Oduu Haaraya

ALAGAAF FINFINNEE HIN LAANNU QIRCINEE

Maali yaa lammiikoo maaf teessa Gommitee
Naannowaa Finfinnee alagaaf qircitee
Ka’i malee ka’ii !! ka’ii wal kakasii!!
Kan si nyaachuuf gamuu aleeliitii baasii
Qotee bulaan kan kee lafasaarraa kaatee
Eessa deemaa maaloo maatii sana baatee

Lafa cite dhiiga boris kan si dhibuu
Qomoon kee qe’eesaa alagaan yoo dhabuu

Habashaan maalumaaf lafa kan kee saamaa
Dubbadhu qeeransoo yeroon kan kee ammaa
Hanguma yoomiitti lammiin dararamaa
Cunqursaa Alagaan mirgisaa sarbamaa?

Mormi mee falmadhu laayyootti hin ilaalinii
Finfinnee gadhiiftee hormaaf hin laatinii

Maalumaaf calliftaa akkamiin dandeessaa
Jarri safuu hin beektu bar sitti roorrisaa
Nama biyya hin qabnee si gochuuf deemsisaa

Ka’i malee ka’ii!! Ka’ii wal dammaksii!!
Warra si miidhanii ofkeessaatii yaasii
Nu ga’eegaa sichi hedduu hacuucamnee
Alagaaf Finfinnee hin laannu Qircinee!!

By D. M.
April 28, 2014

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …