Jawaar Mohamed
Kabajamtoota Ilmaan Oromoo,
Hunda dura, lammiilee keenya kan bilisummaa Oromoofi Oromiyaatiif falmachuudhaaf murteessanii hiriira guyyaa har’aa kanarratti hirmaachuun lubbuu isaanii lamuu hin deebine aarsaa godhanii jannata hawwaa, seenaan saba kanaa barabaraan isaan haa yaadatun jenna. Firaafi maatii isaaniitifis jajjabina haa laatu jenna. Itti aansuun ilmaan Oromoo miliyoonotaaan golee Oromiyaa hundarraa magaalota 200 ol keessatti murannoofi tokkummaan baatanii diina bargaanfachiiftanii saba keenyatti kabajaa hortaniif galanni keessan bilisummaa Oromiyaa haa ta’u jenna. Qindeessitoonni keenya kan guyyoota shan qofa keessatti hiriira guddinaafi gurmaa’ina kana fakkaatu argamsiisuu dandeessan, sabni isiniin boonee jira; kana daran hojjachuu akka dandeessanis shakkii tokko malee mirkaneessitanii jirtan. Isin waliin qabsaa’uun ulfina.
Hiriira kanarraa injifannoo gurguddaatu argame. Ummanni keenya doorsisa Wayyaanefi ergamtoonni isaanii irratti godhaa turan irra aanudhaan sodaa tokko malee bifa qindaayeen mirga isaatiif falmachuuf bahuun injifaannoo isa tokko. Ummanni keenya rakkoo biyya sanii karaa nagayaatiin furuuf hiree dhumaa ifaan ifatti kennuun boru balaan fedhe yoo bu’e komii kamiiyyuu afaan keessa akka qabsiifnu hiree nuuf kenne. Ummanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti waamicha yeroo gabaabaatiin bifa qindaawaafi tokkummaa qabuun socho’uu akka danda’u mirkaneessuun akeeka hiriira kanaa keessaa isa tokko. Kun dhibbaan dhibbatti galma gahee jira. Tarkaanfilee itti aansinee fudhachuu qabnuufis humna qabnu madaallee ofitti amanamummaa akka horannuuf faaydaa guddaa qaba.
Gaafin garaa nama hundaa keessa yeroo ammaa jiru kanaan booda ‘maaltu itti aana’ kan jedhu akka ta’e shakkin hin jiru. Yaadni amma booda qabsoon nagayaa hin deemsisuu gara hidhannootti dabruu qabna jedhu jabaatee dhufaa jira. Kun yaada sirriiti. Garuu ummata hanqina hidhannoo qabu, kan tarsiimoofi caasaa waraanaatin hin ijaaraminiin al tokkoon ol ka’aatii mootummaadhaan walwaraanaa jechuun gaaga’ama bu’aa hin qabneef saba saaxiluu ta’a. Kanaafu cehuumsa tarsiimoo hanga ammaa irraa gara kan biraatti godhamuuf akka ka’uumsaatti yaadota armaan gadii kana dhiheessina;
1) Mormiin diddaa baatii saglan dabreef godhaa turre bifa daran qindaawaa ta’eefi tooftaalee haaraya dabalateen itti fufuu qaba;
2) Qabsoon nagayaa ( civil disobedience) hanga ammaa godhame tarkaanfilee diina ofirraa ittisu ( self defense action) dabalataa dhufuu qaba. Ammarraa duuti balbala Oromoo qofa osoo hin taane kan diinatis dhadhawuu eegaluu qabdi. Tarkaanfiin ittisaa kanneen armaan gadii kana dabalata;
a) Qondaalota siyaasaafi waraanaa Wayyaanee ol’aanoo ummanni keenya akka ajjeefamuuf ajaja dabarsan irratti tarkaanfiin ni fudhatama.
b) Milishaafi poolisii ummata ajjeesu kamiyyuu irratti adabbiin walmadaalaan ni fudhatama.
c) Loltoota Agaazii ummata shoorarkeessan tooftaalee dahanaa kanneen wareegama gama keenyaa xiqqeessanin nagaya dhoorguu barbaachisa. Bakka isaan kopha kophaa ykn namoota muraasaan socho’anii nyaatan, taphatan,bulaniifi oolanitti haleeluun jiilchuu barbaachisa.
3) Tarkaanfilee ofirraa ittisuu armaan olitti tarreeffaman kana hojitti hiikudhaaf hidhannoof rasaasni ummata keenyaaf saffisaan dhaqqabuu qaba. Kana milkeessuuf loltoonni ummanni keenya karaa danda’e hundaan ( fkn milishaa irraa hiikkachuun, bitachuun) hidhannoo harkatti galfachuu qaba. Dureeyyin biyya keessaafi ummanni biyya alaa leeccaloo gumaachudhaan ummata hidhachiisuu qabu. Akkasumas poolisoonnif qondaalonni siyaasaa sirnicha tajaajilaa jiran kan ummata isaanitiif aantummaan itti dhagahamu haalota meeshaaleen waraana dhunfannaa mootummaa jala jiran harka qabsaa’ota Oromoo itti galan mijeessuu danda’u. Kunis kan too’annaa isaanii jala jiru dabarsanii kennuun dabalatee bakkoota kuusaa meeshaa waraanaa akeekudhaan ta’uu danda’a. Walumaagalatti garuma danda’ame maraan, biyya keessaayis ta’ee biyyoota alaa irraa meeshaan waraanaa saffisaan harka Oromoo galuu qaba. Kana milkeessuun fuulleffannaa guddaa ( top priority) ta’uu qaba;
4) Caasaanfi waajjiraaleen bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiran tajaajila ummataa kennuu dhiisanii meeshaa ukkaamsaaf cunqursaa ta’uun tajaajilaa jiru. Caasaaleefi waajjiraalee kana hiree argame hundaan barbadeessudhaan humna sirnichi qabu laamsheessuuf hedduu barbaachisaadha. Kanaafuu tarkaanfiin waajjiraalee bulchiinsaa irratti godinoota garii keessatti eegalame bal’inaan itti fufuu qaba;
5) Adaduma tarkaanfiin Oromoon fudhatu cimaa deemuun humni waraanaafi bulchiinsa sirnichaa laaffataafi diigamaa deema. Baniinsi ( security and administrative vacuum) uumamu kun rakkoo akka hin uumneef caasaan bakka bu’u ijaaramaa deemuu qaba. Bakka caasaan bulchiinsaa guututti diigametti, caasaan ummataa haaraan cinaatti ( parallel structure) ijaaramuu qaba. Akkasumas kufaatii diinaa saffisiisuufi nagayaa fi tasgabbii ummataa eegsisuuf humni waraanaa biyyooleessaa bifa gurmaa’eefi tarsiimoo qoratamaan masakamu ijaaramuu qaba. Waranni kun loltoota bilisummaa Oromoo bifa garagaatiin gurmaa’anii jiran, dargaggoota diinarraa qawwee hiikachuun iddoo garagaraatti gurmaa’anii socho’an akkasumas ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa sabatti dacha’niin ijaarama;
6) Hojiilee armaan olitti kaafne kana qindeessanii galmaan gahuuf hawaasni siyaasaa ( political community) Oromoo mataa walitti qabachuu qaba. Kana galmaan ga’uuf ji’a Fulbaanaa as deemu kana Waltajii Hoggantoota Oromoo Waliigalaa ( All Inclusive Oromo Leadership Summit) kan geggeessitoonni jaarmayaalee siyaasaa, hawaasaafi amantii akkasumas hayyoonni, abbootiin qabeenyaafi aartistootni irratti hirmaatan ni taa’ama. Waltajjiin kun akeeka lama qabaata. Kan duraa Wixinee Oromoofi Oromiyaan garafuulduraa ittiin bulan ( Oromian National Charter) kan marii hirmaattotaatin bilchaatee raggaasifme qopheessa. Kan lammataa dhaabbilee qabsoo kana xumuruufi bulchiinsa Oromiyaa bilisoomteetif bu’ura ta’uu danda’an ijaara. Fakkeenyaaf garee diiploomaasii keenyaa bifa waaltayeen geggeessu, kan gargaarsa ummata miidhamee ( humanitarian aid) bifa waaltayeen qindeessu fa’a ofiif akka dhaabbatuuf haala mijeessa. Koreen waltajjii kana qopheessu yeroo gabaa keessatti dhaabbachuun hojii isaa saffisaan akka geggeessu taasifama;
Tarkaanfilee armaan olitti tarreessine kana murannoo, jabinaafi saffisa waggoota muraasa dabran ittiin sochoo’aa turreen daran hojjachuudhaan gara hojiitti hiikuu barbaachisa. Hundi Keenyaa gahee keenya gahuumsaan haa baanu!
Dhugaa Qabna
video kun akka gaarii hindeemu irra deebisa