Oduu Haaraya

B A G A  I T T I I N   I S I N  G A H E !

Bara gaarii – bara guddinaa
Bara balleeysinu shiraa fii jallina

Bara tokkummaa –  bara nageenyaa
Bara lagannu wal jibbaaf hammeenya!

Bara badhaadhinaa – bara quufaa
Bara dhabamsiifnu vaayrasii hinaaffaa!

Bara dhugaabara haqaa
Bara callaa malee fageeysinu baaqa!

Bara araaraa – bara milkiidhaa
Bara dhaabbattu ajjeechaafi hidhaa!

Bara kabajaa – bara jaalalaa
Bara dhageenyu waan gurraaf tolaa!

Bara injifannoobara bilisummaa
Bara irra aanu dhaloonni ammaa!

Bara mo’aannu – bara qeerroo
Bara irraa maayyii cunqursaafi roorroo

Bara walin qoonne – bara walin komanne
Bara hiddaan buqqaafnu jalee fii Wayyaanee!

Bara bilisoomnee abbaa biyyaa taanu,
Bara kan faffacaane walitti dachaanu,
Bara Aadaaf Afaan keenyaan boonnu,
Bara sirna gadaa deebifnee gad dhaabnu!

Barri nagayaafi bara milkiiti!
Gadaan gadaa bilisummaati!

Check Also

ali birraa2

Hangafni Artistoota Oromoo Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa biyya irraa hin galetti godaane.

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN Anis Biyyaan Qabaa Biyya Biyya Caaltuu Biyyatoo Oromiyaa Tan …