Ajjeechaan jumlaa, hidhaa, hiraara, saaminsaa fi cunqursaan bittoota Itophiyaan ummatoota Itophiyaa irra gahu kan barootaan lakkaa’ame, wayyaa’uu hin dandeenye dhaalamaa as gahee dha. Hammeenyi raawwatamu kunis ijaarsa empaayera Itophiyaan asitti kan mudate qofa miti. Ijaaramuu Itophiyaa har’aan durattis Kaaba biyyattiitti kan bittootaan raawwatamaa turee dha. Maaliif? gaaffii jedhuuf deebiin gabaabaan mootummootni aangootti kan dhufan seeraa fi hayyama ummataan ala tahuu irraa ti. Waan taheef bituuf, ummatni jilbeenfatee isaan jalatti akka bulu taasisuuf gara-jabinaan fixu. Jiilchanii, qor-qalbii cabsuun bittaa isaaniitti iggitii godhachuu barbaaddu. Aangoon hayyama ummataan alatti ykn seerawaa hin taane ammoo ummata biratti fudhatama hin argatu. Kanaaf hariiroon ummataa fi humna aangoo siyaasaa humnaan dhuunfate gidduutti uumamu kan ajajaa fi ajajamaan alatti kan biraa tahuu hin danda’u.
Abbootiin irree yoomiyyuu aangoo dhuunfatan turfatuun olitti dhimmi ittiin hojooman kan biraa hin jiru. Aangoo humnaan dhuunfatan turfatuuf ajjeechaa gara-abinaa fi jumulaa, hidhaa, saaminsa, doorsisaa fi tooftaalee humnaa birootti fayyadamu. Empaayera Itophiyaa keessatti kan mul’ataa turee fi jiru kanuma. Empaayera Itophiyaa humnaa fi gargaarsa warra dhihaan uumanii humnaa fi gargaarsa warra dhihaan jiraachisan. Mootummootni hanga ammaatti mul’atanis kan ummatootaaf gara-laafina hin qabne, sirna cunqursaa tarkaanfachiisan tahuu irraa empaayera humnaan tolfatanii humnaan jireessan hiyyummaa fi boodatti- hafummaa hanga har’aatti keessaa bahuu hin dandeenye keessatti akka korkodamtee haftu taasisan.
Bittootni Itophiyaa aangoo humnaan argatan humnaan tikfatuuf jecha tarkaanfii fudhatamaa ture keessatti ummatootni Itophiyaa miidhaman danuu tahanis kan ummata Oromoo bittoota biratti diinummaa addaan waan ilaalamuuf dhumiinsi irra gahaa turee fi jiru suukanneessaa dha.
Waxabajjii 10, 2014 Baha Oromiyaa naannoo Hammarreessaatti lafti investarootaaf kenname osoo qotamee tottolfamuu lafeen lammiilee Oromoo jumulaan mul’ate, hammeenya mootummootni Dargii fi Wayyaanee ummata Oromoo irratti raawwataniif ragaa qabatamaa tahuutti dabalee ajjeechaan dhoksaan raawwatamu marti dhokatee kan hin hafne tahuu mirkaneessa.
Lammiileen hedduun lafeelee ilmaan Oromoo mul’atan waan hin beekneef, kan eenyuu akka tahee fi eenyuun akka ajjeefaman ummata odeessa gahaa hin qabneen gahuudhaan hubachiisuun barbaachisaa taha.
Naannoon Hammarreessaa bara bittaa H/Sillaasee irraa eegalee hanga bara bittaa Wayyaaneetti baroota dheeraaf qubsuma waraanaa ture. Qubsumni waraanaa kun kan loltootni keessa taa’anii biyya eegan qofa osoo hin taane, lammiilee biyyaa mootummaan ilaalcha gaarii hin qabneef bakka dhoksaan tokko tokkoo fi jumulaan itti ajjeefamaa turani dha. Kanas seenaan ajjechaa jumulaa mooraa waraanaa kana keessatti mootummoota Dargii fi Wayyaaneen raawwatame bareechee hubachiisa. Mooraalee waraanaa kaanis kan akkasitti dhimma bahamaa turanii fi jiran danuu dha.
Bara 1991 mootummaan Ziyaad Baaree wayta kufetti haalli Somaalee keessaa boora’ee jireenya baqattootaaf sodaachisaa tahuu irraa baqattootni Oromoo 350 gahan biyyatti deebi’uu murteeffatuun Hargeessa irraa ka’an. Ummatni haalli siyaasaa fi nageenyaa biyya keessaa itti toluu dhabuu irraa baqate, dirqamee biyyatti yeroo deebi’etti kan isa simate lammii baga nagaan dhufte jedhee simatee beelaa fi dheebuu baasee isa qubachiisu osoo hin taane, humna waraanaa mootummaa Dargii farra ummata Oromoo ture.
Yeroon isaa kufaatii Dargii jala waan tureef ummata baqattummaa irraa deebi’e kana qabuun mooraa waraanaa Hammarreessaatti geessuun hidhe. Kufaatiin Dargii kan hin hafne tahuun mirkanaa’aa wayta dhufetti, ajajoota waraana mootummaa Dargii naannoo sanaa kan turan General Biraanuu Jambaree fi General Wubshet Dassee muddamsuun baqattoota Oromoo kan miseensotni fi deggertootni keessatti argaman Hammarressatti hidhaman irratti murtii du’aa hatattamaa dabarsan. Akka kanaanis lammiileen Oromoo jaarolii, dubartoota, ijoollee, dukkubsatoo fi qaamaa- hir’attootni keessatti argaman 350 gahan bakka tokkotti waraanni Dargii rashanee biyyee itti deebise. Wayta Waraanni Dargii ummata jumulaan rashane kanattis miseensotnii fi deggertootni ABO osoo itti dhuka’aa jiruu, Dhiigni keenya bilaashatti dhangala’ee hin hafu! Oromiyaan ni bilisoomti! jechuun dhaadataa lubbuun dabarte.
Har’a waggoota 23n booda dhiigni gara-jabinaan dhangalaafame, lubbuun yakkaan alatti dhabamsiifame akka dhoksaan rashanametti dhokatee hin hafne. Ifa bahe.
Mooraa waraanaa Hammarreessaa ilmaan Oromoo jumulaan itti ajjeefaman kana Wayyaaneen bara 1991 dhuunfatee dhimma itti bahaa ture. Wayyaaneenis mooraa waraanaa kana bakka ilmaan Oromoo dhoksaan itti ajjeesu, hiraarsuu fi miidhaa adda addaa irraan gahu godhatuun itti fayyadamaa akka ture lammiileen ragaa bahan baay’ee dha.
Dargiinis tahe Wayyaaneen dhoksaan hambisuuf dhoksaan ajjeesan iyyuu haqni yoomiyyuu dhokatee waan hin hafneef, ajjeechaan dhoksaan raawwatame kun Waxabajjii 10, 2014 ifa bahe.
Seenaa ilmaan Oromoo Oromummaan diina taasifamanii rashanaman kanneenis ummatni Oromoo kabajaa akka argatan taasisuu fi sirna awwaalchaa malu gochuufiin dirqamaa fi gaafatama isaa ti.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waxabajjii 13, 2014