Oduu Haaraya

Ajjeechaa Sukkunneessaa Guyyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Oromoo Onk.2.2016 Baatii Tokko Duraa.( Irreechaa Massacare in Oromia Oct.2 2016)

 

01.11.2016

Tofik Abdullah Jamal

irreechaa-2016090230

Kabajaan ayyaana Irreechaa akkuma beekamu Oromoo mara biratti kabajaa guddaa qaba.

Ayyaana kana haala bareedaa fi ho`aan Aadaa Oromoo adda addaa mullisanii kabajuuf ilmaan oromoo marri  kaabaa fi kibbaa, bahaa fi dhihaa walitti dhufuun magaalaa Bishooftuutti bara baraan Ayyaana guddaa fi Ulfina qabu kana waliin kabajatu.

Guyyaa ayyaana kanaa kabajuuf Onko.2.2016 ganama irriba irraa ka`anii Gooftaa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi jechuun Jaarsa,Jaartii,Darggaggeessa,shamarranii fi Ijoolleen xixiqqoon wal-eebbisaa uffata Aadaa Oromoo babbareedaa uffatanii fi hiriira galanii waliin sirba aadaa Oromoo tapachaa Oromoon tilmaamaan Millioona 2 ol-ta`a jedhamu bakka tokkotti walitti qabamuun gara kabajaa Irreechaatti qajeelan.

Akkuma Oromoon hundi Aadaa ufii mullisuufi gammachuun irreecha kabajachuuf manaa ba`e, diinnis garamiin Aadaa kanaa fi kabajaa irreecha kanaa balleessee gammachuu ilmaan Oromoo gaddatti jijjiira jedhee karoora fixiinsa ( ajjeechaa ) sukkunneessaa ilmaan Oromoo nagaan Aadaa ufii kabajachuuf manaa ba`an irratti ija isaa diimessee fuula isaa marxoon uffatee meeshaa isaa baattatee gara dirree irreechaatti himale.

Ummanni Oromoo marri bara kana gubannaa hedduu garaa qaba waan ta`eef Ayyaana Irreechaa kabajachaa akkasumas Ajjeechaa,hidhaa fi dararama ilmaan keenya irra gahaa jiru karaa nagaan sagalee mormii isaanii tuttuqaa motummaan wayyaane waltajjii irraatti jalqabeen mullisuu jalqaban.

Diinni silumaa Ilmaan Oromoo fixuuf karoorfatee jiru, haala nama sukkanneessuun irraaf jalaan ilmaan Oromoo irratti dhukaasa banuun gammachuu guddaa guyyaa kabajaa irreechaa gadda yeroo mara seenaa ilmaan Oromoo keessatti hin irraanfatamne duguuggaa sanyii nurratti raawwate.

Haala kanaan motummaan wayyaanee  xiqqoo fakkeessee guyyaa irreechaa sana ilmaan Oromoo 52 qofa ajjeeseen jira jedhee dhaadatullee, ragaa qabatamaan akka mullisutti guyyaa gaafasii qofa ilmaan Oromoo 500 ol-ta`an akka motummaa wayyaaneen ajjeefaman mirkanaawee jira. Ajjeechaan guyyaa irreechaa kunis midialee adunyaa bebbeekamoo ta`an mara irratti gabaasamee jira.

Guyyaan irreechaa 2016 harra`a ji`a tokko ( Guyyaa 30 ) guutee Seenaa hin dagatamne ta`ee darbuutti jira.Guyyaan kun ilmaan Oromoo mara biratti guyyaa Dukkana,hadhaawaa fi gubannaa yeroo maraa taatee yaadamti.Saba keenya gaafas ajjeefaman mara niyaadanna gonkumaa hin hirraanfannu.

Akkasumas gumaa ilmaan oromoo qabsoo bilisummaa keessatti wareegamani hundaa ni baafanna.

Diinni keenya sirumaa takkaa nu ajjeesuu hin dhiifne, inni guyyaa irreechaa adda ta`ullee, kanaafuu Ilmaan Oromoo Biyya keessa jiranii fi warri biyya alaa jirru tokko taanee Motummaa wayyaanee fi diina keenya irratti garaa  jabaannee harka wal-qabannee akka jarri ilmaan keenya boollattii naqanii fixan nutis mataan gadi garagalchinee Sirna kana awwaaluun dirqama lammummaati.

Qabsaawaan ni kufa

Qabsoon itti fufa.

Injifannoon kan Ummata Oromooti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …