Oduu Haaraya

Andaargaachoo Xigee Itiyoophiyaatti Deebifaman Jechuun Hiyumaan Raaytis Waach Beeksise

 —

Barreessaa duree paartii Giinboot 7 kan ta’an Obbo Andaargaachoo Xigee Yaman keessatti eega to’annaa jala oolanii booda sa’atilee hanga tokko  keessatti  Itiyoophiyaatti ergamuu isaaf odeeffannoo qabatamaatu jira jechuu dhaan qorattuun Tokkummaa Mootummotaa Beliiks Velee beekaisanii jiru. Kanaafis jecha Itiyoophiyaa keessa jiraachuun Obbo Andaargaachoo kan wal nama gaafachiisu miti jedhu. Balalii xayyaaraa ittiin Itiyoophiyaatti geessame kan ilaaleen odeefannoo ga’aa qabna jedhan.

Obbo Andaargaachoon lammii biyya Briteen waan ta’niif dubbi himaan ministrii dantaa alaa Briteen ibsa baaaseen Obbo Andaargaachoon Waxabajji 24, 2014 yaman keessatti eessaa buutee isaa dhabamuun gabaafamee jira jedhu. Yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jiraachuu mala gabaasi jedhu dhageenyee jirra kan jedhu ibsi kun aangawonni dhimmi kun kallattiin isaan ilaallatu Obbo Andaaragachoon eessa akka jiru akka nuu mirkaneessan barbaanna jedha.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa

Check Also

barnoota afaan oromoo universitii

This language was banned in Ethiopia just 30 years ago. Now, it’s being taught at Stanford

Afan Oromo, a native language of Ethiopia, is being taught at Stanford for the first …