatti baatilee Amajjiifi Gurraandhalaa bara 2016 ilmaan Oromoo 43 wareegamuu gabaasni walitti qabamee ni gahe ni agarsiisa. Namni 19 aanaa Gurawaa keessatti, namonni 24 ammoo araddaalee aanaa Baddannoo garagaraa keessatti wareegaman. Konyaan gaara Mul’ataa baroota 1970-1990moota keessa jiddugala qabsoo hidhannoo bilisummaa Oromoo ta’uun yaadatamti. Yeroositti ilmaan Oromoo kumaatamaan kitimaa qabsoo tanaa ta’anii turan. Daraguun ummata Gaara Mullataa dhibbatamaan rashanaa ture. Kanneen biroo ammoo qabsoo hidhannoo keessatti wareegaman. Baroota 1990moota keessa ammoo waraanni Wayyaanee Saamoraa Yuunisin hogganamu duula haxaawwii hamaa manguddoota biyyaa, barsiisotaafi abbootii qabeenyaa irratti xiyyeeffate deemsiisaa ture. Ajeechaan maatii hunda waliin geesse tun ummata keenya kan Gaara Mul’ataa harka hin kennisiifne. Kunoo har’as wareegama qaalii akkanaatiin duula xumura gabrummaa kanarratti tarree duraa irratti hiriiranii jiran. Biyyeen ilmaan isaanii nyaattus, kaayyoon isaanii galma gahuu hin hanqattu, seenaanis isaan hin dagatu

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *