Xumura leenjii Bilxiginnaa irratti MM Abiy Ahmad qaphxiilee armaan gadii dubbatee akka fokkore dhageenye.
“Directions (major ones—ቃል በቃል) given by the PM on the conclusion of the training, February 12,2020, PM Office
===
1) Nu keessa dogoggoraan warra galan qulqulleessuudha. Qe’een keessan as miti, qe’een keessan gama jedhaatii itti himaa.
2) Hayilessillaaseen Skype fayyadamaa ture, nutu reefuu discover godhe malee.
3) Utuu itti hin qophaa’iinan masaraa qabadhe waan ta’eef, bakkan deemu
hundatti na dhiphisa, waanan dubbadhuun biyyi ani bakka bu’e salphattii
laata jedheeni.
4) Queen biyya England London teesseetu kan
Kanaadaatis akkuma Sahilewarq Zawdu kana, PM Kanaadaatu natti hime. Ana
garuu waanan Jimma ta’eef, yoo Gaambeellaan Affaar Sumaaleen na hin
fudhatu ta’e, sirrii miti. Na fudhachuu qaba.
5) Anaan nama PM ta’ee ture qofatu na qeeqa. Haa hafuutii activist Tamasgen Turune yoom PM ta’ee beekaa na qeeqaa?
6) Somalia fi Somalilandiin biyya tokko akka ta’aniif waliitti fidaan jira. Eertiraa fi Dijibuutiis walitti fidaan jira.
7) We, biltsiginnaa are change agents. We should think like this.
😎
Nuti akka qamadiitti ziq bilen ka afer na wuha gara teqelaqlen duuneetu
dammaramna, duuneetu baay’annee biqilla. Kana philosophyn dammaramu.
9) Beekumsi fi dhugaan yoo rakkoo naaf furuu danda’e qofa beekumsa kan
jedhamu. Dhugaan rakkoo hin furre faayidaa hin qabu. Maddamariin kana
jedha. Pragmatism jedhama. Kan ideology keenya. Maddamariin
biltsiginnaatti nama geessa. Fkn, unity park, river project, Intoto
project, biltsiginnaan kana.
10) Opponents do not even have
political programs. Reefuu koree ijaaranii waa katabataa jiru.
Biltsiginnaan ji’a sadii keessatti document saddet qopheessee kunoo
ittiin isin leenjise.
11) Tramp naaf bilbileetu maallaqa IMF fi WB
irraa naaf waadaa galan gara billiona 7 sana ykn hiddaasee giddibii
filadhu naan jedhe. Mallaqattiin hafnaan biltsiginnaan hin jiru,
hiddaaseenis hafuu hin qabu. Misaa’eliidhaan rukutti Egypt naan jedhe.
Kanaaf agreement kana mallatteessi naan jennaan ittan yaada jedheeni.
Dhimma hiddaasee haa qabbaneessinu, garuu dafnee dafnee haa xumurru.
12) Maddamar mengedachin, biltsiginnaa gibachin
13) Maddamariin Facebook irratti doolaara 2 siin jedhu, kanaaf bakka isaaf ta’u geessi doolaara 200,000n gurgurta.
14) Inkirdad ke wusxachin ale.
15) Parlamaan keenya dambenya mormituu ta’e democracy argee hin beeku waan ta’eef.
16) Dhaloota uumuu qabna, dhaloota Itiyoophiyummaa irratti hin
tadaradarre. Eenyummaa waloo godhachuun nation building of Ethiopia
galmaan gahuu qabna.
17) Heera biyyaa ni fooyyessina akkaataa
issabee maddamariitiin. Imaammata maddamarii fi biltsiginnaatti
keewwattoota gufuu ta’an qofatu calalamee keessaa baha.
18) Makkalakiyaan 90%n reform gufachiisuu hin barbaadu.
19) Federal poolisiin AAU Summit nagaan waan xumureef aqimiin isaa
astamaamaanyiidha. Rakkoo dhufu hunda keessa ni baha jechuudha. Ijoollee
keessanitti tisiisni huursuurra mudhii keessan jabeeffattanii
olaantummaa seeraa kabachiisuu qabdu.
20) ADWUIn waa sadii irratti
irkate ture: deninnatii, makkalaakiya fi caasaa ADWUIti. Kana
jabeeffachuu qabna, irraa barachuu qabna.
21) Mirkonyaa of
keessatti baannee deemuu hin dandeenyu. Paartii mormituutti yoo deemtan
mirkonyaa taatu, miidiyaa qofaaf isin barbaadu, booda mirkonyaa isiniin
jedhu. Jeneral Kamal Galchu mirkonyaa jedhame.
22) Dhimma
dargaggootaa: Biyyi diigamuurra namni 1000n hidhamuu wayya. Addunyaa
irratti dargaggeessi universally yaada, Itiyoophiyaa keessatti mandara
mandaraan yaada. Hidhaan cawaa nama godha. Wanna wannaawochuun maser
alebbin. Mastenfe giddi yilal. Jaarrolee jaarsummaan mariin qabuudha.
Humna akka qabdu agarsiisi. Filannoo dursinee keessa keessaa hidhuu nu
gaafata. Kana ta’uu baannaan filannoo boodas rakkoo dha.
23) Warri qinijjitii fi ABO keessaa dhuftan kofiyaa duraa baasaatii kofiyaa biltsiginnaa godhadhaa.
24) Mirkonyaa qabannee filannoo 85%tiin mo’achuurra qulqulloofnee
75%tiin mo’achuu wayya. Lakkoofsa baabura biltsiginnaa ta’uu utuu hin
beekne kan yaabbate naa dhaabaa yoo jedhe baaburichi hin dhaabbatu.
Bakka baaburri biltsiginnaa gahu gahuu ykn irraa utaalanii mirkonyaa
ta’uu dha. Mirkonyaa mormituu ta’uurra ammoo paartii mataa keessanii
dhaabbachuu wayya.
25) Season beekuudha. Al Bashir utuu torbee
tokko dursee aangoo gadhiiseera ta’ee silaa har’a kabajaan mana ofii
taa’a, har’a garuu mana murtii addunyaa ICCf ergame.
26) biltsiginnaan unitary ta’e jedhu. Unitariin biyya federaala Caalaa dimikraatawaa ta’uu danda’a.
27) Sidama referendum booda eenyutti kennama aangoon kan jedhamu irratti heerri Ifa miti. Kanaaf irra deebinee koree ijaarre.
28) Afaan baruun gaariidha. Tigiriffa baruun koo gaafan Eertiraa deemu
bilisa ta’ee akkan walii galuuf na fayyada. Afaan hojii jedhamu kanas
ajandaa maaliif mormituf kenninaa? Ajanda irraa fudhachuu qabna. Afaan
kana Afaan hojii goona jennee signal agarsiisuu qabna. Recognize gochuu
dha afaanota. Kanuma. “Barattuun Oromoo digrii jalqabaa Accounting dhaan
qabdi, gara Amboo kanaa dhufte, nu biratti qacaramuuf jettee
Amaariffaan Itiyoophiyaa jedhii barreesse jennaan ni dadhabde, ni
kufte…Amaariffa sirriitti barsiisuu qabna” jedhe. Dhaloota akkasii
uumne jedhe. Afaan ishee Afaan hojii goona hin jenne.
29) Musxafeen
foxxoquu yoo barbaadde lafoota kanaan dura Oromiyaarraa ququnxurataa
turte deebifteetu deemta, yoo Itiyoophiyaa keessa turte garuu ganda lama
sadii Shimallis irraa yoo fudhatte rakkoo hin qabu. Ta’uu baannaan
Oromoon si hin dhiisu. Warri kaanis akkasuma.
30) baaburuuna giddibuu maskan alebat.
31) Filannoon haa hafuutii aangoo qooddanna jedhu. Table wayii
magaalota diimaa diimaa godhanii ati fudhu jedhu, baadiyyaa ammoo ni
fudhanna jedhu, yaada furushkaa. Filannoodhaan waan mo’amaniif ni
sodaatu. Filannoo sodaataa aangoo barbaadu.
31) Mormituu nama busiidhaan oliif gadi oofu malee deeggarsa hin qabani.
32) Facebook page koo miseensonni bilxiginna milliyoonni 7 follow na gochuu qabu. Warri kaan 1.7 million dhaan follow ta’u.
33) Shimallis, kana booda godinoota yoo waldorgomsiiftu godina kamtu
sirriitti hidhee tarkaanfii fudhatee olaantummaa mootummaa mirkaneesseen
ta’uu qaba madaalliin. Filannoo dura mastenfes alebbih.
33) Biltsiginnaan hin mo’atu taanaan Itiyoophiyaan ni diigamti. Kana eeyyamuu hin qabnu. Akka Aboy Sebhat hin taanu.
34) Bilxiginnan Getacho Asaffaa fi jaallan isaa ari’ee baaseetu ABO fi
namoota shororkeessaa jedha man galcheetu wayyaanee waliin walitti
araarse.
35) Mo’amuun gadheedha. Ani korojoo naaf hati siin hin
jenne, aanaa fi godina kee keessatti mootummaa hidhuu danda’u ta’in siin
jedhe.
36) Kaabinee Finfinnee keessatti Gambeellaa fi Sumaaleen
dabalamaniiru. ADWUIn kana hin goona. Dubartoonni ministeerota
walakkaadha.
36) Sumaaleen kenneminaminuu Dunbar xabbaqi naw
37) Addis Ababa irratti invast gochuu keenya irraa baradhaa malee hin qanna’iinaa.
38) Quba keessan waanuma hundaaf gara kootti hin qabiinaa. Kana sirreeffadhaa.
39) Tokko taanee uummata Itiyoophiyaa tokko haa goonu. Afaan addaaddaa dubbannus.
40) 50% dubartoota paarlamaaf qopheessaa.
41) Shimallis, sitti himeera. Yoo humna keetii ol ta’e naaf bilbili waraana siifan erga.
42) Fulbaana dhufu mootummaa ijaarrannee, karoora waggaa shantama baafanna, jedhee xumure.”