Oduu Haaraya

Akkaan yoo mirriysan malee

NAMNI BARREESSE:-
DR/MOHAMMED RASHAAD ABDULLEE
Akkaan yoo mirriysan malee
yookkaan geyraran malee
afaan guddaa dhabanii
walle’ee weedduu malee
yookkaan taphatan melee
afaan bal’aan horanii
****************************
xilaatan lolan malee
yoo-ffirraa khaasan malee
Jiruu gaariin halanii
mataa ol qabattu malee
waan keetii loltu malee
du’aadha siin je’anii
***************************
Addunyaa horan malee
yoo waa baratan malee
mi’aa jiru’uun arganii
*************************
ayli’iin deeman malee
namoo qabaatan malee
cinqii jalaan bayanii
**************************
yoo walii nayan malee
walii laalatan malee
namoo waliin tayanii
*****************************
hiriyaa jabeessan malee
jaalalloo furan malee
tumsa waan argatanii
cinqiin yoo dhufte malee
 yoo kha’ee si fur malee
jaala ifiin baranii
**************************
dhuga’aan deeman malee
Yoo garaa tolan malee
dharaan waliin galanii
***************************
waliin yoo galan malee
waliin yoo yaa’an, malee
Haala waliin baranii
**************************
Saba fii guddisan malee
biyya fii jaalatan,malee
dhiira waan je’amanii
**************************
bakkayyuu ka’an malee
waliin hojjatan malee
baraa alaan galanii
**************************
jayna yoo dursan malee
luyna beysisan malee
waan deemaniif dhabanii
*****************************
qarri yoo dubate malee
gowwaan yoo use malee
heera jalaan bayanii
***************************
obsa yoo qabaatan malee
waan ifii kennan malee
namaan deemu’uun tolanii
********************************
qalbii yoo tolan malee
waaqa yoo sodaatan malee
kharaa   gaariin  galanii
*****************************
yoo dubbii baran malee
heera eeggatan malee
nama jalaan bayanii
**************************
afaan yoo tolan malee
harka bal’atan malee
bakka dhiiran gayanii
***************************
guddaa yoo khabajan malee
xiqqa’aa nayan malee
haala gaarii dhabanii
****************************
humna yoo qabaatan malee
sanuu yoo dalagan malee
miidhaa jalaan bayanii
*****************************
waan namaa tolu malee
kan sa’aa tolu malee
waan  biraan dalaganii
*****************************
jallataa mukaatif malee
qottoo yootti khaayan malee
muka muru’uun tolanii
*******************************
suuta yoo deeman malee
yoo firraa eegan malee
bar akkaan diramanii
*****************************
yoo waliif tumsan malee
waliif yoo du’an malee
hamtuu jalaan bayanii
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Kan maxxanse, Najiib Zannuun

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …