Oduu Haaraya

Dimookraasii, Filannoo fi Angoo Siyaasaa Maaliif Barbaachisa?

————————————————————————————————-
————————————————————————————————-
‘’Garaagarummaa ilaalchaa mormuun uumaa rabbii mormuu dha’’
……………………………………………………………………………………..
Mootummoonni Abbaa irree misooma fiduun rakkisaa dha:
————————————————————————————-
————————————————————————————-
Namoonni baayyeen uummanni yo jabaatee hojjate ni misooma ni badhaadha; angoo siyaasaa, dimookraasii maalxuqusee wonni jedhamu kn waan quufa duuba dhufu jedhan. Kun garuu dogongora. Mootummoonni Abbaa irree misooma fiduun rakkisaa dha. sababni:
1. Uummanni press hin qabne ykn mirga yaada ofii ibsachuu hin qabne angawoota qeequu hin danda’u; kun ammoo angawoonni gufuu/lugaama tokko malee akka fedhan corrupt akka ta’an taasisa.
2. Olaantummaan seeraa yo hin jiraanne, tasgabbiin jiraachuu hin danda’u yeroo maraa uummata hidhuu fi uukkaamsuu dha, Investeroonni ammoo hegeree qabeenya isaaniitiif waan sodaataniif; gaafa tokko fincilli yo dhoo’e nageenni boorawe qabeenyi keenna ni bada ykn ammoo osoo dhimma wayiif rakkannee mana murtii dhaqnee haqa hin argannu jedhanii waan sodaataniif invest hin godhanu.
3.Beektonni ilaalcha sirna/mootummaa sanaa morman ukkaamfamaa fi hacuuccaa baqatanii biyyaa yaa’u. Eenyutu barsiisa? Eenyutu misoomsa. Namni biyyi sun maallaqa meeqa itti jigsitee barsiiste ” an lakkii farra-ngaa, farra-misoomaa, seelii diinaa” fi kkf jedhamaa akka quum-isranyaatti as keessa hin jiraadhu jedhaa biyyaa baqata. Kun biyyittii humna nama baratee irraa xiqqeessa misooma ishii duubatti hambisa. Itoophiyaa keessatti ammaan tana uummata alaa dhiisiitii miseensonnii fi angawoonni ADWUI illen waanuma ta’an dhaban malee garaan madaaweera, keessi isaanii gubateera. Dhara odeeffamu waan beekaniif namoota dhalootaan dharaaf dhalatan kan namummaa hin qabne yo ta’an malee namni nama ta’e hundi of jibbeera. Kanaafuu biyyittiin hiyyummaa keessaa bahuu hin dandeessu………………………………………………………………….
————————————————————————————————–
Mootummoonni abbaa -irree(dictators) ta’anu gosa sadii:
……………………………………………………………………………….
1.Tokko, kanuma deeggarsa uummataatiin gara aangoo dhufanii erga aangoo qabataniin duuba abbaa-irree ta’an. Sagalee uummataa caqasuu didan, aangoo gad-dhiisuu didan, malaammaltummaadhaan cuuphaman.
2. Gosti lammataa ammoo kanneen matoomarraa kaasanii irreedhaan/uduudaan gara aangootti dhufan. Kan akkasuma abbaa-irree ta’anii itti fuufan. Isaan kun osoo dimookraatessuu fedhanii hojii gaarii yo hojjatan osoo angoorraa hin buune dimookraatessuu danda’u.
3. Humnaan gara angoo dhufan, humnaan angooorra jiru; osoo angoo gad hin dhiisne carraa dimookraatessuulle hin qaban.
………………………………………………………………………………………..
……………………………………………………………………………………….
Biyya tokko dimookraatessuuf yo murteeffatte sagalee uummataa dhaga’uuf qophii ta’uu qabda. Yo uummanni sagalee isaatiin angoorraa bu’i siin jedhe bu’uuf qophaawuu qabda. Uummanni yaada isaa akka ibsatu dhiibbaa fi sossodaachisaa tokko malee, shira tokko malee akka uummanni yaadasaa ibsatuu fi filannoo gaggeessu eeyyamuu qabda. Isa kanaaf fakkii guddaa kan ta’u pirezdaatii Naayijeeriyaa Oliiseegun Obaasaanjoo dha. Naayijeeriyaan erga uummata adii jalaa bilisa baate booda yeroo dheeraaf fonqolcha mootummaatiin jeeqamaa turte. Saniya Baachaa, Babangidaa fi kkf angorra erga turaniin duuba Obaasaanjoon fonqolchaan gara angoo dhufe. Jeneraalonni duraanii martinuu erga fonqolchaan angoo qabatan booda filannoo sobaa kan gaggeessaa turan ta’us Obaasaanjoon filannoo bilisaa gaggeesse. Ummanni Naayijeeriyaa silattuu loltuun gad hindhiistuu gaafuu filannoo jedhaa nu sobdi jedhee obaasaanjoo kuffise. Obaasaanjoon angoo gad dhiise. Ummanni Naayijeeriyaalle hin dinqisiifate. Addunyaalleen ajaa’iba jette. Afrikaa keessatti namni angoo gad dhiise Mandeellaa dura hin turre. Uummanni Obaasanjoo baayyee jaalate. Nama sagalee keenya kabaje jedhee faarse. Woggaa shaniin duuba Obaasaanjoon dorgomnaan harka dhibbaan filatame. Maaliif seetan? Akka inni uummata jaalatu akka inni nama dhugaa ta’e uummanni mirkaneeffate kaa!!……………………………………………………………………………………………….

Filannoo
————-
————-
Sabni mirga filachuu yo argate namoota/dhaaba cimaa ofii jaallatu fi kan uummata jaallatu, kan dandeettii qaban filata. Namoonni akkasii kun bakka bu’oota (representative) isaa ti. Namoonni kun dhimmoota diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa irratti seera jajjabaa uummataaf fayyadu tumu. Angawoota jajjabduu filu. Qaama hojii raawwachiiftuu toowatu. Angawoota malaammaltummaadhaan laaqaman hojiirraa ar’u. Wolumaa galatti ol’aantummaa seeraa mirkaneessu.
Miidiyaa
Rabbiin ilma namaa kana akkuma bifa garaagara godhee uume kana yaadaa fi amalallee akksuma gara gara godhee uumeera. Dandeettiin hubannoolleen akkasuma gara gara. Kanaafuu Waanuma tokko irratti namni ilaalcha garagaraa qabaata. Kun uumama rabbii ti. Akka mootummaan Woyyaanee yaadu ilmaan namaa duuchii ilaalcha tokko akka qabaatanu yaaluun uumama Waaqaatiin mormuu dha. Miidiyaan bilisaa jiraachuun/mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu (freedom of speech) yo mirkanaawe
1. namoonni mootummaa morman yaada isaanii siyaasarratti, diinagdee fi hawaasummaa irratti sodaa malee ibsatu. Poolisii/tersiimoo misoomaa mootummaan ittiin deemurraa gaggaarii ta’an qabatanii fulla’uu danda’u.
2. Uummanni haala bulchitoota isa, haala diinagdee fi siyaasaa qaama garaa garaarraa dhaga’uudhaan beekkomsa argata. Waan tokko jibbuu fi jalachuun ykn filachuun yo odeeffannoo fi beekkomsi jiraate dhufti. Namni makiinaa/konkolaataa gosa tokko qofa beeku saniin ala konkolaataa gosa biraa yaaduu hin danda’u. Mootummaan biyya bulchu garuu hawaasi biyya sanii akka odeeffannoo gara biraa hin dhageenye ilaa fi gurra duuchee miidiyaalee akka VOA fi Raadiyoo Jarmanille ukkaamsee(jam godhee) filannoo biraa /yaada biraa akka isaan hin beekne dukkana keessatti mana itti cufee raatessee bulcha. Dur Hayilesillaaseen faa ilmaan isaanii fi kan angawoota guguddaa qofaaf barnoota eeyyamanii uummata biraa dukkana keessatti dhoowwanii ‘’nu Waaqarraa ergamnee, sanyii addaatii’’ nuuf sagadaa jedhanii sagachiifataa bitaa turan. Ijoolleen diqqoon ila banatte garuu cunqursaa san mormitee sirna san burkuteessite. Namni yo ilti hin banamin wa mormuu hin danda’u, maaliif? Waan lafa hin dhaggineef.
3.Miidiyaan bilisaa malammaltummaa fi gochaalee seeraan alaa kan mootummaaf qaamonni bulchiisaa dalagan waan saaxiluuf itti gaafatamummaa mirkaneessa. Yo miidiyaan wolabaa jiraate angawoonni daba garaa garaa hojjatan baayyee of eegan. Amma garuu kan mootummatti dhiyaatu isaan waan ta’aniif nama yakka isaanii morme mormituu/shororkeessituu jedhanii hidhuu fi hiraarsuu danda’u. 4. Wolabummaan pireesii fi yaadaa filannoof dhagaa bu’uuraa ti.

Angoo Siyaasaa
————————
———————–
Aangoo siyaasaa dhunfachuun seera biyyi ittiin bultu murteessuu nama dandeessisa. Poolisii fi tarsiimoo siyaas-diinagdee fi hawaasummaa biyyittii murteessuu dandeessisa. Qaamni angoo siyaasaa harkaa qabu poolisii diinagdee, hawaasummaa fi misoomaa bifa barbaadeen boca. Yo barbaade poolisii fi tarsiimoo garee tokko qofa duroomsitu boca. Yo barbaade ammoo poolisii uummata maraaf fayyadu kan wolqixxummaa, bilisummaa fi dimookraasii mirkaneessuu dandeessisu boca. Kanaafuu uummanni mootummaa abbaa irree buusee mootummaa fedhii uummataarratti hundaawe ijaarrachuuf qabsaawuu qaba. Mootummaan akkasii kun Dimookraasii, Olaantummaa seeraa, kabaja mirga namoomaa, bilisummaa yaada ofii ibsachuu, misoomaa fi badhaadhinna fiduu danda’a.

Kanaafuu uummanni carraan inni qabu jabaatee wol-ijaaree mootummaa abbaa-irree kana ofirraa darbee mootummaa dimookraatawaa ijaarrachuuf qabsaawuu qaba.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …