Oduu Haaraya

Gaafin Oromoo Hooggansa Qabsoo Oromooti 

Birhanu M Lenjiso

*******************************************
Waggoota 3n darbe kana ummatni Oromoo gaafi gurguddaa sadi qabatee socho`a turuun isaa ni beekama. Gaafileen kuni gaafi deebi barbaadan qofa odoo hin tane hooggansa qabsoo ummata Oromos ta`an fayyadaa jiru. Ummata Oromoo kaabaa kibbatti, Bahaa dhihatti, biyya alaaf biyya keessaati, amantaan, siyaasan, naannoon odoo adda hin basiin akka wali faana hirriiran kan godhu gaafilee kana. Kanaafu gaafin Oromoo hooggansa bareedadha jechuun ni danda`ama.

Ummatni Oromoon Afaan tokkoon, yeroo tokkooti gaafilee kana kaasa ture/jira:

1) Eenyummaan Oromoo yaa kabajamu. Oromummaan kan ittiin hidhamnuuf ittiin ajjeefamnu odoo hin taane kan ittiin kabajamnu ta`u qaba. Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Feedaraala ta`u qaba.

2) Ummatni Oromoo qabeenya (uumama, humna nama, hawaasuma) isaarratti abbaa qabeenya ta`u qaba. Albuudn Oromo abbaa qabeenya biroof kenamu hin qabu, magaali Oromo mootummaa feedaraala gala galu hin qabu. Namni barate biyya arri`amu hin qabu, ajjeefamuuf hidhamu hin qabu, Oromoon hidhaman hundi atattamaan hiikamu qaba. Oromoon biyya isaarratti akka fedhetti walitti dhufee waan barbaade uumachu danda`u qaba.

3) Oromoon mirga ofiin of-bulchuu dangaa tokko malee gonfachuu qaba.

Gaafilee kana qabatan sodaa tokko malee mootummaa nama nyaata san fuldurra dhaabachuun wareegama lubbuu kan itti kanfaala tureef jirumoo Qeerroof Qarree Oromooti. Gaafi kana akka Oromoo guutun wal-qixa gaafatu kan godhe isaan. Dhihoo kanamoo poolisiin Oromoof MNO isaan faana hirriire jira. Gaafin Oromoof Qeerroon/Qarreen Oromoo ilaalcha namoota mootummaa isaan ittiin falamaa turan keessa jiru moo`achuun isaan injifannoo guddaadha. Activistoonf beektoni Oromosi adda dureen gahee isaan baha kan jiran ta`un ni beekama. Qabsoo ummata kana jajjabeesu keessati shoora guddaas taphataa jiru. Miidiyaan Oromo hundi gahee ammana hin jedhamne taphachaa jiru.

Sochii amma ammaati godhame keessati injifannoon bayeetu galma`ee. Isaan keessamoo: diina keenya addaan baafachuuf tokkummaan irraatti duulu keenya iddoo guddaa qaba. Amma qabsoon ummata Oromoo sadarkaa dhumaara gahee jira. Qabsoo kana injifannoo ummatni keenya barbaadun xumuruuf tokkummaa ummatichaa cimsani itti fufuun barbaachisaadha. Tokkummaa kana eegnee itti fufuuf immo wali dhageeffachuun waan filannoo hin qabne ta`un hubatamuu qaba

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …