Oduu Haaraya

Ayyaana Yaadannoo  Qabsoo Diiddaa Gabrummaa

 

Kaayoon kallachi  ayyaana kanaa, qabsoon  bara 1960’mootaa  Baaletti jalqabamtee  achirraa kutaawwan  heddu walgeette,  qooda  seenaa sochiiwwan bilisummaa Oromoo keessatti qabdu ifatti baasuudha.  Seenaa qabsaawota  barootaa saniitillee  tooftaa teknooloojii ammayyaatiin galmeessanii  dhaloota  dhaalchisuun immaammata guddaa  ayyaana kanaati.

Ayyaanni kun, qabsaawota kufan yaadataa kanneen lubbuun jiran irraa seenaa qorata.  Seenaan qabsoo Oromoo martinuu walitti hidhata qaba.  Kanaaf, qabsoowwan  kanaan dura turaniifii kanneen san boodarrallee dhufan walitti qabanii dhiheessuun galmee seenaa gabbisa; hundee itti fufiinsi qabsoo irraa madde illee  mul’isa.  Saniif,  seenaa baroota dhibbaatiin walsimachiisanii  himuun barbaachise.

Qabsaawota, manguddootaafi hayyoota rraa koottaa seenaa:  Aanole-Azuule, Calii-Calanqoo, Lola Dhoonbir, Sochii Afran Qalloo, Lola Raayyaa-Azaboo,  Sochii  Waldaa Maccaa-Tuulamaa,  Lola Soowraa fi  kkf  dhagayaa.  

                 Hagayya  9 – 10/2014  :  Sanbata (Saturday)   9wd  – 5wb

                                                          Dilbata (Sunday)      9wd – 9wb 

Bakki: Hamline University, 775 Snelling Ave North, St, Paul, MN 55104

Akka sirna kanarratti  nuu argamtan  kabajaan  isin afeerra.

Koree Qopheessituu Ayyaanichaa

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …