Oduu Haaraya

Hamma mootummaan mirgaaf dantaa ummata Oromoo kabajee kabachiisu jaaramutti qabsoo isaa itti fufuu qaba.

Dhugaan Oromoo tola OPDOtiin osoo hin taane wareegama ilmaan isaatin baate; mirga abbaa biyyumaa guutus falmaan malee tolaan hin argatu

Ibsa Dh.D.U.On baafte ilaallee jirra. Ibsa kana keessatti Master Pilaniin guutu guututti akka haqame, labsiin magaalota Oromiyaa’s Caffeen irraa deebi’aa akka ilaalu, akkasumas Finfinnee irratti dantaan Oromiyaa akka hojirra oolu hojjachuuf murtyeessuu ibsanii jiran. Ibsa kanarratti waan muraasa jechuun barbaachisaadha
1. Dh.D.U.On ibsa kana jaalattee osoo hin ta’in qabsoo ummata Oromootiin dirqamtee akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Dhimmoota kaleessa gaafii dhiphootaa jedhanii xiqqeessaaa turan, kan warra kaases abaaraa, hidhaafi ajjeesaa turan; har’a gaafii haqaati, ni dhaabna jechuuf dirmanii jiran. Kanaaf ammoo galatnii qabsaa’ota Oromoo dhiigaaf lafee isaanitin wareega baasaniif haa ta’u. Kana akka injifannoo Ummata Oromootti ilaalun barbaachisaadha.
2. Mootummaan dirqamees ta’e erga gaafiileen ka’an gaafii haqaa ta’uu amante hidhaa, madeessaafi ajjeechaa ummatarra gaheef itti gaafatamummaa guutu fudhachuu qaba. karaan itti gaafatamummaan kun qabatamaan itti mul’atu keessaa:

a. Ummannifi hogganni Oromoo sababa gaafii haqaa kana kaasaniif hidhaman haal duree tokkoon maletti hiikamuu qaban

b. Namoota ajjeefamaniif warri rasaasa dhukaaseefi kan ajajes mana murtii walabaatitti seeraan adabamuu qaban

c. Qondaalonni mootummaa kanneen akka Abbaay Tsahaayyeefi Geetachoo Raddaa gaafii har’a dhugeeffatamte tana ololaan xureessaa ummatarratti lola labsan aangoo isaanitirraa saffisaan kaafamuuf seeraan gaafatamuu qaban

d. Muumichi ministeeraa mirga heerii mootummaa keenneef ummata falmateen shoororkeessaa jedhee ifatti lola labse aangoo isaatirraa ka’u qaba

e. Itti gaafatamtooni mootummaa naannoo Oromiyaa isaan waliin dhabatani ummaata ajjeechissisa turaansi aangoo isaantirraa ka`u qaba

f. Waraanni ittisa biyyaatifi poolisii federaalaa magaalotaafi baadiyyaa Oromiyaa keessaa ummata hokkaraa jiru saffisaan bahuu qaba

3. Itti gaafatamummaa kana guyyyoota muraasa keessatti Dh.D.U.O fi mootummaan isaan tajaajilan hojitti hiikuu baannaan yookin ibsa isaan baasan kanatu soba ykn akkuma namuu beeku aangoo murteessuu hin qaban.

Haa ta’uu malee tarkaanfilee armaan olitti eeraman kana fudhachuuf Dh.D.U.O fedhiis ta’e humna akka hin qabne ummanni keenya sirritti bareechee akka beeku shakkii hin qabnu. Dhugaa har’a koreen jiddu-galaa Dh.D.U.O baate kanas irree tokkumaa isaatin hurgufee, muddee kan argate ta’uun ifaadha. Kanaafuu ilmaan isaa badii malee ajjeefamaniif gumaa baafachuuf, kanneen hidhaman bilisa baasuuf, lafa isaa irratti abbummaa mirkaneeffachuuf wabiin isaa qabsoo tokkummaan godhu qofa ta’uu sirritti hubata. Kanaaf hamma mootummaan mirgaaf dantaa ummata Oromoo kabajee kabachiisu jaaramutti qabsoo isaa itti fufuu qaba.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …