Oduu Haaraya

Hubachiisa !! xalayaa tooftaafi karoora diinni torban dhufuuf baafate

Hubachiisa!!

Akkuma beekamu Oromoon gamtaadhaafi tokkummaan FDG gaggeessaara. Kunis qabsoon ummattin keenyaa gaggeessa jiru gara gulantaa haaraatti ceesiseera. Amantaan, lagaan, ilaalchaa siyaasaaf dhimmoota gara garan walqooduu dhiissuun madda cimina qabsoo kana ta’uun isaa iraanfatamuu hin qabu. Dabalataanis gumaachii odeefannoo walidabarsuu, gara OMNfi Facebookn gaggeefamaarulle meeshaa qabsoo keenyaa cimaadha. Gama keennaan kana haa jennu malee diinni keenyas rafee bulaa hin jiru. Halkaniifi guyyaa nuratti hojjachaara.
Torbaan darbee asiifi torbaan dhufus baldhinaan haala biiroolee ykb waajjiraalee hunda hammateen walgahii irra deebi’anii gaggeesuudhaaf qophiin xumurameera. Sababni walgahiin amma gaggeefamaa jiruufis:
1ffaa : Walgahiin torbaan lamaan dura gaggeefame galma yaadame akka hin milkaa’in qorannoo waajjira Dhaabaatti gaggeefame irratti waligalameera, Akka kallatiin isaaniif gooftaawwaan isaani obbo Abbaayi Tsahaayyee irraa itti kennameef jeequmsi kun ABOfi farra misoomaattu qindesse jechuudhaan akka hojjataan hundii irratti waliigalu
2ffaa : Walgahii gaggeefame irratti gaaffiiwwaan gara garaa hojjattoota irraa haala qindaa’een dhiyaatan yaani mormitootaa olaantummaa akka argate kan agarsiisuudha. Kun immoo hojiin Dhaabaa waan hin hojjaneef miseensooniis raafamaartuu jechudhaan qorataniiru. Dhimma kana irratti miseensooni cimoon mormii isaani kan ibsani yoo ta’u kan hafan immoo biyyi diigamuudhaaf jechuun afaan guutaniis dubachuu sodaataniiru. Asi irratti dhimma nama gammachiisu miseensoota OPDO ergaa gubbaa itti kename dabarfachuuf sodaa guddaa keessa galaniiru. Maqaa hojjatoota mormii cimaa dhiyeesaniis kennuuf sodaataniiru. Faallaa kana garuu hojjatooni yaada ciccimoo ifaaf haala qindaa’een dhiyeessuudhaan kaayyoo isaanii fashalsiisaaru. Ajeechaan, hidhaafi tumaan waan daa’imman keenya irratti gaggeefamaaruuf nuti kana sodaaf falmii keenyaa irraa boodatti hin deebinu jedhaniiru.
3ffaa : Miseensooni OPDO toora isaani akka ifaan ibsan taasisuuf. Kana jechuun miseensooni OPDO hedduun ragaa kenuun, gaafiiwwaan cimoo ta’an dhiyeesuun ergama dhaabaa akka iraanfataniif yeroo amma immoo ykn toraa Dhaabbatichaa deeggaruun waltajjii gara garaa irratti sagalee isaani ol kaasuun dubbachuu ykn immoo farreen nageenyaa waliin hojjachuuf kan filattanis daandii nagayaa isiiniif hawwina jedhaniiru.
Karoora Torbaan dhufuu
1. Guyyaa Wiixataan dura miseensoota Dhaabaa kophaatti walitti qabuun waadaa seensisuu. Yaanni kennamu qabu baldhinaan akka ta’u dhimmota ijoo keessaa muraasin lubbu namaa dabarteefi qabeenyaa mancaa’eef gaddineerra. Haa ta’uu malee farreen nageenyaafi shororkeessitoonni jeequmsa kana keessaa harka qaban seeratti akka dhiyaatan dhimma kana tasgabbeessuuf tarkaanfiin mootummaan fudhate sirriidhaaf seera qabeessa akka jedhani miseensoota dhaabaaf ergamni kennameera.
2. Guyyaa Wixataa (2/05/2008) Waajjiraaleen hunduu hojjatoota mari’achiisu qabu jedhameera
Walgahii irratti hojjatoonni gamtaan akka yaada cimaa hin dhiyeessine galma gara garaatti addaan qooduun mari’achiisuu;
• Hojjatoota armaan dura yaada cimaa dhiyeessan akka dhimma kana keessa hin gallee hiriyyoota isaaniin akka gorfaman itti himameera. yoo ta’uu baate rakkoon akka muudatuniis akeekkachiifni keessa keessa kenameera;
• Akka hojjattooni bilisaan yaada isaani hin ibsineef sodaachisuufi TV akka waraabamu murteesuudhaan akka qaama biraatti ragaan darbee hin kennamneef namoonni dhimma kana hordofan moggaafamaniiru
Miseensoonni yeroo dheera fudhachuun akka yaada kennan mari’atameera.
• Ragaalee guutuu (maqaa, teessoo, bilbilaaf kkf) hojjjatoota walgahii irratti dubbatan dabarsanii kennuuf waadaa seenaniiru. Dhimma kana kan qindeessan hooggantoota waajjiraaleeti.
• Qaama biraa irraa hojjatoota waajjiraale kan hin ta’in namoonni muraasaa haala walgahiin ittin gaggeefame akka madaalaniif ramadamaniiru.

Dhimmoota kana yaada keessa galchuudhaan nuti maal? haala kamiin? Yeroo kam raawwachuudhaan karoorri isaani akka galma hin geenne gochuudhaan dhukkubbi mataa itti cimsina? Daa’imman, shamarran, dargaggoota qeerroofi manguddoota keenya bira dhaabanna? Yeroo murteessaa irra geenneerra . taayitaaf biddeena tigireen akka hambaatti nuuf kennitu moo, dhiiga lammii keenyaattu nuuf caala?
Gaheen keenya
• Walgahiin osoo hin jalqabne lammiiwwaan keenya kan mirgaa isaaniif osoo haala nagayaan falmatan mootummaan abbaa irree rasaasaan ajjeeseef yaadanna(kadhannaa) sammuu akka gaggeefamu gaafachuu, harka keenya ol kaasuudhaan mormii agarsiisuu,
• Hojjatoota waajjiraa keessani malee kan biraa akka isinitti hin makaminee gochuudhaan kan isaan akka hordofaniif ramadatan baasuu( ari’uu)
• Waan gaggeefamu hunda maloota gara garaan sagalees ta’ee vidoo waraabuu;
• Akkuma isaan yaadan , nuttis ragaalee namoota OPDO deeggaruudhaan dubbatanii fotoo isaanis dabalachuudhaan qabachuu qabna
• Yeroo isaan dubbatan hundi keenya itti gungumuudhaan rifachiisuu, itti kolfuu fi kkf gochuudhaan akka isaan yaada isaani hin ibsane taasisuu
• Hojjatoota yaada isaani mormu yoo dubbatan harka rukutuudhaan hamilee isaani cimsuu

Xumura irratti tokkummaa saba keenyaa diiguudhaaf yeroo ammaa ballinaan irratti hojjachaaru. Kanaafu hojjataanis ta’ee hooggansi biddeenaaf jedhee dhugaa jirtu jallisuudhaan isaan waliin shubbisuu barbaadu jiraanaan.
Lafeen gootota keenyaa kan dhimma kanaaf wareegamanii isin haa waraantu, bishaan isin dhugdan akka dhiiga isaanitti isinnit haa hadhaawu, foon isin nyaatan foon isaani kan rasaasaan rukutamee cite lafa dhayee isintti haa ta’uu. Garaaf jetani sammuu keessan hin gurgurinaa. Sababa kanaan saba keessanis lubbu keessanis akka dhabuu dandeesan yaadaadhaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …