Abbaa faaruu Oromiyaa fi hojiiwwan hedduu hojjate kana beeytuu laataa | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Abbaa faaruu Oromiyaa fi hojiiwwan hedduu hojjate kana beeytuu laataa

Namni suuraa irratti argaa jirtan kun, dhaltee kan guddate Oromiyaa, Kutaa Harargee ,Koonyaa Obrarraa ,Aanaa Meettaa , Iddoo Seena qabeetti Dirree Murti Guutoo naannnoo Calanqoo Caliitti dhalate guddate. Hojii isaa hundi keenya sammuu keessaa qabna. Garuu namoonni baay’een isa hin beekan.

Maqaan isaa Mohammad Qophee jedhama. Mahammad Qopheen joollummaa isaatiin nama qaruxee dafee waa hubatuu fi namaan waliigaluu ture. Ilma Qotee bulaa cimaafi qabataa waan tureef carraa iddoo barbaadeetti namoota jajjaboo waliin barachuufi waliin hojjachuutis hiree argatee qananiin guddate.

Hayyoota Guddinaa fi Dagaagina Afaan Oromoof shoora olaanaa gumaachan keeysa tarree duraarratti argama

Mahammad Ahmad Qophee Hayyuu Seenaa ,Afaan fi Aadaa Oromoo guddaa, Qabsaawaa mirga Oromoo, Falmaa mirga namoonaa ,Qorataa , Abukaatoo Jaalalaafi Obolummaa ,Gaazaxeeysaa ,Wallisaa ,Bareeysaa, Walaleeysaa guddaadha.

Miseensa mana maree bakka bu’oota Ummataa tahuumis tajaajilee jira.

Raadiyoo Itoophiyaa damee Hararitti qophii Afaan Oromooti warra akka Miliyoon Lammaa ,Abubakar Muussaa, Abdi Qophee fi Shawaaluul Mangistuufaatti dabalamuun bilisaan mindeeyfamee hojii Gaazaxeeysumma tokko ja’ee eegale. Ittuma fufuun dhabbiin , qopheeysaa sangataa , hogganaa kutaa qophii

sagantaa , hogganaa damee Raadiiyoo Harar , Kutaa Harargeetti itti waamamaa Ministeeraa Beeysisaa gara jiddu galeeysa biyyattiis jijjiramuun Dhaabbata Preesii Itoophiyaa taajijiluu dandayee jira.

Namni oguummaa walaloo fi Yadaloon fakkeenya isaaf tahe gama walalootiin

Hundeeysaa baandii Afran Qalloo, Barreessaa, Gaazeexeessaa fi Walaleeysaa Qabsawaa Oromoo guddaa Abubakar Muussaa Wadaayi .

Yadaloon ammo Tasfayee Lammeysaati.

Mohamed Ahmed

Qophii tamsaasa kallattii (Live) Afaan Oromoon dabarsuun nama jalqabaati.

Baandiin guddichi Oromoo Baandiin Afran Qalloo akka faca’een miseensota akka Ali Shaboo, Halloofi Almaaz Tafarraa walitti qabee ” Baandii Biiftuu Biyya Teenyaa ” hundeeysuun walaloo achi keessatti walaloo sirbaa namni beereysee utubaa ture Mahammad Qopheedha.

Dookumantii mootummaan naannoo Oromiyaa itti hundeeyfame hunda ,Qaama mootummaa sadeenifuu (Judiciary, Legislative and Excutive ) dookumantiilee mootummaa Naannoo itti fayyadamaa jiru hunda Kan Mana Mutii ,Kan Abbaa murtii , Kan bulchinsaa , Kan Caffee ,kan koree hoji rawwachiftuu dookumantii hunda Afaan Oromootiin nama qopheeyse .

“Speech writer ” Pireesdantiilee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jaha

dubbi isaan waltajjiirratti , miidiyaa fi hoggantootaa fi miseensota duratti bahii dubbatan hundaa isaatuu barreeysaa ture.

Heera mootummaa (Constitution) Afaan Oromooti namni hiike Mohammad Qopheeti.

Ayyaanni Sabaafi Sablamootaa 2ffaadha hanga jahaffaatti Sandaa qopheeysee Muummicha Ministeeraaf ,Mana marii Feedereeshinii fi Pireesdantiilee Naannoo hundaaf barreeysuun jiddu gala tokkorraa akka darbuu namni godhees isa.

Afaan Oromoo Koolleejjii fi Yuuniveersitiilee keessatti gaafa baratamuu jalqabuu Kallattii baruu fi barsiisuu warra qooheeysan keeysa tokko.

Faruulee Mootummaa , Feedeeralaa , Kan Naannoolee ,kan guyyaaa Ayyaanaa , kan Barnootaa kan miidiyaalee ETV ,Oromiyaa fi fana OBNf guutumaan guututti namni barreeysaa turees isa.

Mahammad Qopheen Faan Afaan Oromootiin akka hundeeyfamu warra godhan keeysaa tokko qofa osoo hin taane warra tajaajiluun lafa qabaachisaniidha.

Faaruu Oromiyaa tan akkaan jaalannu kan hundi keenya mana barumsaatti ganamuu Oromiyaa guutuudha yeroo wal fakkaataa faarsaa barannee namni barreeyse isa.

Faaruu Oromiyaa

” Oromiyaa Oromiyaa

Haadha seenaa guddaa

Handhuura Oromoota

Galma sirna Gadaa

Dachee heeraafi seeraa

Haadha caffee Odaa

Badhaatuus gabbattuus

Magarsituu hundaa

Xurii bara dhibbaa

Dhiigaan sirraa dhiqnee

Wareegama qaaliin

Alaabaa kee ol qabnee

Gammannee gammadii

Bokkuu deebifannee

Nagaafi dimokraasii

Tabaroo namummaa

Misooma amansiisaa

Guddina hatattamaa

Uummatoota wajjiniis

Jaalalaa fi tokkummaa

Wabii jireenyaatiif

Goone kaayyoo cimaa

Irree gamteeffannee

Kaannee nu abdadhu

Oromiyaa laliisii

Dagaagii jiraadhu! “

Sirboota walaloo maxxanfanii beekaman 200 ol barreeysuun gummachee jira walaloon sirba isaa ajaa’ibaa akka fkn.

” Yaanni koo gama keetii ,yaanni koo sirbaa

Gama koon deebinee ,yaa jaalallee firaa

Koo garaan obsa dhabee duuba maaliin taraa “

Sirba kana Wallistoota shanituu walduraa duubaan sirbe ,

• Abdi Buun Habiib

• Ali Shaboo

• Abdi Qophee

• Abitaaw Kabaddaa

• Nugusuu Taamiraat

Wallistoota Mahammad Qophee

Sirboota kenneef keessaa muraasa.

▪︎ Dr. Alii Birraa

▪︎ Dr. Alii Shabboo

▪︎ Artiist Shantam Shubisaa

▪︎ Artiist Abitaaw Kabaddaa

▪︎ Halloo Dawwee

▪︎ Almaaz Tafarraa

▪︎ Amalmaal Abatee

▪︎ Taadalaa Gamachuu

▪︎Geetachoo Haayilamariyaam

▪︎ Abdii Buuh

▪︎ Qamaar Yuusuf

▪︎ Muussaa Turkii

▪︎ Yuusuf Haarun

▪︎ Kaamil Husseen

▪︎ Nuuriyaa Yuusuuf

▪︎ Mahammad Qophee nama Qotee bultoota Oromoo warra barnoota hin qabne kan sagalee qaban kan akka Yuusuf Haarunfi Kaamiil Husseen nama sirbisise.

Mohammad Qoohee walaloon sirba isaa ajaa’ibaa jalatamoo fi ergaa dabarsuu ol ammaas umrii dheeraa qabachuun bilchinaa cimnina guddaa isaa mullifti fkn.

” Ibsituu hangaatuu yaa urjii filfilee

Bareedduu akka teetii hinagarree takallee

Leonardo DaVinci suuraa harkaan kaasee

Moonaalizaa je’ee maqaa moggasee

Osoo rabbiin godhee sitana garsiisee

Silaa Moonaalizaa bar ciree facaasee “

Dr. Alii Birraa

” Yaanni koo gama keetii ,yaanni koo sirbaa

Gama koon deebinee ,yaa jaalallee firaa

Koo garaan obsa dhabee duuba maaliin taraa “

Sirba kana Wallistoota shanituu walduraa duubaan sirbe ,

• Abdi Buun Habiib

• Ali Shaboo

• Abdi Qophee

• Abitaaw Kabaddaa

• Nugusuu Taamiraat sirba kana akka guutuu biyyaatti hanga ammatti namni hin dinqisifanneefi hin jaalannee hin jiru.

” Halkan Dukkana keeysatti Kophaa

Imimmaan jaalalaa wal rarraphaa

Yeroon dabarsinee tan gammachuu

Garaan koo dadhabee irraanfachuu “

Dr. Ali Shabboo

” Dubra Oromoo looshaa

Shaggariin bahii ” Shantam Shubbisaa

” Jaalala biyya ifii fageenyi hin dahuu

Miila tahaa malee garaan biyyaan bahuu

Magaallee biyya too ayyoo yaa gudee

Yaanni kee akka malee na waadee ” Dr. Ali Birraa

” Barbaannee walbarraa,

Walirraa barraa

Wajji tarkaaffannaa

Yaroo keenyatu har’aa

Ka dhihaa ka bahaa

Ka dhidhinaa ka booroo

Irree tokkoon kaanee

Haa walbarruu dhiiroo

Nutu walwallaallee

Mee maaluma tarraa

Xiqqaa guddaan keenyaan

Ilmaan biyyaa maraa

Oromoottan martuu

Ilmaan haadha takkaa,

Hireen isaani takkaa ,

Gara gara duuluun

Laalaa mee wahii akkaa ?”

Halloo Daawwee

” Yaa Rabbii yaa jabaa

hirkoof sumaan qabaa “

Dr .Ali Birraa

Beekaa ofii osoo lubbuun jiru faarsuun dirqama keeysafuu nama akka hayyuu beekaa olmaa gaarii sabaaf oolee Mohammed Qophee kabajuun ,jaalachuun , faarsuun dirqama Ummata inni taligaa tureeti. !!

° Tofik Yousuf

° Finfinnee ,Oromiyaa

Check Also

afranqalloo

Lola Masriitii fi Ajjeechaa Hogganoota Afran Qalloo ( 1874 -1884 )

Dur, Akkaataa Ajjeechaa hogganoota Afran Qalloo laalchisee hawaasni mirriga keessatti akkana jechaa ture :-          …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *