Oduu Haaraya

“Alanfadhuutii gara firakeetti garagalii liqimsi” akkuma jedhamu, warri nuti dahoo godhannee qabsoo keenya nuuf utuba jennu, makmaaksa kanatti dhimma bahinnuu laata?

Bilisee Gadisa

DUBBII JABDUU! Obsaan dubbisaa SHARE godhaa

Gama dubbii ijoo ka’eefitti isin deebisuuf, akkuma beekkamu waggoota dheeraaf biyya Eertiraa dahoo qabsoo godhannee turuun keenya waan haalamuu miti. Bu’aa fimiidhaa isaa kaasuufii osoo hin taane, karoorri barruu kiyyaa kuni, jecha nuti yeroo mara fayyadamnu “Alagaan alagumaa maaltu alagaan firajedhe?” jettu nu qofa moo warri birootis itti fayyadamawanni jedhu mataa keessa na dhufnaan, yoo kan itti fayyadaman ta’e, maal godhuu qabna waan jedhu gaaffiimataa kiyya keessaa baasee maxxansuu fedheeti.
Akkuma jalqaba irratti isinii tuqe, bakka dahoo qabsoo teenyaa godhanne biyya Eertiraa fiwarranu gabroomfataa jiru wayyaanee (dhalattoota Tigraay) jidduu hariiroo jirtu ibsuun barbaada.
Isaayyaas Afawarqii akka namoonni ragaalee adda addaa agarsiisutti hundeen isaa dhalataa biyya Eertiraa osoo hin taane, dhalataa biyya Tigraay ta’uu addeessa. Abbaan isaa AfawarqiAbrahaa, kan dhalate, naannoo Tigraay, bakka Agaammee, jedhamu keessatti. Haati isaa Adaanech Barihee kan dhalatte, naannoo Tigraay bakka Adwaa jedhamu bakka dhaloota abbaa Mallas Zeenawii ti. Abbaan Isaayyaas hanga gaafa umriin hojii dhaabutti Maqaleetti ‘Ministry of Land Reform ‘keessa hojjataa ture. Akkoon Isaayyaas, Madhin kan jedhamtu obboleettii Fiitawraarii Kidaane Massal. Fiitawraarii Kidaane Massal ammo abbaa Yemaanee Kidaaneeti. Yemaanee Kidaaneen immoo miseensa koree hojii raawwachiiftuu TPLF figorsaa muummicha ministeeraa Mallas Zeenaawii fiAzeeb Masfin ture. Hariirooraa firummaaisaan jidduu jirtu bifaarmaan gadiitti tarreehe kun kan warra beekkamanii keessaa akka fakkeenyaatti fudhatame malee, hanganaa miti.
• Mallas Zeenaawiin, abbaan isaa Zeenaawii Asras, Adwaatti dhalate, garuu haati isaa dhalattuu biyya Eertiraa naannoo Adi Quala jedhamtutti dhalatte.
• Barakat Simoon, Itti gaafatamaa Piropogaandaa TPLF fiministeera Qunnamtii kan ta’e, gama haadhaatii fi abbaanis dhalataa biyya Eertiraati.
• Dabra Tsiyon G/Mikaa’eel, Miseensa hoji raawwachiiftuu TPLF kan ta’ee fiministeera odeeffannoo fiteknolojii kan ta’e, kan Website, TV fi raadoyoo jam/ukkaamsuun hojii guddaa hojjatu cinaan isaa Eertiraa.
• Saamoraa Yuunus, itti gaafatamaawaraana Wayyaanee cinaan Eertiraa.
• Teeduroos Adhaanom, itti gaafatamaadhimma haajaa alaa kan ta’e cinaa lamaanuu maatii Eertiraa irraadhalate. Teeduroos kan dhalatee fi barates Asmaraatti.
• Isaayyaas W/Goorgis, ittaanaa dura taa’aa Wiirtuu Odeeffannoo (National intelligence) wayyaanee kan ta’e, guutuutti gama lachuunuu dhalataa Eertiraati.
• Faasil Naahom, gorsaa seeraa Mallas Zeenaawii kan ture, cinaa tokkoon Eertiraa.
• Newaay Gebra’aab, gorsaa Diinagdee Mallas Zeenaawii kan ture, guutumatti dhalataa Eertiraati.
Maarree gaafiileen mataa keessa nama dhuftu keessaa, ilmaan obboleeyyanii tun maaliif waljibbiti kan jedhu ta’uu danda’a. Ani akka yaada kiyyaatti, waan wal jibban natti hin fakkaatu.Maaliif yoo jettan, jara kana jidduu hariiroo cimtuutu, kan dhiigaatii fi kan biyyummaatu jira. Akkaragaaleen adda addaa mul’isanitti, maatii walirraahin fagaanneen biyyi Itoophiyaa fiEertiraa jedhamtu bulaa jirti. Jarri kun nagayaan yoo kan taa’an taate, dubbiin tun hundi itti kaati waan ta’eef, nama wal jibbu namni firatti hin fudhatu yaada jedhuun waldhabbii uumanii akka ummanni irratti hin beeyne, gama diinagdee fisiyaasaan gamaagamanatti sirriitti wal ijaaraa jiru. Yeroo waldhabbii jedhanii waraanaan walirratti duulanis, akka natti fakkaatutti kan dhumu saboota biraati. Biyya teenyatu weeraramee ka’aa lolaa jedhanii asii ummatuma keenya ficcisiisan gama Eertiraa irraa ammo saboota biraa ficcisiisan. Warri gama biraatiin yaadan, lola maatii anatu si bulcha, ati na hin bulchitu jedhanii wal lolu malee, osoo duulli gama biraatii itti dhufee akka waliif tumsan shakkiin hin jiru jedhu. Waliif tumsanii, wal fixanii, ani obboleeyyan kana lamaa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …