Oduu Haaraya

OMN: Gaafiif Deebii Perez. Oromiyaa Duraanii Obbo Juneeydii Saaddoo waliin

 

 

Prezidaantiin Oromiyaa Duraanii, Obboo Juuneddii Saadoo Maal Jedhu?


junedin_sada
Dhaabbatni Dimookitaatawa Uummata Oromoo yokan DhDUON walga’ii koree giddu-galeessaa gidduu kana geggeesseen dura-taa’aa dhaabichaa – Obbo Muktaar Kadirii fi itti-aantuu isaanii – aadde Asteer Maammoo taayitaa irraa buusuu isaa beeksisee jira.

Dhaabbatichi dheengadda ibsa baaseen akka beeksisetti, Kibxata – Fulbaana 20, bara 2016 gara galgalaa irraa akka beeksisetti, hoogganoonni ol’aanoon lameen taayitaa gad-lakkisuuf gaaffii dhiheessan, koreen gidduu dhaabichaa simachuudhaan akka taayitaa gad-lakkisan sagalee guutuun murteessuu isaa beeksise. Bakka Obbo Muktaar Kadir, ka duraan afaan-yaa’ii Caffee Oromiyaa turan – Obbo Lammaa Magarsaa buusamuu isaanii, bakka aadde Asteer Maammoo immoo, ka duraan Ministara Geejjibaa Mootummaa Federaalaa turan – Obbo Warqinee Gabayyoo filatamuu isaanii dhaabichi ibsa baaseen beeksisee jira.

Ka duraan prezidaantii Oromiyaa turanii fi amma as Yunaayitid Iteets keessa jiraatan – Obbo Juuneddii Saaddoo maal jedhu? Obbo Juuneddii allee gaaffiileen falmsiisoon ka’an hedduu dha. Waaien ofiis, waa’ee jijjirama amma DhDUO keessatti ta’ees ni dubatan.

Check Also

olla

OLLAA WELCOMES CALLS FOR A PEACE SOLUTION AND URGES ETHIOPIA-WIDE PEACE PROCESS

On September 11, 2022, the Government of Tigray External Affairs Office released a statement indicating their willingness …