Oduu Haaraya

–ARAARAAN…!!–

Walaloo Yaadannoo obboleewwan keenya Galaana irratti dhumaneef Dr. Dhinsaa Yonaasiin qophayee akka itti aanutti dubbisaa.

–ARAARAAN…!!–
Gamatti abdii ilaalaa
Maatii qabatanii,
Garbummaa ormaa jalaa
Biyyaa baqatanii,
Miiltoo abbaa malaa
Doonii yaabbatanii,
Tuujuba galaanaan
Raafama bishaanii,
Dambalii qilleensaan
Galaanatti dhumani,
Cittee abdiin isaanii
Karaatti hafani!!
—————–
Garaatu nu gubate
Xinnaaf guddaan dhumee,
Madaa kulkulfate
Nu keessatti uume,
Waaqa abbaa araaraa
Lubbuu isaanii maari,
Nu dhaga’i adaraa
Nuunis nu baraari,
Cubbuu nurraa kaasi
Maalo ati nuuf dhiisi,
Onnee keenya jiisi
Obsaan nu badhaasi,
Uumaa harka keetii
Ati waa nuuf mali,
Yakka keenya mitii
Garaa keenya ilaali!
Abdii keenya tolchii
Ati mo’ii caali!
Dheekkamsa nu oolchi
Araaraan nu ilaali!!

# Nuuf_Maari !!
Dr. Dhinsa Yonas
April 19, 2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …