Oduu Haaraya

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!

gammadaa

Aadaafi Aartiin Oromoo yeroo ammaa maalirra jira, garamittis arreedaa jira? Guddina amma irra ga’eef artistoota keenya gameeyyii kan akka Alii Birraafi Admaasuu (Abbaa Lataa) fa’aa yoo kaasne, dhaloota keenya har’ammoo eenyuunfaa haa jennu?. Isinumti ofiif itti guuttadhaa…!

Guddina Aartii keenyaa dudduubas daarekteerotaafi gulaaltota(editors) fiilmii immoo milkaa’ina aartii keenya kanaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiranis qabna. Keessumaa yeroo guddinni aartii Oromoo boqonnaa harawaa eegale kanatti dargaggoota Oromoo dhaloota qubee ogummaa ykn kennaa adda addaa qabanitti cichanii qeerransa ta’an hedduu Waaqni nuuf kenneera.

Kennaafi ogummaa Waaqni kenneefitti cichee aartii sabasaa guddisuuf onnatee, homaa utuu hin ko’oommatiin bu’aa ba’ii ba’ee, sirba Haacaaluu “Maalan jiraan” tokko jedhe. Sirbi kun ga’umsa ogummaasaan ummanni Oromoo baddaa hanga gammoojjiitti beekamtii itti kenneef isa duraa haa ta’u malee, fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaachaa jira. Ogummaan daarekterummaa (qajeelchuu) yaaddawwan barreessitonniifi weellistootni qopheessanii lubbuu itti godhanitti foon horuun/ijaaruun argaa dhageettii daawwattootaa qalbii fuudhudha. Ogummaan kun artistoota Oromoo hedduu qabnu keessatti baay’inaan kan hin mul’anneedha. Gama kanaan Amansiisaa Ifaa dargaggoo onnataa jabana kanaa Waaqni Oromoof kaase.

Dhabbanni leenjii Vidiyoogiraafiifi Footoogiraafii Toomii sanbata darbe badhasa ‘Tom Film Awards’ jedhamu yeroo jalqabatiif sadarkaa biyyaatti qopheessee ture. Sirna kanarratti fiilmiwwaan 12 ol ta’an akka biyyaatti filatamanii gosoota dorgommii 7 morkatameera.Badhaasa kanas bu’aa dhaloota qubee kan ta’e dargaggeessi qaroo Oromoo Amansiisaa Ifaa mo’achuu danda’eera. Dorgommii kanarratti Amansiisaan Daayirekteera Cimaa bara 2015 ta’uudhaan filatameera. Kana keessaa eegaa daayirekteera cimaa bara 2015 jedhuun ilmi Oromiyaan miixuu cimaan deesse, gadadoo fi rakkina cimaan dadhabdee asiin geesifatte Amansiisaan 1ffaa ta’uudhaan badhaasa qophaa’eef olaantummaan fudhachuu kan danda’e.

Filmiin Amansiisaan garee isaa waliin fudhatee dorgommiif dhiyaate waa’ee faalama qillensaa irratti kan xiyyeefate yoo ta’u, turtii daqiiqaa 5 fi sekoondii 45 qaba ture. Akkuma beekamu hojiin filmii gareedhaan kan hojjetamu yoo ta’ullee, daayrekteerummaan ija fiilmii tokkootti murteen isaa fiilmii sana bareechuus balleessuus danda’a. Amansiisaan immoo dhimma akkanaa irratti iji isaa qarameera. Kanarra ka’uudhanis badhasaaf ga’e.
Sirni badhaasaa kun Bitootessa 5, 2016 magaalaa Finfinnee galma tiyaatira Biyyoolessaatti kan raawwatame yoo ta’u, keessummoonni ogummaa filmii adda addaa qaban biyyitti keessaa jiran filmiwwan dhiyaatan irratti guyyoota dheeraaf gamaagama erga geggeesanii boodee guyyaa dhumaas ammoo vidiyoo gabaabaa filmiwwanii erga dawwatanii kana irrattis yaadni kennamee booda ture Amansiisaan ummata sana hundumaa amansiisee mo’achuu kan danda’ee uummata Oromoof ammoo ilma ittin boonan ta’e.

Amansiisaan mallattoo qulqullina aartii Oromooti, sababiinsaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjetee ummataan ga’e keessatti xiyyeeffannoo guddaa kennudhaan qulqulliinaa fi injifannoodhaan xumureera. Amansiisaan sirba Hacaaluu “Maalan Jiraa?” jedhu irratti yaadaa fi qalbiii uummataa Oromoo seenee; itti aansuun sirba weellisaa angafaa fi beekamaa Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu” jedhu irratti ammoo dhama aartii isaa lammaffaa nu dhandhamachiise. Itti aansuudhaan hojii weellisaa Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…” jedhuun ammoo ogummaa isaa deebisee mirkaneesse. Kana malees dookumantarii gababaa waa’ee Irreechaa irratti xiyyeefate ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhuun tokkummaa uummata Oromoo fi miidhagina Oromoo agarsiisuu danda’eera. Amansiisaan hojiiwwan isaa kanneen fakkeenyummaa guddaafi artiistoota, daayirekteeroota fi weellistoota birootiif barnoota kan kennedha.

Katabbii koo kanaan hojiiwwan Amansiisaan aartii Oromoo keessatti gumacheefi gumaachaa jiru isiniif himuuf utuu hin taane, injifannoon kun kan uummata Oromoo ta’uusaa isin hubachiisuufi. Oromoo marti dargaggoo kanaan boonuu qaba. Dargaggoonni dhaloonni qubee ammoo qeerransa keenya kanaa faana dha’uun kallattii irratti bobba’ee hojjechaa jirurratti cichee qeerransa ta’uu qaba.

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!
Horaa Bulaa Deebanaa
Gadaan Gadaa Bilisummaatti
Gammadaa Olaanaa

Hojiiwwan isaa armaan gadii Youtube Chanaalii isaa irraa dawwadhaa dawwadhaa!
Linkiin Kunooti
Malaan Jiraa: https://www.youtube.com/watch?v=gliv_skuGL8
Hin Oolu: https://www.youtube.com/watch?v=K_eZ1TjIU0M
Dubbii Lafaa…:https://www.youtube.com/watch?v=xdWsYURzzFE

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …