Oduu Haaraya
dhumaatii baharaa

LAKKISAA HIN GODAANNUU….. (yoo hin xumurtu ta’e hin jalqabin)

Jalqabarratti maatiifi uummata ballaa gadda hamaan liqimsameef gadda natti dhaga’amu ibsuun barbaada.. Dhugaadha nama jaallatan of biraa dhabuun akkaan ulfaata.. Bakka tokkotti maatiin lakkoofsaan shan ga’uufi: abbaa, haadhaafi ilmoon dhumuunimmoo sana daran ulfaataadha. Jiruun dachii kun hammuma liphuu ijaati gaafa namatti jige.. Amma mullatani ammuma dhibamu… kan dheessanii jalaa hin baaneefi baqatanii hin dandeenye ta’eetuma jalqaba uumamaarraa eegalee dhaloota lufsiisaafi fufsiisaa asiin ba’e du’i kunis. Du’uun seeruma uumama kanaa ta’uu waan namnuu quba qabu… ammoo akki itti du’an/keessattuu kan saba keenyaa/ hamma aaranii waaqaan dheekkamuutti nama geessisa…

Akka sirna bulguu biyya kanaatti.. Biyyittiirraa kan baqatani. Yoo baratanii homaa hin fidne. Olaantummaa saba tokkootiin qofa daldalaafi sochiin biyyittii kamillee kan dhuunfatamu ta’e. Yoo saamamaniifi gaafa namatti roorrifamu….. Haala kanaanimmoo barootaaf jiraanneera. Hamma funyaan nu ga’utti godaanneerra. Oromoon addunyaa kanarra golee arfanuun faca’ee jirusimmoo miliyoonaan kan lakka’ama har’a. Jiruun nutti ulfaattee hiyyuma baqachuutti… hidhaaf ajjeechaa nuffuurraan kan ka’e. Hamma biyyi namaa Oromiyaa xinnoo jedhamee waamamuu ga’utti kumaataman godaannus garuu har’allee rakkoon keenya achuma jira.. Jijjiiramne argame… furmaanni mullate homaa…

Har’as akkuma gaafa haayila sillaasee.. Akkuma gaafa dargii… akkuma wayyaanee ammaa… gabrummaan nurraa hin kaane.. Akka rakkannetti..akka nutti roorrifametti… akka hiyyoomnetti baroota lakkoofsisaa as geenyeerra.

Utuu baqachuun furmaata ta’ee bara mootummaa ce’umsaan booda kumaatama karaa keeniyaa yaa’etu waan tokkorraan nu ga’a ture.. Leenci ganda isaa gadhiisnaan adurree ta’aaf malee…

Ammasimmoo godaanuutti jirra… finciluma dheengaddaan walqabateellee gammoojjii saharaan kan qaxxaamure kumaatama.. Dhugaadha nama waan taaneef obsa fixachuu malla.. Fedhi keenyas daangaa dhabuu mala. Garuu “hamma yoomiitti?” Isa jedhu jala mureen gaafachuu barbaada. Gaaffiin bu’uuraa dhalootni kun deebisuu qabu maali? Foon ofii mo’anii rakkoo dandamachuun jijjiiramaaf aarsaa ta’uumoo biyya jijjiirametti godaanuutu furmaata? Dhaloota ofii darbee dhalootaaf dabarsuuf qabsaa’umoo…. Dhaloota ofiifuu ifa arguu barbaadu? Baqachuun kuni hoo hamma yoomiitti itti fufa…?
Gaaffiiwwan kunniin namnuu akka of gaafatun barbaada. Keessattuu dhaloonni amma Oromiyaa keessa jirtan. Tikseen gaariin hoolota isaa bineensa baraara malee ofii dheessee akka hin baanes beekaatuma of gaafadhu.. irra deddeebi’ii of gaafadhu.

Har’a uummanni keenya balaa uumamaafi nam-tolcheetiin guyyaadhaa guyyaatti hir’achuutti jira. Beela, balaa konkolaataa, dhibee akkasumas hidhaafi ajjeechaan irratti walfuree qe’ee isaarratti akka baalaa harcaasuu hin dhiifne. Tokkoon tokkoon saba kooti lapheen mada’aadha. Gaddis golatti nu aseenee ba’uu didee mataa jabaate. Ta’us garuu nuti hin dhumne.. Hin dhumnusi.. Harca’aama biqilla… goggogaama daraara.. Ni baayyanna.. Nuti sanyii badu miti..mitii?

An akka nama tokkootti dhaloota ammaa kanaan waanan jechuu barbaadu, hireen uummata keenyaa harka keenya keessa qofa akka jiru akka naaf beeektaniidha. Rakkoon nuti keessa jirru hundeedhaan buqqa’uu kan danda’us garee galaana gama jiruun osoo hin taane nu’i warra as Oromiyaa jiruun qofa ta’uus sirriitti beekkadhaa. Yoo godaansi nu jijjiireef warri godaananiyyuu ni gahu. Aayyoofi abboo wayyaaneen ijatti tuftu kan arguutti jiru anaafi si’i.. Shamarran keenya salphataniif daa’imman keenya gombifamanis nutu dhiiga ho’aa arguutti jira. Dhugaadha waa’ee keenya garee siyaasaa ykn nama jabaa tokkorratti dhiisuun qofti yoo nutti hammeesse malee furmaata waaraa hin argamsiisu. Keessaa ba’uurra keessatti hafnee keessaa baasnu malee.

Biyya keenya eenyuufi eenyuutti dhiisnee deemna..

Mee kottaa keessaa hin baqannuu..! Yoo du’a ta’e eessattiyyuu nuuf hafaa hin jiru silaa. Adaraa oboleettiiko.. Adaraa obboleessako.. Iji kan kee ala hin’laalin.. Oromiyaatti dudda gattee qajeeluufis faana hin kaasin. Yoo dhumuu asitti dhumna.. Bakka haadhaaf abbaan keenya nu awwallatanitti.. Bakka firaaf lammiin quba nu qabaatutti.. Malee jiraachuuf utuu fiignuu.. Osoo du’a baqannuu du’i xiiqii nuun qabachuutti jira… maaloo nutti haa hafu. Yoo as teenyee aarsaa barbaachisu kafaluun falmanne malee biyya keenya bineensatti dhiisnee hin deemnu adaraa… waan lubbuun nu hawwituufi foon keenya kajeeltu nutti haa hafu.. Dhaloota jijjiiramaaf cichu taanee dhaloota jijjiiirame haa uumnu. Warri anaaf siin har’aa uuman keesaa baqataniiti miti keessaa alattis hin godaanne.. Jireenya dhuunfaa isaanii gatanii… alaatii as dacha’an malee.

Kormi Oromiyaa gadhiisee baroodus bookkisus sagaleensaa amma lukkuu asii iyyituullee dhiibbaa hin fidu. Barooduun asumatti toltiitii dhaamsaan qabsaa’uuf daangaa hin qaxxaamurin.

Qabsoon dhaamsaan taatu waggoota digdamii shanan darban yoo nu cabsuu malee nun dhidhiibne.. Yoo nu diiguu malee nun ijaarre. Bakka itti waa gochuu dandeessu gadhiistee ibsa ejjennoo nuu erguuf gammoojjii hin qaxxaamurin maaloo… erga duuti hin oollee falmaa duuna ijoolle…

Kun yaada dhuunfaa koo ta’us mee irratti haa mari’annu… dubbii kana akkamitti ilaalta ati?

Galatoomaa!

Rabbi isin haa jajjabeessu…

by Abdiisaa Balaachoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …