Oduu Haaraya

AKEEKKACHIISA: miseensota OPDO bulchiinsa gandaa, aanaafi sadarkaa biroo irra jirtaniif

Ummanni Oromoo jaalattanis taatee dirqiin qaama sirna kanaa ta’uu keessaniif qofaaf isin hin balaaleffatu. Kan isin madaalamtaniin hojiii aangoo isinitti kenname saniin raaw’attaniinin. Yeroo ammaatti irra jireessi keessan olola diinaa yoo oftanis suduudaan harkaan namatti dabruu irraa of qusachuun keessan waan gaariidha.

Kanneen of qusachuu dhiiftanii harkuma keessanin ykn waraana Wayyaanee fiduun ummata reebaafi reebsisaa, madeessaafi ajjeesaa jirtanis jiraachuun beekamaadha. Hamma ammatti warreen gandaa hamma godinaatti yakka akkanaa raaw’atan ummanni ragaa waliin miidiyaaleef dabarsaa ture.

Haa ta’uu ammoo har’aa boru badiirraa deebi’an jennee qabannee taa’aa jirra. Amma booda wara nama dhaanan, rasaasa ummatatti dhukaasan, ajjeesan ykn diinaaf dabarsanii nama laatan odeeffannoo guutuu waliin akka maxxansuuf deemnu dursinee isin beeksifna. Odeeffannoon kunis , badii namni sun balleesse, maqaa isaa/isii suuraa waliin, eddooo jireenyaa, eddoofi sa’aa hojii seenee bahu dabalata. Odeeffannoo kana kara marsaalee hawaasaafi middiyaalee akkasumas gidaara magaalotaaf baadiyyaatti facaafamuuf taa’a.Odeeffannoon kunis guyya guyyaan haaromfama (update ta’a)

Kana beektanii warri dantaa diinaa raaw’achisuuf ummata keessan reebdan, ajjeeftan, hiraarsitan akka of qusattan isin akeekkachiifna. Diddanii yoo itti fuftan balaa odeeffannoon nuti baafnu isin saaxiluu maluu hunda isinummaan akka ofirratti fiddan firaafi hiroyoonni keessan ammumarraa akka beekan feena.

Wayyaaneen muka hiddi raammaye, jirmi horoqe baalli irratti goggogaa jiru. Isin fuutee hin kufiniin dhaamsa obbolummaafi Oromummaati.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …