Oduu Haaraya

As promised Qeerroo has also freed Hailemariam Desalegn from his prison cell called the puppet minister office!!

dessi aalay 2018

Finfinnee, Gurraandhala 8,2010(FBC) -Muummen ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany taayitaa gadhiisuuf xalayaa galfatan.

Muummen ministiraa ibsa laataniin sababiin taayitaa gadhiisuu isaanii yeroo hedduu tajaajiluu isaanii ta’uu ibsanii, dirree siyaasaa biyyattii bal’isuuf akka ta’es eeraniiru.

Rakkoon tasgabbaa’uu dhabuu fi siyaasni biyyattii akka hiikamu, ummanni naannoleerraa buqqa’uun akka dhaabbatu, barbadaa’uun qabeenyaa fi balaan invastimantiirratti aggaamamus akka furamuuf taayitaa gadhiisuuf xalayaa galfadheera jedhan.

Dabalataanis dirree siyaasaa biyyattii bal’isuuf fedhii mataa kiyyaan dura taa’ummaa Warraaqsa Demokraatawa Ummattoota Kibbaa fi muummee ministiraarraa gadhiisuuf xalayaa galfadheera jedhan.

Koreen hoji raawwachiistuu Warraaqsa Demokraatawa Ummattoota Kibbaa fi koreen hoji raawwachiistuu ADWUI xalayaa isaanii kan irraa fuudhe yammuu ta’u, Mana Maree ADWUIf ammoo dhiyeeffachuu ibsaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatifis galfachuu eeranii, akka naaf ragga’us nan eega jedhaniiru.

Bakka isaanii dura taa’aa ADWUI ta’ee kan filatamu, muummee ministirummaan biyyattii akka hogganu, nagaa fi tasgabbiin akka bu’uuf akka hojjetus dhaamaniiru.

Buzu’aalam Beenyaatu gabaase.

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …