Oduu Haaraya

ABO Maaf jaallannaa? maaf Jibbinas? Iccitiinsaa kunooti

Warri nama deggaaru qofaan golgaman akeekaaf kaayyoo dhaaba deeggaruu baruu qaban.!!
=======

ABO waan jaalannuuf hogganoota (hayyu duree, kora sabaa….) komanna malee waan jibbinuuf miti. Ani aka dhunfa kotti waa’ee hir’ina hoggansaa yoon dhubbadhu akeeka dhaabichaa miti kan haasawu. Deeggaraafi miseensa dhaaba biraa taheetii miti. Hanqinni hoggana ABO akeeka dhaabaa kan kaleessaa san laamsheessee okkolchiisaa jira. Nuti immoo kan dubbannuuf balaa irraa eewaluufi. Waan hin jaalanne maqaahuu hin beekan waan taheef. Kanaaf ABO’n dhiigaaf lafee teenya. Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo kan arra namni nuuf kennu osoo hin taane; kan namoonni gar-tokkeen nuun badhaasuufi nuun hoongeessu osoo hin taane kan goonni dhugaa, hayyoonni haqaa nuuf bu’uranii, nu dhaalchisanii dabraniidha. Hoggansi ABO immoo dadhabina hamaa, hanqina guddaa qaban kana osuma beekanii yoo namni quuqamee waa’ee qabsoo irraa dubbate olola summaa’aa namarratti biifuun hojii ala nama godhuu barbaadu. (Hayyoota, qabsaa’oota meeqa haala kanaan qabsoo keessaa facaasan?)

Ilmaan Oromoo osoo kan ABO jibbu tahee hoggansi dhaabichaa qilee seenuus dantaa irraa hin qabnu, ni callifna maqaa isaatuu hin dhoynu ture. Yoo waa’ee hogganoota ABO dubbannu immoo waa’ee hir’ina qaama gaggeessaa malee waa’ee akeeka ABO miti. Kayyoofi akeeka ABO kan jalqabaa hanga ammaa jiru tokkoo dha. Kan eenyulleen jijjiiruu danda’uu miti. Eenyulleen komachuuf aangoos tahee dandeettii hin qabu. Kan akeekaafi kaayyoo dhaabichaa dabsaa, qabsoo dhaabichaa miidhaa jiru qaama hoggansaati. Akeekaaf kaayyoon dhaabichaa kaleessaas, arraas, boruus hin jijjiiramtu, qaama hogganuutu shaalalchuuf yaala malee. Kanaaf immoo qaamni hoggansaa yoo hir’ina isaanii dubbannu, dhugaa san hubachuu qaban. Nama komachuu osoo hin taane hir’ina isaani sirreessuu qaban. Turanii, turanii komii namaatif as bahuu isaan irra hin jiraatu.

Hubadhaa!! Yeroo namni tokko hir’ina hoggansa dhaabaafi yaada fooyya’iinsaa kaasu warreen dhaabaafi hoggana addaan baasanii hin beekne garuu walitti hidhanii akka waan akeekaaf kaayyoo dhaabichaa komachaa jiran itti fakkaatu hedduudha. Garri tokko warruma qaama hoggansaa keessaa kanneen osoo humaa hin hojjanne faarfamuu qofa fedhan yoo tahu isaan kun xiqqollee komin nun tuqin ilaalcha jedhuun warra xaxamanii dha. Jarri akkanaa kun ilaalcha isaanii irratti hundaa’uun damee lamaatu jira. Dameen tokko warra akka maleeykaatti of ilaalanii hanqina hin qabnu jedhanii yaadan yoo tahu isaan kaan immoo akka hanqina qaban osuma beekanii faaydaa roga kanaan argatan tursiifachuuf wayta hir’ina isaanii irraa dubbatamu isaan adeemsa micciiruun akka waan ati jibbiinsa kaayyoo dhaaba qabduufi dhaabicha komachaa jirtuu fakkeessuuf wixxifatanii dha. Isaan kun faaydaa sabaa osoo hin tahin faaydaa dhunfaa waan giddu galeeffataniif akka maddi isaani hin cinneef nama dubbatu dhaaba waliin wal dhooysisuuf yaalan.

Garri tokko immoo fedhiifi hamilee qofaan bokokanii hubannaa osoo hin qabne, deeggaruu malee nama moo akeeka deeggaraa jiraachuu isaatu kanneen hin beekneedha. Hubannaa dhabuu irra kan ka’e yoo ati hir’ina qaama hoggansaa tuqxu akka waan kutaa, godinaafi lagaan hogganoota komachaa jirtuu itti fakkaatuu dha. Waa’ee hoggansaa yoo dubbannu waa’ee kutaas, waa’ee dhaabaas miti kan dubbachaa jirru. Dhaabaafi hoggansa addaan baasani hubachuu isaan irra jiraata. Kan deeggaruu qabnuus akeeka malee namaa miti. Kan jaalannuus akeeka dhaabaa malee namaa tahuu hin qabu. Namni dhibba jijjiiramuus akeekni dhaaba tokkoo immoo gonkuma hin jijjiiramu. Kanaaf wayta goonni kumaatamni wareegamu, gariiniis jijjiiramaan, gariin dhaabicha keessaa bahan kaayyoon kaleessaa immoo ammallee hin jijjiiramne numa jirti. Fuula duraas hanga ummannii Oromoo ardii irraa jiraatuus kaayyon ABO ni jiraatti. Hoggansi dhaabichaa immoo akkuma duraan irraa jijjiiramaa dhufan ammaas ni jijjiiramu. Kanaaf warri nama deggaaru qofaan golgamtan dhaaba deeggaruu baruu qabdan.

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …