Master plani amma Wayyaaneen baafte Finfinnee babaldhisuuf otoo hin ta’iin Oromiyaa daangaa daangaan adda qoqqoduu dhaan, Uummata Oromoo addaan faffacaasuuf plana qindeeffamee dha.
Garuu kun ebjuu yeroof Diinni Abjootaa jiruu dha malee Oromiyaa addaan kukkutuun gonkumaa waanna ta’uu danda’uu miti. Biyya keessaa alaa ilmaan Oromoo harka wal-qabanee master plani shiraan xaxame kana haa fashaleessinu! Bifa adda addaan dhiibbaa fi miidhaa Saba Oromoo’rra gahaa jiru, akkasumas gabrummaa alagaa ufirraa darbuuf ilmaan Oromoo sochii Uummataa (Mass Revolution) gaggeessuutu nu’rraa eeggama!!