Oduu Haaraya

SEENESSA YUNBARSIITI WALLAAGA kutaa duraa

******SEENESSA******
****YUNBARSIITI WALLAAGA****
****KUTAA 1FFAA****
………..Gochaan har’a bori seenaa ta’e seeneffaama,hiriyyaa koo yunbaarsiiti wallaaga irraa baratuutu jira ganna kana boqonnaaf gara maati isaatti gale aniis manuma barnoota olaana maqa mana barnooticha heeru hin hin feene irraa barnootara dismiisal ta’een jira.nuti lameenu osuma kara irra imaala jirru waliitti baane.hiriyyaan koos waa’e koo dhagahee waaan gurraa qabuuf natti maramee imimaan isaa narraatti dhangaalasee bo’a,ati lubbuun jirta?jechaa gadi na lakkiisu didee hudhaama dubbata.akka namni nurraatti baru hin feene aniis osuma imiimaan qaroo kiyyaarra waliif gadi ori’uu obsee ciniinnadhe gadi liqiimfadhee lafiicha fudhaadhe gara mana shayii dawoo qabdu takka seenne hasaawa eegalle. Waa’e moora itti barataa ture gafaachuttaan ka’e guyyaa dura aduun aduu sanbaata ykn qidaamee ture bariin kaane osoo gargaar wal hin qodnee oromoon hundinuu amantaan,nannoo,siyaasaan osoo wal hin qoodiin yoo xiqqaate baayyiinni baraata keenya 12000 ol taanu osoo ciree hin nyaatiin gara hiriira nagaatti imaala keenya goone moora sayiinsii uumamaa fi sayiinsii hawwaasa ykn “men kampaas fi fb”irraa walittii dabalaamuun dhadaanno baafacha gara karra ykn balbaala guddaatti imaalle yeroo karra banaanne gadi yaanu barattoonni keenya barreeffama amariiffaa fi ingiliffaa karra mooriichaarra jiru ol ilaalani uuuuuuuuuuuuuuuu hundiinu ni iyya kaan immoo lafaarra gangaalata,kaanis jilbiinfaate kana ni agaarta yaa waaq biyya abbaa keenyaarraatti jechuun gara samii ol ilaala imimaani gara samiitti dhangaalasa,dhaadannoni itii fufee dhadaanno sana keessa waa xiqqoon gurra isiin buusa 1,Masteer pilaani haara ni mormiina
2,Finfiinneen handhuura Oromiyaati
3,Hidhaamtoonni siyaasa gadi haa lakkiifamani
4,Miseensa baraata moora kan ture bara 2003 A.L.H tti ykn immoo 2011 humna tika shallaama jedhaamuu fi humna fedeeralaan mooricha kan ukkamfaame fudhaatame baraataan Tolaan gadi lakkiifamee gara barnoota isaatti haa deebi’u.
6,Siidan miniilik haa buqqaa’u.
7,Siidaan gootota oromoo lafiicha haa dhaabaatu.
8,Lafti awaalcha abiishee garbaa nannoo amaarati buqa’ee naannoo oromiyaa haa dhaabaatu
f kk fakkaatanidha dhaadanno gaafaasi hundumaa dubbaadhee siif fixuu hin dandaa’u isheen xiqqoon garu kana naan jedhe hasaawa isaa ittuuma fufe…….. Aniis afaan banee yaadaan liqinfaamee akka nama imala dheera imaala jiru isuuma duukaan bu’e.Ammaa karra gudda fulduura geenyerra,imaalli keenya gara magaala ture sagaalee keenya uummata magaala naqaamtee dhageessiiffachu ture akkuuma karra gadii baanuun poliisi oromiyaa sadii argiine namnuu hasaawa isaani hin deemne,dhakaa drbaachuun,qabeenya barbaadeessuun,nama miidhuun hin jiru sagaalee keenya qofa dhageesiisa jirra.erga lafa gaaziin kuufamu humni feederaala keessa qubaate jiru diippo jedhaamu dabarreen booda poliisoonni oromiyaa kun nu fulduura bahaani fiishkaa afuufuu eegaalaani barattoonni keenya kana dhageenye hin jenne dhaadannoo baafaacha gara lafa keella jedhaamu yeroo geenyu poliisiin Oromiyaa harka duwwaa ulee ykn dullaa baataani fulduura keenya dhaabaatani,xiqqoo ishee akka meetira 6 achi hiiqee immoo humni agaazi meeshaa kilaasha fi rasaasa aara roobsu naqaataani gachaana mataati hanga miilaatti godhaataani dhaabaatani jiru.barattoonni fi poliisoonni Oromiyaa waluuma keessa dhaabatu.dhadaannoni barattoota ni jijjiirame kara akkas jedhuutti jijjiirame1,kara gadi nuuf lakkiisa gaaffi mirgaati gaafaacha jirra kan jedhu ture yoo xiqqaatte barattooni keenya kara gadi nuuf lakkissaa jechuuf qofa barii sa’a 3:00 hangaa sa’a 7:00 lafiichuuma dhaabaatani sagaalee isaanii dhageessisa jiru humni agaazi uummata magaala naqaamtee gara magaalaatti gadi ittiisa barattoota unveersiitii gara oliitti ittiisse gidduu kana meeshaan goola jira.yeroo sa.a 7:30 gahu humni agaazi jedhaamu kun barattoota keenyattii rasaasa aaraa qabu itti gadi roobsuu eegaale baraata qabe reebuu eegaale hiriirri nagaan bahaame gara jeequumsaatti jijjiirame barataan hedduun miidhaame,sabaaba kanaatiin poliisi Oromiyaa fi agaazi gidduutti waliitti bu’iinsi uumaame poliisiin Oromiiyaa baraata kara naga bahee hin reebiina gara jeequumsaatti hin dhiibina jechuun gaafa itti dubbaatani humni agaazi poliisoota oromiyaa baraattotuma waliin reebuutti ka’e.baraataan hangi qabaame qabaamee..kan reebaame bosoona keessaatti kufees bosoona keessa deemne funaanuutti kaane….baraattan hammi baqaate harka agaazi jala gara mooraatti ol dachaa’e immoo moora keessa nannawuu hiriira naga haraawa qindeessuun sagaalee dhageesiisuun itti fufe dhaadannon haraawwaan akkas jedha ture1,baraattoonni hidhaamaan nuuf haa hiikkaamani
2,humni gooleessiitu agaazi gaaffi mirgaa humnaatti jijjiirte seeraatti haa dhiyyaattu ture naanno sa’a 10:30 amma immoo hedduu sodaachiisa sagaale oriisan guuttametu jira,wal jalaa qabe bookkiisa………….. HEENESSAA KEENYA KUTA 2FFAAN WALIITTI DEEBINUTTI OBSAAN NA EEGA.
YOON DOGOOGOREES NA OFKAALCHA.

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …