Oduu Haaraya

Aaddee Aaliyaa Mussaa Ibraahim (Haati Aanaa ) waxabajjii 17/2015 Du’aan Addunyaa kanarraa boqatee jirti.

Oduu Gaddaa : waxabajjii 17/2015

Hegeree Oromiyaatiin

Aaddee Aaliyaa Mussaa Baqattummaan Magaalaa Cairo biyya Misraa keysatti jiraachaa kan jirtu hoggaa tahuu ji’ota Afarn bodaa kana dhukkubshchaa turuun isii ni yaadatamaa.

Garu dhukkubni kuni lakkuma itti jabaataa dhufeen isiniis dadhabaa waan dhufteef guyyaa 15 dura Mana Yaalaa ” Mustashfaa Al-Abbaasiyaa” ja’amu keysatti erga wallaanamaa turteen boda ganama kana waxabajjii 17/2015 Duti waan olamneef du’aan Addunyaa kanarraa boqattee jirti.

Baqattonni Oromo Magaalaa Cairotti jiraatan dhiiraa fi dubrtiin hundi isaani Mana Yaalaa Isiin itti boqatte kanatti walitti dhufuudhaan Aaddee Aaliyaan ykn Haati Aanaa isaan bira du’aan boqachuu kanaaf Gaddaa fi Naasu itti dhageyamte ibsatanii jiru.

Bifuma kanaan Sirni Salaataa Janaazaa Masjida Guddaa Al-Salaam ja’amun bekkamu keysatti erga irratti Salaatamee bodaan Sirni Awwaalcha Isii Maqbaraa Muslimotaa ” Raabi’i Al-Adawiyyaa ” keysatti Sirna Miidhagaa fi Owwaan Raawwate jira.

Sirna Awwaalchaa Bodaa Shek Mohammed Saaniin hirmmaattota awwaalcharraa qoda fudhatani waliin Obboleyti tenya Aaddee Aiyaaf Araarama Rabbii guddaa kadhachaafi Firaa fi Aalii isi hundaaf jajjabina hawwina ja’anii jiru.

Nuus gama jenyaan Obboleytii tenyaaf araarama kadhachaa Maati fi Ijollee isi Akkasuma firaa fi Aalii Aaddee Aaliyaa Mussaa Ibraahimif jajjabina hawwinaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …