Oduu Haaraya

Anaanyaatu lammii

 

= == = = = = =  = ==

12998639_1199956453348214_7456841127037709367_n

Anaan haa dhidhimsu

Jiraachuuf jettanii

Sin dhabne hanga liphsuu

–

Anuu rakkoo keessan

Gad taa’ee tilmaamee

Utuun hin nyaatamiin

Yaadaan ukkaamame

Gubannaa rasaasaa

Kan lafeen caccabu

Goginsa baranaa

Isa teenyu hagabuu

Maal si goone uumaa

Maaliif nurran darbu?

–

Oromoon si waamee Uumaa…

si kadhata Nurraa garagalchi…

Irree abbaa irree Maaf nurratti ilaalta?

–

Anaa nyaatu Oromoo

Qomoo gaafa xiiqii

Roorroon biyyaa baasee

Sin garsiise cinqii

Du’a akka-maleetoo

Seene mana keenya

Lubbuu isin haa maaru

Maal gochuu dandeenya?

migrant-crisis-res_3273144b–

Aboonkeeti Balaay Ebla 18,2016 Finfinnee.

(Yaadannoo obboloota koo biyya Misirii gara Xaaliyaaniitti du’a baqa imalaa du’atti dirmaniif.)

#OromoRefuges

Check Also

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …