Oduu Haaraya

Akka seeraa fi heeraatti paarlaamaa ykn bakka bu’oota uummataa jechuun akkuma maqaa isaa qaamaa mootummaa keessatti uummata bakka bu’u jechaadha.

Kan jechuun bakka bu’oonni uummataa jechuun karaa kamiinuu mirgaa fi faayidaa uummataa giddu gala godhachuu qabu.
Kan sirna kana keessatti argaa jirru garuu faallaa kanaati. Paarlaamaan ykn bakka bu’oonni uummataa sirnichaan ijaaraman akka maqaa isaanii uummata kan bakka bu’an osoo hin taanee uummata keessa taa’anii sirnicha warra tiksaniidha, uummata keessaa sirnicha warra bakka bu’aniidha. Dhibee hawaasaa osoo hin taanee sirnicha jiraachisuuf alkanii guyyaa warra hojettaniidha.
Mootummaan ADWUI filannoo yeroo darbanee bara 2007 itti ciniinnatee safuu tokko malee mormituun ykn ilaalcha addaa namni qabu akka bakka bu’aa uummataa ykn miseensa paarlaamaa hin taane kan murteessee harka dhibba miseensota isaatiin guutuu kan barbaade sagaleen uummataa guutumaan guutuutti akka ukkaamamu waan barbaadeefi.
Paarlaamaa sirna kana keessaa miidhaan uummata daran akka jabaatu yoo godhan malee waanti eegnu tokko hin jiru.
Yeroo darbe gabaasa mootummaan wayyaanee miidhaa Oromiyaa keessatti qaqqabe qoradhe jedhee paarlaamaa kanaaf dhiyeessee safuu tokko malee harka guutuun mirakeessuufii isaaniu nj yaadanna.
Kana jechuun paarlaamaa kun bakka bu’oota mootummaa wayyaanee malee kan uummataa miti.
Osoo uummanni kun lafarraa duguugamee dhumeeyyuu ilaalchaa fi ejjennoo wayyaanee ala qabachuu hin danda’an.
Bara haaraa kanatti paarlaamaan kun boqonnaa gannaa xumuranii hojiitti galuuf qophii irra jiru. Haata’u malee waanta addaa irraa hin eegnu.
Kanuma paartiin ADWUI irratti dubbachaa ture mirkaneessuu. Harka, baasanii deeggaruudhaaf qophaawanii jiru.
Uummanni keenyaafi biyyi keenya waan keessa jiru ammoo ni beekna.
Hanga yoomiitti paarlaamaan kun nurratti sirba?
Paarlaamaa kanaaf carraa sadi kennuufii qabna.
1. Yoo dhuguma akka maqaa isaanii uummata bakka ba’an ta’e haala uummata keessa jiru osoo hin jallisiin aantummaa uummataa agarsiisuun uummata cinaa dhaabbachuu qabu. Kana jechuun ajandoota mootummaan wayyaanee akka mirkaneessan itti fiddu harkaa kuffisuu qabu.
2. Yoo mootummaa wayyaanee mormuu hin dandeenye, kan mootummaan wayyaanee itti fiddu harkatti kuffisuuf of hin qopheessine ta’e, wagahuu hin qaban. Paarlaamaan kun diigamuu qaba malee dhiiga uummataa irratti sirbuu hin qabu.
3. Filannoo armaan olii kennameef itti kan hin fayyadame yoo ta’e, miseensonni paarlaamaa kanaa hundi isaanii ajjeechaa, dararama, hidhaa fi badii mootummaan wayyaanee uummata keenya irratti fudhachuu jiru adda durummaan akka itti gaafataman of qopheessuu qabu. Badii mootummaan wayyaanee dalagaa turee fi ammas dalagaa jiru akka itti amananitti fudhatamee miseensonni paarlaamaa 547 hundi isaanii maqaa isaaniitiin himmanni akka itti banamu ammumaa qabanii of qopheessuu qabu.
Carraawwan sadan kennameef akka itti fayyadamuu danda’an waamichi ifaan ifatti karaa miidiyaa hwaasummaa akka isaan qaqqabu gochuu dirqama lammii hundaa ta’a.
Injifannoon kan saba bal’aati!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …