Keessattuu bakkoota akka Haroo-Xirroo, Waddeessa-Galaan, Xullee fi kkf keessa dubbiin jajjabduu akka taateedha.Jiraatonni qarqara Amboo jiran dheengadda halkan humni Agaazii konkolaataa hedduun garasitti socho’aa akka bule ni himu. Garuu eenyurratti dhukaasaa ykn eenyuun wal dhayaa akka jiran mirkaneeffachuun nu dhibee jira. Lolli kan eegale yeroo Agaaziin milishoota mootummaa naannawa sanii hiikkachiisuuf yaaletti ta’uu hin oolu shakkiin jedhus jira. Lakki qonnaan bultootumaan wl haleelaa jiranis jedhama. Ambulaansii garas deemuuf yaalti Agaaziin darbuu dhoowwee jira. Network naannoo sanii cufaadha. Gama dandeenyeen qorannee dhugaa jiru isiniif gabaasuuf ni yaalla.
Check Also
Seenaa OSFNA fii hundeeysitota isaa
OSFNA OSFNA (Oromo Soccer Federation of North America) ja’amee bara 1996 ardii Ameerikaa Kaabaa, biyya …