Oduu Haaraya

Wayyanee yookiin TPLF jaalaatti kufanii mootummaa tortoree badaa jiruu tajajiilun isiin ga’uu qaba!

KAAYYOON MOOTUMMAA WAYYANEE OROMOO FI OROMIYAA BALEESUUDHAA  ILAAMAN OROMOO RAAYYAA ITTISA BIYYA FI POOLISII OROMIYAA  OROMOO FI OROMIYAA MALEE MOOTUMMAA WAYYANEE YOOKIIN TPLF TAJAJIILUU HIN QABADAN!

                                BY Elias Jemal Ahmed

Raayyaa ittisa biyya  fi seera-kabachiistuu(poolisii) tokko yokina ummanii sabaa bal’aa motummaa gaafa hundeefatu dhaabootaa tajajiila  hundeefatu keessaa jachuunis hojjataa mootummaa sadarkaa ol’aanaa . bulchiisaa biyya. Mana Murtii.  Mana Barumasaa. Wajjiraa Fayaa. Waajjira Bishanii Daandii, karaa fi  kkf isaa keessa tokkodhaa motummaan tokko dhaabootaa asii olitti ibsaamaan fi kkf saababiin itti hundeesuu feedhii ummataa kan siyaasaa kan dingadee guutuuman guutuuti halaa tajajilaa keenuufii mirgootaa fi seera kabachiisuf faayyidaa ummataa faayyidaa kan walii kabachiisu fi amanamummaadhan kabachisufidhaa.

Qaamolee motummaa asii olitti ibsaamaan keessaa raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(polisii) qaamolee gahee guddaa qabana fi ummataa fi biyyaf gahee tajajiila guddaa qabaniidhaa diraqamanii fi itti-gaafatamummaan itti keenamuu naganyaa ummataa naganyaa biyyaa fi dangaa biyyaa kabachiisu yamuu ta’uu tarkaafiiwaan ummataa irraatti fudhatamu irraa ittisuu fi ummataaf wabii ta’uudhaan   guutuuman guutuuti kabachisudhaa. Itti-gaafatamummaa asii olitti ibsaamaan ba’uudhan raayyaa ittisa biyya fi poolisii waadaa jari galaan ana duraa kabajaa ummataa kotti fi kabajaa biyyaa kotti dursaa milkaa’in lubbuu fi kafaltii barbachiisaa ta’ee naraa egaamu hundaa nana kafala kannaafisa waqayyoo nahagargaruu jadhe waadaa galuudhaa. Umanis dirqaamaa fi itti-gaafatamummaa itti kenamee waadaa galee hubachuu fi kabajuun komii tokko malee galii waggaa isaa irraa hir’iisee raayyaa itti biyya fi poolisaa mindaa isaaf uffanaaf hidhaanaa isaaf tajajiila fayaa fi barumasaaf isaaf kan soorama bahe soorama baasa waan barbachiisaa ta’ee hundaaf gamachuudhan keenaf.

Bara mootummaa waayyanee yookaan /TPLF mootummaa kan dhabatee raayyaa ittis biyya seera-kabachiistuu (poolisii) tajajiila ummata irraa kenamu jijiramani jirachuu battus hundeeffamanifi tajajiili yaroo yaroodhan dirqamanii keenamuuf akaakuu wadaa galuun jijiiram baay’ee itti godhaamee jiraa. Jalaqaba raayyaa ittisa biyya kan hundeeffamee akaakuu lamaan. Inii tokkoffaan sabaaf sablammoota wallin kan ta’uu qabu inii lamaaffaa saba biyya san keessaa jiru kan hirmachise ta’uu qaba wanti bara mootummaa waayyanee argaa jiruu hogantotin impaayeera wayyanee  guutuuman guutuuti jalaa hanga guubaattii kan ajajamuufi kan buluu saba tigree qofan. Kunis kan ta’ee ajaja raayyaa ittisa biyya jaalaattii kan argaman ajajota waraana 61 keessa aangoo jeneraal hangaa kolonelatii ramadamanii hojjatan keessa dhalaatoota Tigree 57 dhalaatoota Aga’oo 3 dhalata saba Amaaraa tokko ta’uu isaa tti. Dhalata saba bal’aa ummata Oromoo kan bakka bu’uu tokko qoorichaaf keessa hin jiruu. Ummani oromoo bal’aa kun biyya tophiiyaa keessaatti abbaa biyyaa akka hin tanee ragaa agarsiisuudhaa, daabalatan kan ragaa nu ta’uu wayyaneen yookaan TPLFn raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(poolisii) kan hundeeffaamee wadaa fi dirgamanii isaa mootummaa waayyanee yookaan TPLF tajajiilu ummata oromoo sabaa bal’aa dhiitee angoo fi umrii mootummaa gabaroomasaa waayyanee dheereesuuf qofa. Kanara  ka’udhaan ummatafis biyyaafis tajajiilaa faayidaa hin qabanee fi  gocha hiika hin qabanee keessatti raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu (poolisii) ummataaf gachaan fi wabii bakka ta’uu qaabuutti garaa jabenya cimaa fi haala sukaneesan ummata oromoo irraatti duulla sanyii dugugaa kan gageesaa jiru keessatuu Agaazii  jachun kan bekamu hogantotin dhalaatoota saba tigiree qofan kan hoganamuu tarkaafi haala sukaneesa haala addunyaa irraa hin jiree hogansaa haarawa ajaja nama tokko irraa dhufu (command post) jachun waan addunyaa irraa hin jiree dabalatee goochii yakka dangaa darbee gageesaa jiru ragaa gudadha. Jibbaa ummata oromoo irraa qaban ummata karaa nagahan  mirga isaa gafacha jiruuf ilalachii isaan qaban guutuuman guutuuti hamenyaa fi garaa jabenyaa akka ta’e goochaf ilalachii isaanii ragaadhaa. Ijjolleen oromoo raayyaa ittisa biyya fi seera-kabachiistuu(poolisaa) keessaatti hiirmaatan bekkanis ta’ee osoo hin bekin  karaa adda addaattin fayidaan ummata oromoof biyya isaanif ofiif fayidaa godha jiran tokko hin jiruu. Kunis ummata ajjesuu biyya baalleesufi offa saphisudhaa. kanaaf ilamana oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa keessa kan jiraatan !

Itti-gaafatamummaafi bakka bu’iinsi keessaan qomoo ummataa oromoo irraa dhalaatanif keessaa baataniif ta’uu qaba. Oromiyaa fi oromoo tajajiiludhaaf qofa, kan amo umani oromoo kan bekuudhaa. Umani kan beekule waaggota 25 darbaniif yaroo sukaneesa (command post) yokin ajaja nama tokkorraa dhufu  ammaa dabalatee yaroo addaa addatti raayyaa ittisa biyya ta’e bu’aa ummata isaa kan egsiisu qabu irraa raayyaa ittisa biyya tokko irraa yaaka hin egamanee ummata keessaa baatan irraatti fudhachaa jirraatu  ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya keessa jirraatan fi poolisii oromiyaa yaaka amma duraa fudhachaa tuurtanii ammasa itti jirraatu ,hojiin ammaa itti jirraatan aangoo impaayeer mootummaa wayyanee umarii isaa dheeresa jirraatu.  Kaayyoon ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa kaayyoo umarii Abay Tsahayee fi fakatoota isaa  garaan bulaa ka akka Abbaa Dullaa Gamadaa fi diina oromoo Mukataar Kadir, Asater Maamon dabalatee namoota binesoota dhiigaa ilaaman oromoo xuuxanii fi kan dhiiqatan kkf  egaafi tiksuuti  jirraatan.

Yaroo amma kan yaakkoota gurguddoo waaggota 25 gageefamaa tureefi kan amalee jiruu  ilamaan oromoo gabruummaan nu gahaa jadhee bakka jiruu ka’e dhiira, dhaala, maangoddo, dargaggoo ijoollee osoo hin jadhin bakka jiruu ka’e falamachaa jiruufi impaayeera wayyanee  yookiin TPLF  boolla  ga’uuf yaroo ga’ee  kanti ilaaman oromoo raayyaa ittisa biyya fi poolisii oromiyaa dogoggora kan duraa keessaa jirraatan keessaa baatanii  ilaaman oromoo ajeesufi dararuu osoo hin tanee  sammuu keessaaninfi   kaayyoo keessan kan dhugaatti deebitanii  ilaaman oromoofi oromiyaa tajajiiluudhaaf dirqama oromummaa yaroon itti baatan ammaadhaa.

Wayyanee yookiin TPLF  jaalaatti kufanii mootummaa tortoree badaa jiruu tajajiilun isiin ga’uu qaba. Mootummaafi siyaasani hin darbaa, umanifi biyyii  garuu yoomilee ni jirraattuu. Kanaaf kaayyoo badaa irraa jirraatan dhiisuun tajajiila keessan siirreesun ummata oromoo fi oromiyaa cinnaa dhabaatan yaroon isaa ammaa . Kanaafuu  ilaamana oromoo raayyaa ittisa biyyafi poolisii oromiyaa ummata keessanif oromiyaa malee mootummaa wayyanee yookiin impaayeera TPLF tajajiilufi gabroomufi akkan hin qabanee isiin hubachiisaa .

INJIFANNOON KAN UMMATA OROMOO FI OROMIYAATTI !!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …