Oduu Haaraya

Akka sabaatti ijaaramnee,oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna.

Kutaa tokkoffaa…….

Sadarkaan guddinni qabsoo Oromoo irra gahee jiru, yeroo gandaan, gareen, amantaa fi sammuu alagaan yaadan irra ce’ee jira. ilmaan Oromoo bahaa-dhiha, kaabaa-kibba dhimmi isaan walitti hidhee jiru oromummaa fi oromiyaa dha. waanta hunda dursuu kan qabu, dhaabbileen maqaa oromoon ijaaraman, fayidaa nama dhuunfaa fi garee keessaa bilisa ta’anii waanta akka sagantaatti baafatanii jiran gara hojiitti jijjiruun dirqama yeroo ti. Maqaa qabsoo oromoon dhaabbilee ijaaramanii jiran yoo ilaalle, bifa barruun sagantaan isaan waraqaa irraa qaban, Oromoo abbaa biyyaa gochuu fi bilisummaa sabaa dhugoomsuuf akka ta’e, barruu irraa ni dubbifama. Hoogganootii fi miseensi dhaabbilee siyaasa garuu, waanta akka sagantaa siyaasaa irratti maxxanfatanii fi baafatan hojiitti hiikamaa akk hin jirre tolchanii beeku. Waanti akka sagantaatti wixinatanii jiranii fi waanti hojiin muldhisaa jiran faallaa sagantaa isaanii ti.

Oromoo ta’ee qabsoon keenya maaliif dadhabe kan hin jenne jira hin se’u. falaa fi malas namni hin akeekne hin jiru. Hoogganootiin qabsoo Oromoo hoogganaa jiran, midiyaa fi waltajjii ummataa gara garaa irratti yoo dhihaatan, waadan isaan galanii ummatatti lalaban yoo jiraate, qabsoo sabaa jabeessuuf hunda dura oromummaa fi tokkummaa mooraa qabsoo oromoof akka hojatan dhaammatu. Qabatamaatti garuu faallaa kanaatu muldhata. Rakkoon kun amma iyyuu hin dhaabbanne. Rakkoon kun ummata Oromoo ykn miseensa dhaabbilee siyaasa Oromoo bira hin jiru. Rakkoon amtuu fi ijoon kan jirtu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa bira jira. kanaaf hooggantootiin dhaabbilee siyaasaa rakkoo amma harkaa nuqabdu kana hiikkachuuf of irratti murteessuu qabu. dubbii dandahuudhaan, waliin dhahuudhaan, fakkeessuudhaan, natu caalaadhaan, maqaa hin taane waliif kennuudhaan……. Kana booda ummta Oromoo joonjessuu fi ofiifis joonja’anii mooraa alagaa yeroo itti jabeessan dhaabbachuun dirqama ta’a. ammas tarii maqaa qabsoo oromoon daldaaluuf gareen ykn murni amma iyyuu abjootu jiraachuu mala. Kun dhaloota ammaa biratti fudhatama hin qabu. gabaa galtu dhaquu taati.

Karaa biraatiin rakkoo mooraa qabsoo Oromoo jiru yoo ilaalle, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhimmoota irratti garaa garummaa qabanii fi waantota irratti waliin hojachuu danda’an adda baafatanii mataa isaaniitiin beekuu dadhabuu dha. xiinxala guddaa otoo hin gaafatiin sagantaa siyaasaa dhaabbilee Oromoo amma yoona jira, ( nama tokkos haa qabaatanii nama lama) harka saddeetama kan ta’u dhimmoota waloon isaan hojachiisuu danda’an qabu. garaa garummaan isaanii harka 20 hin caalu. garuu hooggantootiin dhaabbilee siyaasa Oromoo, dhimma sagantaa siyaasaa qaban ilaalanii waliin hojachuuf fedha horachuu irra, isa harka 20 hin caalleef dursa kennuudhaan akkaataa waldhibdee isaanii furatan irratti danqaa ta’u. bifuma wal fakkaatuun bilchinaa fi dandeettii hoogganummaa akkasuma, siyaasaa dhabuudhaan haaloo walbahuuf kulkulfatanii hojatu.  Kun dadhabbina keenya isa guddaadha. Yaadi namni tokko dhiheessu, gaariis ta’ee gadhee yaada irratti xiyyeefachuu irra eenyutu jedhe (Tolasaa moo Mohaammadi) bifa jedhuun namaan nama danquutu dursa hargata.

Garaa garummaan dhaabbilee siyaasaa Oromoo harka 20 hin caalle kun, yoo diriirsinee ilaalle,  harka 10 kan ta’u hoogganni mataa isaanii walitti dhufanii kan fala itti kennuu danda’anii fi rakkoo isaani dhalchanii dha. harka 5 kan ta’u, waliin waldhaggeefatanii waliin mari’achuu irraa kan madduu dha. harka shan kan ta’u mammoo kan ummati Oromoo akka sabaatti boru murteeffatuu fi aangoo ummata Oromoo ta’ee otoo jiruu dhaabbileen Oromoo dursanii murteessuufiidhaan  madda danqaa godhanii argamu. Danqaaleen kun hunduu kan fala argatu yoo ilaa fi ilaameedhaan jibbiinsa siyaasaa keessaa baahee egeree sabaaf jecha waliin dubbachuu fi rakkoo Oromoo furuuf ofirratti murteessine duwwaa dha.

Akka sadaffaattin kan kaasamuu danda’u, collummaa wal gowwoomsuu keessaa baanee, dhaabbileen siyaasaa gaggeessaa jirru rakkoo edduun xaxamee kan jiruu fi fala kan barbaadu ta’uu isaa ofitti himuu qabna. Keessi dhaaba siyaasa keenyaa rakkoon xaxamee otoo jiruu rakkoo jiru ifatti baafnee fala itti kennuu irra, fayyaa jirra jennee ummatatti dubbachuun, ummata gowwoomsina otoo hin taane, walaalaa ta’uu keenya ummataaf labsina. Rakkoo jiru irra dibaa tokko malee ifatti dubbannee fala itti kennuutu beekumsaa fi ulfina namaaf kennisiisa. Kanaaf collummaan arrabaan dubbachuu dhaabbachuu qaba. rakkoo keenya akka sabaattis ta’ee akka dhaaba siyaasaa oromootti qabnu hiikkachuuf ifatti dubbannee daboo itti kadhachuu qabna. Kun harsaa nama gaafatu qaba. kana kaffaluuf qophii ta’uutu qabsa’aa nama jechisiisa.

Hoogganni dhaabbilee siyaasaa guddinaa fi sochii ummata Oromoo fi addunyaa wajjin of ammayyeesaa fi of jabeessaa deemuun murteessaa dha. qabsoo sabaa galmaan gahuuf haala waltajjii tokkoo keessatti toftaa fi kallattiin qabsoo maddisiifame haala waltajjii biraa keessatti ammoo dhimmi wal simuu fi sira’uu qabu, ykn akka yaadameetti yoo deemuu baate, sirreessuu fi badii yoo ta’es badiidha jedhanii balfachuun beekumsa. Hoogganni dhaabbilee siyaasa keenyaa harki caalu kanaaf of kennaa miti. Kun qabsoo keenya eddu miidhe. Siyaasa karaa cabeen haa yaasuu keessaa baanee, dhimma hojiin muldhachuu danda’u irratti waliin deemuun murteessaa dha. kanaaf kaleessa kanatu ture arddha ammoo haala biraatu jira, kana keessatti of madaksaa fi qabsoo gara fuunduraatti haala tarkaanfachiisu huumaa deemuun bilchia hoogganaa gaafata.  Badiin otoo jiruu sobanii wal faarsaa fi wal jajaa waliin deemuun qabsoo sabaa duwwaa otoo hin taane, gareedhumma abbaa dhimmaatu dhuma irratti hayyallaa buusa. Kanaaf nama si faarsuu fi sijaju irra nama siqeequu fi nama yaada haarawaa siif gumaachu ofitti qabuun aadaa hoogganoota dhaabbilee siyaasaa ta’uu qaba. namni yeroo hunda sifaarsuu fi dadhabbina otoo qabduu sijaju, diina kee beekamaa caala gara badiitti si hoofaa jira.

Dhumma irratti mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf, akkasuma tokkummaa qabsa’otaa jabeessuuf huda caala dursa kennuufii qabna. Aldureen wal xaxuu irra, ilaa fi ilaameedhaan dhimmoota waloon qabnuu fi garaa garummaa jiru dubbannee dhumma irratti fedhii fi hawwii oromoof abboomamnee tokkummaa sabaa cimsuu qabna. Kun salphaa miti.  haarsaa gaafatu qaba. isa kaffaluuf qophii ta’uun murteessaa dha. siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuu irraa fagannee fedhii fi hawwii saba keenyaaf abboomamuun murteessaa dha. as irratti waanti dagatamuu hin qabne, siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuudhaan kan injifatu dhaabbileen siyaasaa kamuu akka hin jirre beekuun gaarii ta’a. qophaa injifachuuf yaaluu irra waloon dhimma waloon injifachuuf qophii ta’uun gahumsa hooggan siyaasaa muldhisa. Garaa garummaa faarsuun yeroo hunda of jiraachisuu fi ni jirra jechuuf dhama’uu irra murtee siyaasaa kan hawwii ummata Oromoo fi saba keenyaa gitu fudhachuun murteessaa dha.

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *