Oduu Haaraya
warra baharitti dhme2

Godaantonni Dhibbaan Lakkaawaman Garba Meditraaniyaan Keessatti Dhuman

Godaantonni biyyoota Afrikaa gama Bahaa dhibbaan lakkaawaman, gara Awurooppaatti cehuuf doniin ittiin deemaa turan, galaana Meditiraaniyaan gama Bahaa keessatti nyaatamuu irraa kan ka’e, dhumuu isaanii tu dubbatama.

Kanneen bgalaa sana irraa hafanii fi namoonni ijaan arggan har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, dooniin galaanaan nyaatamte sun gara godaantota dhibba shanii fe’attee deemaa turte. Namoonni lakkoobsi isaanii hin beekamne, bishaan daakuun dooniilee naannawa sana turan dhaqqabanii booda, achii fuudhamanii gara Griik geessaman – jedhama .

Ebla 07 bara 2016 Kamiisa galagala kaayiroo irraa Bidiruu xixxiqqoo muka irraa hojjataman irratti namoota digdama digdaamaan qodanii namoota 240 ta’an fe’amanii ka’an. Boorumtaa isaa Jimaata Ebla 8 bara 2016 walakeessa halkan galaana irra Doonii turte tokko bira nu geeessan jedhu baqattonni.Dooniin galaana walakkaa dhaabattee argan sun guyyaa 6 dura kaayiroo irraa kaatee maaliif akka dhaabatte hin beekamu.

Namoota 300 ta’an feetee turte kan jedhu baqataan lubbuun hafe tokko nu warra haaraa achii dhaqqabneen doonii ishee duraan achi turtetti darbaa nuun jedhan.Yeroo itti seenne namoonni 20 caalaan bidruu ishee xiqqoo irraa seenuuf dabaree eegaa turan.

Kana giddutti Donii inni guddaan gara tokkotti jallatee bishaan keessatti garagale. Kanneen irraa utaaluuf akkasumas daakanii ba’uuf carrooman namoota gara 10 ta’anii fi kanneen Bidruu xiqqaa irra ta’anii ce’uuf dabaree eegaa turan 20 caalan irraa kan hafe hunduu dhumaniiru jedhu kanneen lubbuun hafan.

Sana booda Bidiruu xiqqaan fe’amanii imaltuu kan itti fufan ta’us mootarri ishee dhaamee galaana irraa bultii 4 bulan. Baraarsitonni sana booda dhaqqabanii handaara galaan Grikiitti geessaman.Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …