Oduu Haaraya

Namoota balaa dooniitiin baharatti dhuman keessaa ilmaan Oromoo 250 tilmaamu keesssaa nama 9 qofaatu lubbuun bahe jedhu

Doonii biyya Masrii irraa gara Itaalii osoo deemaa jirtuu dhidhimterraa warri hafan akka jedhanitti, walii galatti namoonni doonii san yaabbatan gara namoota 550 yoo ta’an, kan dhuman gara 500 ti. Oromoon doonii sanirra turan, 250’tti yoo tilmaamaman; walii galatti hanga ammaatti baqattootni Oromoo lubbuun baraaraman 9 qofatu beekkame. Taarreen maqaa isaanii kan armaan gadii ti.

1. Joorji ( Baale irraa)
2. Ibsaa Abdusalaam ( Dirre Dhawaa)
3. Abdalla ( Baale)
4. Muaz Hassan ( Bale)
5. Abdulfattah ( Baale)
6. Gammachis Hussen ( Bordoddee, Harargee Lixaa)
7. Umar ( bakki hin beekamne)
8. Ibrahim ( bakki hin beekamne)
9. Ibsaa ( Bakki hin beekamne)

Ilmaan Oromo gabrummaan wayyaanee biyyaa baafatee bishaan kessatti dhihana kalluunaa fi hirbaata qurxummii tahan kessa maqaalee muraasa qabannee isini dhihaannee jirra.

1.Tofiiq Abdallaa
2.Muraad Abdii
3.Abdiisaa Haajii
4.Lammii shaafii
5.Aliizaa Xaahir
6.Yaasiin Abdulkariim
Kanebiros hedun adunyaraboqatanijiru rabinjanattasatin haqananiisuu

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …