Oduu Haaraya

Dorgommii baranaa mana barumsa MN.,St.Paul,jiru ‘Central High School’ jedhanitti qopheessan.

 —

OSFNAOromo Sport Federation in North America,dorgommii ispoortii Oromootii Amerikaa gama kaabaa baruma baraan qopheeffatan.

Eegii jalqabanii ganna kurnya lamaatti deemuutti jirtii dorgommiin baranaalleen Amerikaa kutaa MN-tti Hagayyaa 2-haga Hagayya 9, MN dorgoman.

Akka itti gaafatamaan sab-qunnmatii OSFNA,Milkeessaa Ukaa jedhetti barana Awustiraaliyaa fi Kanaadaallee waliin garee 19 itti dhufa.

Dorgommii tun fiigichaa maqaa Abbebee Biqilaatiin qopheessan,kubbaa miilaa,ta harkaa,qophii aadaa,qophii maatii,qophii ijoollee,ta nama guddaatii dabalee waan hedduutti jira.

Akka Milkeessaan jedhutti bulchiinsi godina Minneaplisii fi ka St.Paul torbaan qophiin itti dorgoman sun akka Torbaan Oromoo, ‘Oromoo Week’ jedhamee yaamamu moggaase. Dorgommii baranaa mana barumsa MN.,St.Paul,jiru‘Central High School‘ jedhanitti qopheessan.

Dargaggoo Milkeessaan keessummaa hedduu simachuuf qophii jirraa jedha.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa

Check Also

lalisaa 2017

A Runner In Exile

After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …