Oduu Haaraya

Hiriira Mormii Godinaa Arsii fi Ka Wallaggaa Bahaa Keessaa

hirriira

Godina Arsii Anaa Muneesaa magaalaa Qarsaa keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa kibxata Bitooteessa 15 bara 2016 hiriira mormii gaggeessuun waraanni Agaazii qubatee jiru haa ba’uu, murtiin haqaa nuuf haaeegabuu, mirgii keenya haa eegamu jechuun gaafatanii jiran.Yeroo kanattis polisiin naannoo fi Federaalaa hiriirtoota diguuf reebaa fi Gaaza himiimaansuun gargaaramuu isaanii barattonni ibsanii jiru.Yeroo gabaabaa keessatti waraanni mootummaa seenee reebicha hamaa geesisuu isaa fi barattonni lakkofsaan torbaatamaa ol ta’an hidhamuu jiraattoota keessaas namoonniishan dararaa barattoota irratti gaggeffame bilbiila harkaan waraabdan jedhamuun hidhamuu isaanii ibsamee jira.

Itti gaafatamaan waajiira polisii aanaa Muneesaa inspeekter Tarreessaa Dheereessaa barattonni hangi tokko kaleessa jeequuf yaaluu isaanii ibsanii amma hunduu nagaa jedhan.Jiraattoota keessa shan karaa foddaa waajiira isaanii haala ture bilbila harka isaaniin waraabaa turan jechuun eega qabamanii booda gadhifamuu dubbatan. Lakkofsa barattoota hidhamanii kan hin ibsine aangawaan polisii kun hunduu gadhifamanii kudhan qoftii dhimmi isaanii seeraan qoratamaa jira jedhu.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariam Dassaaleny Oromiyaa keessatti dogoggorri hojjatamuu kan amanan ta’us kan dubbataa jiranii fi kan amma qabatamaan ta’a jiru faallaa waan ta’eef kan dubbatan sun soba jedhu barattonni.

Gama biraatiin, godinaa Wallaggaa Bahaa, aanaa Kiiramuu keessatti gara xumura torban dabree irra barsiisonni afurii fi dargaggoonni sadii humnoota poolisii aanichaan qabamanii achi-buuteen isaanii waan dhabameef jecha, Wixata dabre, Amajji 16, bara 2015 barattoonni manneen barnootaa magaalaa Kiiramuu keessa jiran marti hiriira bahuu isaanii dubbatu – barattoonni. Akka barattoonni jedhanitti, barsiisonni aanaa Kiiramuu keessaa qabamanii achi-buuteen isaanii dhabame: Lataa Asaffaa, Katamaa (Carraa) Nagaasaa, Dhaabaa Soorii fi nama magaalaa Haaroo tii barsiisu, kan Eliyaas jedhamu. Dargaggoonni hidhaman sadeen immoo, Anumaa Adabaa, Efreem Temesgeenii fi Habtaamuu Oliiqaa ti.

Humnoonni polisii aanaa Kiiramuu, barafttoota hiriira ba’anitti bobba’uudhaan reebanii, garii isaanii qabanii mana hidhaatti naqan – jedhan, barattoonni. Hiriirri geggeessame, ka jedhame akka quba hin qabne ka dubbatan – Itti-aanaa Itti-gaafatamaan dhimma nageenyaa aanaa Kiiramuu – Obbo Tseggaayee Oljirraa immoo, “barsiisota hidhaman jedhaman warri hidhe jiraachuu mala. Gama kiyyaan waanan beeku hin qabu. Dargaggoonni sadeen immoo dhuguma hidhamanii jiru. Ana tu dhimma isaanii hordofaa jira. Hattoota” jedhan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …