Oduu Haaraya

Adeemsi qabsoo keenyaa kallatti isaa jijjiirachuu qaba.

Kanaafuu adeemsi keenya
1) Dhaadannoo garee dhageessisuu fi garee humna diinaa kallattii hundaan nurraa itti qabaachuu.
2) Daandiilee wantoota salphatti kaafamuu hin dandeenyen cufuu.
3)Hammuma diinni tarkaanfii nurratti fudhachaa adeemun nus tarkaanfii irratti fudhachuuf gareen meeshaa guutuu qabu hiriira irraa fagaatee dhoksaan waraana wayyaanee irratti qophaa’uu.
4) Jala deemtota hojii isaanii irraa deebi’uu didan tarkaanfii dhumaan adabuu.
5) Qabeenya Wayyaane fi jala deemtota isaa barbadeessuu.
6) Hiriira yommuu baanu dheessuu osoo hin taane tokkummaan dhaabbachuu.
7) Sabaa fi sablammoota akkasumas amantii irraa of eeguu.
8) Bifa riphee loltummaatin waraana wayyaanee iddoo hin beekne baadiyyaa fi magaalaa keessa yommuu socho’u tarkaanfii irratti fudhachuu.
Haala salphaa ta’een humna wayyaanee jalaa laamshessuun ni danda’ama.
Waraanni wayyaanee yeroo qabsoon keenya itti cime mootummaa wayyaanee akka ganu shakkiin hin jiru.
Harki caalan sabaa fi sablammoota biroo waan tahaniif jaalala wayyaanef qabaatanii osoo hin taane dirqamaan ummata irratti dhukaasaa jiru.
Guyyaa boruu irraa qabsoon bifa haarawaan ni eegala.
Aayyon
Aabbon
Manguddoon
Nu eebbisaa
Dhugaaf falmanna.
Rabbi dhugaan nu haa galchu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *