Oduu Haaraya

Godina Hararghee lixaa aanaa Hawwii Guddina keessatti poolisoonni Liyyuu Hayil ja’amu nama sadii ajjeese jedhu

OMN:Oduu Wax.27,2016 Godina Hararghee lixaa aanaa Hawwii Guddina keessatti poolisoonni Liyyuu Hayil, namoota nagaa dhalataan Oromoo ta’an sadii haala sukkanneessaan ajjeessuun isaanii himame.

Godina Baalee aanaa Gindhiir irraa namoonni sadii sangoota hedduu qabeenya guddaatti lakka’aman, abbootii qabeenyaan bitamaanii gara godina Harargeetti osoo qarshiin oofaaf jiranii, garee humnoota somaalee ‘Liyyuu haayil’ jedhamaniin haala sukkanneessaan ajjeefamuun isaanii himame.

Jiraataan godina Harargee lixaa aanaa Hawwii Guddinnaa tokko akka jedhanitti, dhalattoonni Oromoo kun haala sukkaneessaa ta’een ajjeefamuu qofa osoo hin taane qabeenyi isaaniitis saamamuu ragaa bahanKan hedduu nama gaddisiisuu jedhu namni kun, ilmaan Oromoo kunneen guyyaa kamisaakan ajjeeffaman yommuu tahu, reeffii isaanii guyyaa tokkoon booda argamuun gaddaa guddaa tahu dubbatu.

Ilmaan Oromoo sadeen kanneen keessaainni tokko, ergaa rasaasaan rukkutamee wal’aansaaf gara buufata fayyaa geeffamuus carraqqiin ogeessootaa lubbuu nama kanaa baraaruu hin dandeeyees jedhaniruDhimma kana furuudhaaf, bulchiinsi gama Oromiyaaniis tahee bulchiinsi naannoo Somaaleen taasifame yeroodhaaf, namoota sossobuudhaaf kan fakkeessan malee, kan dhugaan rakkicha furuu irratti fuullefatee miti kan jedhanis jiraataa aanaa Hawwii GuddinaatiJiraattota godina harargee fi saboota Somaalee jiddutti wayta gara garaatti wal dhibdee uumamaa jiruun, lubbuun namoota heddu darbee jira.

Qabeenyaan jiraattotaas jalaa samaameera samaamas jira. Rakkoon akkasiis poolisoota liyyuu Hayiliin, kan isaan muudataa kan jiru yoo ta’u, jiraattoonnis qaama itti iyyatan dhabanii rakkoodhaaf saaxilamanii jiru.Loltoonni Liyyuu Hayil kun mootummaa Itiyoophiyaatiin leenjifamanii, meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuun namoota nagaa irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwataa jiran ammas halaanjabaatee jiraachuuniis himame jira.Itichaa Guddataatiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …