Oduu Haaraya

AFAAN KEENAAN AFAAN KEENYAAF HAA KAANU

* DURA  DUBBII

Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee dursee barri 2014

kun bara nagaa fi bara badhaadhinaa, bara milkii gaarii fi bara tokkummaan

Oromoo sonaan jabaatu isiniif haa tahu! Ilaa, amma waayee mataduree kanaa

olitti kaayamee irrattan waa isiniif dhiyeessaa mee na hoofolchaa!

Duula dhuma bara dabree isa muummiyyeewwanii (iliitonnii) warra Amaaraa:

uummata Oromoo, saba Oromoo fi Biyya Oromoo irratti adeemsisan duradhaabannoo

fi ofirraa-qolannaan dhalawwan Oromoo alaa-manaa agarsiisan kan hedduu nama

gammachiisu.

 

Amma irraantii tokko tokkollee arganneeti jirra. Hubaddhaa nuti

Oromoonni biyya namaa deemnee: laga Abbayyaa, laga Barreessaa fi laga Bashiloo

ceenee biyya Habashaa qabannee, mirga warra Habashaa irra ijjanneetii mitii!

Isaan garuu biyya keenya humna qawwee fi humna gargaarsa Faranjiitiin

qabatanii: harma aayyolee cicciranii, harka aabbolee mummuranii, ijaa-funyaan

dargaggeeyyii fi shamarranii buqqifatanii, lafa lafee Oromoo sarbatanii,

gabbaarii fi gabra nu taasifatanii waggaalee hedduu qaxxaamuruun as gayani.

Kana hundaa kan jalqabee fiixaan-isaaniif baase, isa qaamaan namaa garaanimmoo

bineensaa san kan Minilik jedhamu. 

 

* Minilik kun wanneen inni uummata Oromoo Keesaahuu Oromoo Arsii fi Oromoo Harar hiddaan dhabamsiisuuf gocha Suukaneesaa irratti godheefi ,

uummatoota: Waalayitaa, Kafichoo, Dimmee, Gimiraa fi kanneen biroo irratti

adeemsise wanneen Hitler, naazichi uummata Yuudaa irratti adeemsee gadii miti. Ammoo,

warri isaa iliitonni Amaaraa “kana irraanfadhaatii akka jagnaatti isaa

fudhadhaa” nuun jechaa jiru. 

Hardha uummannii fi mootummaan Biyya Jarmanii nama waayee Hitler kaasee faarsu,

waayee isaa xiqqoo ishiillee akka gaariitti ilaalu mana seeraa geessuun

adabsiisu. Isaan “keenyaa” nama harma harmeewwan teenyaa mummure faarsaa akka

gootaatti akka fudhannuuf nu dirqisiisu! Abadan lafa irraayyi ammas nu duguugu

malee, kun dachee Oromoo irratti hin tahu!

Egaa, fiixaan-bayiinsi waayee asmaarii sanii isa Minilik faarsuu fi faabrikaa

Baddallee irratti gonfanne kun, gara qabsoo isa kana fakkaatuutti nu ceesisuu

dha qaba! Akkamitti, eessatti, maal maal faa irratti isa jedhamu kanaa gaditti

wajjumaan ilaalla. Ilaallees, humnaa fi onnee tokkoomeen wajjumaan ol-jenna!

* SEENASA

Amma gareen warra Amaaraa kan “Garee Cuquliisaa – Blue Party” jedhamu, duula

hamaa Afaan Oromoo irratti banee jira. “Engineer Gizachew of Blue Party said,

“Afaan Oromoo was a rural language and will stay as such and it will never able

to get modernised therefore we are forced to keep using Geez”/ obboo Bariisoo

irraayyi. 

 

 

Yaa Oromoo koo, yaa saba Gadaa namtichi kun kana

jechuun duula fi waraana: Afaan Oromoo, uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti

ifumatti kan labse Shaggar, handhuura Oromiyaa, qeyee jagnicha Oromoo qeyee

Tufaa Munaa keessatti. Ee, Shaggar dachee Oromoo Kurnan Gullallee isaan erga

qawwee ibiddaatiin, waraanaa Minilikiin moyamanii, isaan dhuumatii irraa hafan

qawween buqqifamanii, quwween oofamanii naannoo Arsiitti hariyamanii saniitti. 

 

Wanni kun Oromoota bakka jiran maratti, alaa-manaa ilkaan ciniinnachisetoo kan

isaan tokkoomsuun olkaasu tahuu qaba! Dabrees, Gareen Cuquliisaa kun biyyattis,

biyyoota alaattis oggaa walgayii isaan waamame banu: dursee sirba Minilik

faashisticha faarsu tokko dhageessisuuni.

Raaji Waaqa, safuu namaa nuti afaan isaanii, afaan qawween nutti dhufuun

marcuma afaan keenyaa qabate kana baranna! Isaan garuu afaan keenya irratti,

biyyuma keenya irratti duula banaa jiru. Kanaafuu, tarkaanfiiwwan lama gara

fuulduraatti tarkaanfachuun:-

 

AFAAN KEENAAN AFAAN KEENYAAF HAA KAANU !

waamicha saba Oromoo fi waamichaa harmee Oromiyaa ti!

* AFAAN OROMOO

Warri eeboo fi fardaan cabseetoo biyya keenya seene, gocha hamaa fi hammeenyaa

inni adeemsise keessaa inni tokko isa Afaan Oromoo irratti tahe. Hamma yeroo

dhiyoo, bara 1991-tti Afaan Oromoo akka bakka balaqqeessa tahe kan akka:

yaa’ii, paarlamaa, bataskaanaa, mana barumsaa, mana seeraa fi waajjirootatti

ittiin hin hojjatamneef seeraan dhoowwamee ture. Gaazexoonni, kitaabeewwanii fi

barrooleen marti isaan baafamuun dhoorkaa ture.

 

Kan biraa hafee Barroo

Qulqulluu kan biyyoota Oroppaatti afaan keenyaan barreeffamanii dhoksaan karaa

Sudaanii fi Keeniyaa faa biyya seenan guursisuun, mootummaan Habashaa inni

Kiristaana ofiin jedhu gubsiisee jira. Kana bira kutee olola jibbaa fi

jibbisiisaa afaan Biyya Gadaa kana irratti oofsisaa ture.

Garuu, kun cufti fiixaan isaaf bawuu hin dandeenye. Afaan qawwee, Afaan Amaaraa

bakka maraa fi akka maraatti iddoo Afaan Oromoo buufamuuf humnii fi horoon

irratti dhangalawullee afaan isaa kun boongoowwan isaa, jechuun magaalaawwan

bira dabruun gandeen Oromoo hulluuqee seenuu hin dandeenye. Sirumaa Afaan

Oromoo keenya dhiibbaa gurmee wayii malee, babaldhachaa, guddachaa kunoo

Dhaloota Qubee daggala-raasaa fi gabrumfataa hollachiisaa dhaqqabee jira.

 

 

*Afaan Oromoo biyyoota Gaafa Afrikaa sadii keessatti akka afaan dhalootaatti

(afaan haadhaa-abbaatti) dubbatama. Kunis: Impaayera Toopphiyaa, Biyya Keeniyaa

fi Somaliyaa Kibbaa keessatti. Baddaa Raayyaa, hara Ashangee irraa hamma Maanya

Hindiitti (“Indian Ocean“-tti), Muggii fi Beegii duubaan daangaa Sudaan irraa

hamma Magaalaa Jijjigaa cinaatti dubbatama. Akka afaan dhalootaatti uummata

kitila 46-tu, akka afaan lammaffaa yookaan sadaffaatti immoo uummata kitila

12-tu, walumatti uummata kitila 58-tu isaan dhimma-baya. 

 

Ardii Afrikaa keessatti akka afaan dhalootaatti Afaan Arabaa fi Afaan Hawusaatti aanee

sadarkaa 3-ffaa irratti argama.

Afaan Oromoo afaan daran sooressa tahee fi afaan hedduu, hedduu miidhagina

isaatiin raajeffatamu. Heddumminni jechoota isaa, bareedumni afaanii yaa’inni

sagalee isaa kan nama maalalu. Akkuman walooloo kiyya tokko keessatti ibsuuf

yaale, inni “afaan nadhii dammaa” ti. Kan biraa hafee, waggaalee 130 seeraan

dhoowwameeyyuu, hardha hanqina jechoota ammayyaa kan afaanota Addunyaa Sadaffaa

hunda keessatti argamu sanillee karaa qabachiifatee jira. Oromoonni hundi

alaa-manaa, fiixaan-baanee jirra jechuun otoo haara wayiituu hin baafatin

dagaaginaa fi misooma afaan keenyaa irratti hojjachuu qabna!

* WANNEEN HOJIIRRA OOLUU QABAN

Egaa amma, waraana fi duula ginni-bittee Amaaraa fi mummiyyeewwan Amaaraa afaan

keenya irratti banan kana ofirraa faccisuuf, maal maal faa gochuun akka nu

irraa eegamanin armaan gaditti baldhinaan tarreessa. Baldhinaanis jala-harriqa.

1) Oromiyaa keessatti afaan biyyaa Afaan Oromoo tahuu eenyumtuu beekuu qaba.

Ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kam keessattuu, yoo mabbawwanii

(unibasiitotaa) fi kolleejota Afaan Ingiliziitiin barsiisan tahe malee, afaan

ofiitiin barachuu qabdi. Ammaan tana ijoolleen Oromoo afaan qawween nutti

dhufee qawweenis nutti fe’ame kana, Afaan Amaaraa wanni barattuuf sababni

wayiitu hin jiru. 

 

Gayeen gayee dhaa afaan qawwee kun nu irraayyis, marcuma

Afaan Oromoo irraayyis bu’uu qaba! San bira dabreeyyuu namoonni Oromiyaa keessa

akkaa waaraatti jiraatan afaan biyya keessa jiraatanii kana, Afaan Oromoo

barachuutu isaan baasa. Kun mee seera biyyoota addunyaatii! San irratti

ijoollee Amaaraas tahee, kan warreen biroo bakka tuuta-tuutaan jiraatanitti

afaan ofiitiinis barachuun seeruma. Kana irratti warri amma “Oromiyaa nutu

bulchaa jira” nuun jedhan, warri OPDO miila isaanii lamaanin dhaabachuun isa

jedhame kana hojii irra oolchuutu isaan baasa. 

 

Jalakaattummaan Afaan Alaagaas,

jalakaattummaan warra Wayyaanees inni isaan adeemsisaa jiran kun eessumaanuu

isaan hin gawu! Uummata isaanii, uummata Oromoo galaana Abbayyaa kana gaachana

taasifachuun oljechuu qabu!

Yaa Oromticha, yaa Oromtittii, yaa qeerransoota Qubee dhageessuu! Gayeen gayee

dhaa, amma irraa kaasee Oromiyaa guutuu keessatti ennaa barsiisaan Afaan

Amaaraa isin barsiisu, yookaan inni wanneen biroo Afaaan Amaaratiin isin

barsiisu olseenu isinimmoo akkuma jirtaniitti kutaa sana gadhiisuun gadi-baatu!

Hubaddhaa kun seenaa keenya keessatti bara 1969 keessa dachee Oromoo Afran

Qalloo irratti magaalaa Dirre Dhaawaatti tahee ture! Bara Dargii, ee bara

mootummaan Habashaa ilmoo namaa qalee karaa irratti darbatu san dachee Oromoo

Sadan Liiban magaalaa Amboo fi magaalaa Walisootti tahee ture! Bara dukkanaa

san keessa kan ijoolleen Oromoo sun hojii raajeffatamaa kana goote, isin hardha

bara ifaa, bardhibbee 21-ffaa keessa gochuu hin daddhabdani! Oromoonni addunyaa

tana mara keessatti argaman hundumtuu karaa hundumaan isin cinaa jiruwoo!

2) Dira Shaggar keessattis Afaan Oromoo Afaan Amaaraa cinaatti afaan

ballaqqeessa (“official language“) tahuu qaba. Ijoolleen Shaggar akkuma

ijoollee dira Biruusel isa magaalmataa Biyya Beeljigii sanaa afaan lamaan kutaa

tokkoffaa irraa kaasanii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaratiin barachuu dha qabu!

3) Oromiyaa guutuu keessatti Afaan Amaaraa afaan balaqqeessaa tahuun isaa

hatattamaan dhaabachuu qaba! Horoo fi horiin: bunni, sabbuu, diggaa fi

hoomishinni warshaalee Oromiyaa keessaa isaan amma Afaan Amaaratii oolaa jiran

dhaabachuun, Afaan Oromootiif ooluu qabu! Waajjiroonni mootummaa Toopphiyaa

isaan Oromiyaa keessatti argaman Afaan Oromootiin hojjachuun dirqama!

4) Manneen amantii hundumtuu Biyya Oromoo keessa jiran Afaan Oromootiin

hojjachuu, Afaan Oromootiin uummata tajaajiluutu isaan irraa eegama. Oromiyaa

keessatti yoo isaan kana gochuu baatan, Waaqa tokkichaa fi guddicha san akka

rifachiisan beekuu qabu!

5) Namoonni Biyya Habashaa irraa dhufuun manneen daldalaa fi seedataa banatan

Afaan Oromootiin hojjachuu qabu. Oromtichi tokko, Oromtittiin takka Oromiyaa

keessatti: gabaattis, manneen bunaatti, manneen nyaataa fayittis afaan ofiitiin

tajaajilamuu qaba, qabdi! Yoo kun tahuu baate Oromoonni warreen kana irraa waa

bituu fi waa itti-gurguruu, akkanuma irraa bitatanii dhuguu fi nyaachuu dhaabuu

qabu!

6) Oromiyaa mara keessatti nama uummata Oromoo fi saba Oromoo arrabsu irraa waa

bituu fi waa itti-gurguruun dhaabachuu qaba! Nama akkanaa kanatti dubbachuun,

gaafa rakkoon itti-dhufte hamma inni ifumatti dhiifama hin gaafatinitti isaaf

birmachuun hin jiru.

7) “Gareen Cuquliisaa” inni amma Afaan Oromoo irratti waraana fi duula bane

kun, hatattamaan uummataa fi saba Oromoo dhiifama gaafachuu qaba. Tahuu

baannan, gareen kun dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti

hojii isaa adeemsisuu hin qabu!

<img>Namnoonni Amaaraa isaan

Oromiyaa keessatti gaazexoota faa baasuun: “Gaallaa Gadaay” isaanii oofaa jiran

ifumatti uummata Oromoo dhiifama gaafachuu qabu! Tahuu baannan, jarreen kun

dachee Oromoo irratti, wiirtuu Oromiyaa dira Shaggar irratti hojii isaanii

adeemsisuu hin qabani!

9) Oromoonni Oromiyaa keessatti bakka kamittuu afaan ofiitiin dhimma-bawuu

qabu. Ijoolleen Oromoo warri miseensota Dhaloota Qubee tahan, namoota alagaa

isaan Afaan Oromoo barachuu barbaadan tolumaan barsiisuu qabu. Warri OPDO immoo

bakka itti-baratamuu fi wanneen ittiin-baratamu ijoollee tanaaf dhiyeessuun

dirqama! Warri OPDO kun faajjii Afaan Oromoo olqabanii akka tarkaanfataniif,

karaa garagaraatiin dhiibbaan adeemsifamuutu karaa qajeelaa taha.

XUMURA-DUBBII

Yaa Oromoo yaa uummata koo, nuti Oromoonni aadaa fi duudhaa uummata keenyaa

irraanfachuu hin qabnu. Namni kamuu, Amaarris, Tigreenis eenyu fi eenyu faa marti

nagaa fi kabajaan nutti dhufnaan akkuma aadaa keenyaa boonsisaa saniitti

simanna! Isa afaanii fi billaa qaratee nutti dhufu guruu, tokkummaan dura

dhaabanneetoo ofirraa deebifna! Uummanni Habashaa: warri Amaaraas, warri

Tigrees uummata ollaa keenyaa waan tahaniif nageenya fi ollummaan isaan waliin

qabnu kana ololli warra Garee Cuuqulisaa fi kan warreen faarsituu Minilik

naazichaa faa booressuu hin qabu. 

 

Faashisota Amaaraa isaan kaleessa fi isaan

hardhaatii obsa tokkollee horachuu hin qabnu! Ammoo, baaqaa-callaa

addaan-baafachuun aadaa Oromooti. Ilaa gayeen gayee dhaa, fashistoonni fi

sanyiitti-amantoonni Habashaa nurraa bu’uu qabu! Mirgaa fi haqa uumamaan

qabnuuf sochowuun, bilisummaa fi walabummaa keenyaaf tarkaanfachuun mirgaa fi

haqa uummata Habashaa: kan warra Amaaraas, kan warra Tigreess kan miidhu akka

hin taane, eenyumtuu beekuu qaba!

Akkuma mammaaksi Oromoo tokko: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu”

jedhu san, nuti karaa maraan of ijaarree, karaa maraan hidhannee yoo kaane

malee, kan nuuf maluu hin jiru. “Ilma yartuu haatiyyuu hin jaalattu” jedha

Oromoon. Kanaaf, nuti hundumtuu:-

 

AFAAN KEENAAN AFAAN KEENYAAF HAA KAANU !

============== // ==============

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *