Oduu Haaraya

#OromoProtests – Mass Protests, March 16, 2016

#OromoProtests – Mass Protests, March 16, 2016


‪#‎OromoProtests‬ Guyyaa har’a Bitootessa 16, 2016 Agaazin magaalaa Gincitti akkaa suuraa gubatti gaartan kaanan gurramaa olan. Uummata keenya kan magaalaa Gincii rabbiin/waqni wajjiin haa jiratuu!
10553448_1299116353448178_2485300006169750160_n


#‎OromoProtests‬ the following people have been arrested today from Gujii zone Hayi Dima district Dawa kebele and taken to unknown place. March 16, 2016
1. Shimalis dhadacha
2. Qumbii danbalaa
3. Duuba birdheessa
4. Kotee garbii
5. Dastaa Aanolee
6. Eebbisa Aanolee
7. Lataa dawwa


WASANUU DIIDOO
Hangaftoota mul’iftoota artii muuziqaa Oromoo keessaa tokko kan ta’e weellisaa Wasanuu Diidoo, nama yeroo duraatiif Finfinnee galma ‘Hager Fikir Theater’ keessatti afaan Oromootiin wallise ta’uun seenaa galmeesse. Wasanuu Diidoo maasinqoodhaan sirboota qalbii nama hawwatan sirbuun kan beekkamu yoo ta’u, sirboota isaa keessaa “Maasaan gamaa lafa hin baatu” fi “Alam Mangistaata bira deemna” kan jedhu kan irra deebi’amanii sirbaman waan ta’aniif gurra namoota hedduu keessa kan jiraniidha. Haalli boca sirbaa inni ijaare, yeroo ammaa kanattis fakkeenya guddaa ta’ee wallisoota lafaa dhufan karaarra kaa’ee jira. Namni seenaa dalage yoomuu ni yaadatama!
wasanu_diidoo



‪#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) The “Bishaan Bishaan Revolt” will happen in Oromia soon as TPLF cutting water supply in many parts of Oromia.
This is a scene in Sude district, Arsi where people have to wait for days to get a jerrican of water.will come the Oromo resistance against foreign encroachment and domination in Oromia.
bishan


‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Machaaraa keessatti didaan bifa addaan itti fufee jira. Diddaan ahga yoonaatti deema ajiru amma illee hin qabbanoofne. Baay’inaan barattoti kutaa 9 fi 10 baratan section 11 keessaa section 3 qofatuu erga mormii yeroo darbe sanatii kutaatti deebi’e. Haaluma kanaan kanneen kutaatti deebi’anis, guyyaa har’aa yeroo boqonnaatti mormii dhageessisuuf yaalii godhaniiru. Haata’uutii, humna waraanaa dursitee waan dhaqqabdeef sochii barattotaa uggurtee jirti. Sababa kanaan waaranni agaazii mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Daaroo Labuu kan magaalaa Machaaraa weeraree oole.


#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) Melbourne Oromos are heading to Canberra for 17th of March solidarity rally and for an important meeting with Australian Ministry of Foreign Affairs. It’s expected that Oromo community from South Australia, Western Australia, New South Wales and Queensland will join this important solidarity rally at Canberra.
=============
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Kunneen miseensota Hawaasa Oromoo biyya Australia kutaa Victoria keessaa yeroo ammaa gara magaalaa gudditti, Canberra, imalaa jiran. Akeeki imala kanaa diddaa Oromoo biyya keessa deeggaruu fi miidhaa fi dararaa ummata Oromoo irra gahaa jiru mootummaa Australiatti beeksisuuf akak ta’e qindeessitooti ibsanii jiru.
Hiriira gamtaan gaggeeffamu kun Kamisa boruu, Bitootessa 17 bara 2016 gaggeeffama; hiriira kana irratti argamuufis hawaasti Oromoo Kutaalee Victoria, South Australia, Western Australia fi New South Wales gara magaalaa gudditti Australia, Canberra, deemuutti jiran.
Bakka bu’ooti hawaasa Oromoos itti gaafatamtuu dantaa alaa Australia Ms.Juli Bishop waliin akka dubbatan sagantaan qabamee jira.
melbourn


‪#‎Oromoprotest‬ guyyaa har’aa Bitooteesa 16/2016
University adaama kessatii diddaa Gaggeeffameen humni agaazii mooraa marsani jiru. barattoota hedduus dararaa akka jiran gabaafamee jira.


#BilisummaaOromoo-(16.03.2016, #XumuraGarbummaa, Oromiyaa) Duulli OPDO qulqulleessuu kan sadarkaa giddu galeessaa eegalame. Duula ammaa kanaan miseensoti OPDO sadarkaa giddu galeessaatti argaman qoratamanii, tarkaanfiin irratti fudhatama.
Duula kana milkeessuuf geggeessitoonni giddu-galeessaa OPDO har’a irraa eegalee guyyoota sadiif qorannoo taa’u. Duulli geggeessitoota giddu-galeessaa OPDO kun Magaalota Finfinnee, Adaamaa, Shaashamannee, Naqamtee fi Jimmaatti geggeeffamaa jira. Duula kanas dabballooti Wayyaanee kalalttiin kan hordofanii fi kan to’atan ta’uun beekameera.
Adama

10570327_10207833409024877_379850233895148284_n


‪#‎oromoprotests‬
Oduu Ammaantana 16 216 Roobii Har’aa Goodina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Magaalaa Adaabbaa keeysatti Mormiin Cimaan Gaggeeyfamutti jira . Mootummaan masgida rukuutuun amantiwwan biroo walin walitti buusuuf deemaa jira .
Humni Woraana Poolisa fi Fedraalli Ormiyaa Konkolaataa Hedduun Magaalaa Dodolaarraa Gamasitti Akka Fe’amaaran Jiraattota Naannootirraa Odeeffannoon Nugahe Ibseera Magaalaan Adaabbaa Humna woraaniitiin Akka Guutamte Nidhagahama Sagaleen Dhukaasaas Baay’inaan Akka Dhagahamuu Odeeffannoon Nugaheeraa Miidhaan Hanga Ammaatti Dhaqqabe Nun Geenne Intarneenni Guutumaan Guututti Akkan Hujne Hubanneerra .
adaabbaa


‪#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia)This is Abbas Roobaa Bulloo a 16 years old student who was gunned down by Agazi soldiers in Adaba town, West Arsi, today March 16, 2016.
======================
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Kun Abbaas Roobaa Bulloo, kan waggaa 16 ti. Abbaas guyyaa har’aa Arsii Lixaa magaalaa Adaabbaa keessatti waraan Agaaziitiin ajjeefame.
9154_10207834367848847_565884343400746249_n


Bitootessa 16,2016) Godina Harargee Lixaa fi Harargee Bahaatti magalota kannen akka Baddeessaa fi Aanaa Baabillee fi Calanqootti FXGn mootummaa abbaa irree wayyaanee akkuma raasetti itti fufeetu jira. Hidhaa fi ajjechaan kan irratti babal’ataa jiru Godina Lixa Harargee keessaa gochi diinaan raawwatamu hammaataa ta’ullee, ummatni keenya murteeffatee jira.
– Ajjechaa fi hidhaan boodatti nun deebisu
– Dhiigni dhangala’e akkasitti hin hafu; gumaa isaa BILISUMMAADHAAN baasna
– Hidhamtootni hamma bahanii fi hamma bilisummaa fi walabumma keenya
mirkaneessinutti qabson keenya itti fufa kan jedhu waraqaan gidduu kana bittimfamee jira.
Barataan kamuu hirmaannaa barumsaa dhaabee gara FXGtti fuula isaa guutummaatti deebisee kan jiru godina Harargee lamaanuutti jabeeffatee jira. Ummannis barattoota waliin dhaabbatee FXG galmaan gahuuf kutatee ka’ee jira.
Akka Oromiyaatti yeroo ammaa humni waraana wayyaanee kan qubatee jiruu fi konkolaataan daandiirraa dhagaa kaasu kan waraana magaalotaa fi dhaabbilee barnootaa yuuniversitiitti xiyyeeffatun socho’aa jiruu dha.
12821370_1718826011669366_5797240233499178336_n


‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Godina addaa naannawaa finfinnee magaalaa sabbataa mana barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa Sabbataatti ammaan tana ijoollee Oromootin FDG qabsiifame itti deemamaa jira.Humni waraana agaazii barattoota tumaa jira.
Barattooti garuu diddaa fi mormii isanaii jabeessanii jiru!


‪#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) These are students in Shambu ( Horo Guduru Walaga) continue with their protest
=====================
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Kun Diddaa Oromoo kan Bitootessa 16,2016 Barattootni mana barumsaa qophaa’ina Shaambuutiin gaggeessame. Barattooti kunneen diddaa fi mormii isaanii karaa nagaatiin gaggeessuun gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo akka deeggarran mirkaneessan. Didda akana booda dhaadannoo addaddaa dhageessisuun mana barumsaa cufanii galanii jiru.
Barattooti hedduunis sababa Kanaan hidhaatti guuramaa jiru.
75581_10207834838020601_8855954616309412698_n


‪#‎OromoProtests‬ mormii Guyyaa har’aa Bitooteesa 16/2016 Harargee Bahaa Anaa Malkaa Balloo magaalaa Harawaacaa keessatti taasifame akkan fakkaata. Poolisootnii agaazii uummata reebaa jiran.
7472_1298968723462941_977459593775455730_n

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …