Oduu Haaraya

Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa maal faaydaa argatu?

Kutaa tokkoffaa barruu kanaa keessatti duursinee akka ibsinettis bu’uura gabaasa bara darbeetiin qarshiin biliyoonni sagaltamii torbaa ol baankota dhala irraa bilisa bira ka’amaniiru.

Gaaffiin jiru, achi kaa’uun rakkoo ta’ee miti. Kanneen baankotii sana maallaqa isaanii kaawwatan faayidaa maalii argataa jiru? kan jedhuudha. Bu’aalee baankoliin karaa halaalaatiin buufatan keessaa gahee guddaas akka hin qabne kutaa duraa keessatti ilaalleerra.

Baankiileen hedduun raawwii hajjiitiif doolaara gurgurrumoo dhiifnu yoo jedhanus argineerra. Itti aansinee kan ilaallu ammoo, maallaqa isa karaa bilisaan baankota bira jiru irraahoo daldaltoonni muslimaa karaa halaalaatiin liqeeffatanii (faayinaansii argataa) hojii isaanii babal’ifachuufi guddifachuu danda’aniiruu?kan jedhuudha. Sababni isaas qabxiin kun qabxii isa murteessaa biraa gahee baankonni muslimotaaf oolan ittiin madaallu waan ta’eefi.

Maallaqa kuufamaa irraa hoo hangam fayyadamaa taasisan?

Daldaltoonni muslimaa diinagdee isaanii guddisuuf hudhaa guddaa kan isaanitti ta’e rakkoo dhiheessii maallaqaa karaa bilisa ta’eeniiti. Baankiileen baay’een <<bu’uura sheri’aatiin>> jechaa akka muslimoonni qarshii isaanii isaan bira ka’ataniif beeksisa hojjachuun wacu. Hanga ammaatti namoonni miliyoonni kudha tokkoo (11) ol damee dhala irraa bilisaan maallaqa isaanii baankota kaa’uu jalqabaniiru.

Bu’uura qajeelfama baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin baankiileen maallaqa maamiltoonni isaanii isaan bira ka’an keessaa %80 (harka dhibba keessaa saddeettama, jechuunis tokkoon tokkoon qarshii dhibbaa irraa hanga qarshii saddeettamaatti) liqeeffattootaaf liqeessuun isaaniif heeyyamama.

Akka biyya keenyaatti maallaqa kuufamaa baankota dhaabbataa bira taa’ee jiru tiriliyeena tokkoofi biliyoona kuma dhibba afur (1,400,000,000,000,) keessaa muslimoonni dhala irraa of eeggatan dhala waan hin fudhanneefi waan isaaniif hin kaffalamneef maallaqa kana irraa liqeeffachuu hin danda’an.

Maallaqni kuufamaa damee baankii dhala irraa bilisaatiin baankiilee biyyattii keessa ka’ame gahee harka dhibba keessaa torba (%7) yoo ta’u, kunis gabaasa baankii biyyoolessaa ifa ta’e keessatti hanga bara darbeetti hanhi waliigalaa isaa qarshii biliyoona sagaltamii torba gaheera. Maallaqa kuufamaa kana keessaa tokkoon tokkoon baankiilee maallaqa isa bira jiru irraa bu’uura sheri’aatiin faayinaansii godhe kan jedhu dhimma haalaan murteessaa waan ta’eef hangam baankiileen daldaltootafi namoota muslimaa babal’iinsa hojii isaaniitiif, bittaa manaatiifi kkf liqeessaniiruuf kan jedhu ilaalla.

Akkaataa bu’uura hojmaata baankii biyyaalessaatiin akka waliigalaatti qarshii biliyoona 97 ol baankiilee jiru keessaa hanga biliyoona torbaatamii saddeetiitti (78) liqeessuu ni danda’u. Ta’ullee hanga gaafa Jun 30 bara 2021’tti biliyoona torbaatamii saddeet keessaa hangi maallaqaa isaan liqeessan garuu walumaagalatti 25,876,177,940 (biliyoona diigdamii shaniifi miliyoona dhibba saddeetiif torbaatamii jahaafi kuma dhibba tokkoof torbaatamii torbaafi dhibba sagaliifi afurtama) qofa. Kana jechuun maallaqa akka liqeessaniif isaaniif heeyyamame keessaa kan isaan liqeessan %33 (harka dhibba keessaa soddomii sadii) qofadha. Yookiin ammoo maallaqa kuufamaa liqeessuun isaaniif heeyyamame %80 (harka dhibba keessaa saddeettama) keessaa maallaqni kuufamaa isaan liqeessan %26 (harka dhibba keessaa diigdamii jaha) qofa jechuudha. Ityi aansuun tokkoon tokkoon baankiilee maallaqa kaawwannaa/kuufamaa irraa qooda isaan liqiif kennan walduraa duubaan ilaalla.

1). Akka biyyaatti maallaqa kuufamaa irraa maamiltoota baay’eef liqeessuun hangafa kan ta’u Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaati. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa sadarkaa biyyaatti damee dhala irraa bilisaan faayinaansii akka guutuutti kenname (liqii) keessaa %35.91 (harka dhibba keessaa soddomii shan keessaa tuqaa sagal tokko) kan ta’u gahee isaati.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa akka waliigalaatti qarshii 11,978,627,691 (biliyoona kudha tokkoofi miliyoona dhibba sagaliifi torbaatamii saddeetiifi kuma dhibba jahaaf diigdamii torbaafi dhibba jahaafi sagaltamii tokko) qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 9,582,902,152.80 (biliyoona sagaliifi miliyoona dhibba shaniif saddeettamii lamaafi kuma dhibba sagaliif lamaafi qarshii dhibba tokkoofi shantamii lamaafi saantima saddeettama) kan ta’u qofa. Kana keessaa Baankiin Hojii Gamataa Oromiyaa kan inni liqiin kenne 9,291,625,584.46 (biliyoona sagaliifi miliyoona dhibba lamaaf sagaltamii tokkoofi kuma dhibba jahaaf diigdamii shaniifi dhibba shaniifi qarshii saddeettamii afuriifi saantima afurtamii jaha) kan ta’uudha, kana jechuun maallaqa faayinaans gochuun heeyyamamuuf keessaa %96.96 (harka dhibba keessaa sagaltamii jaha tuqaa sagal jaha) liqeesseera.

Gama biraatiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun kan heeyyamamuuf yoo ta’u inni garuu kan liqeesse %78 (harka dhibba keessaa torbaatamii saddeet) kan liqeesse yoo ta’u kan hafe %2 (harka dhibba keessaa lama) qofa jechuudha. Gama kanaanis Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bu’uura sheri’aatiin faayinaansii (liqii) namoota biizinasiitiif kenneen haalaan galateeffatamuu qaba.

2). Itti aanee kan jiru ammoo maallaqa gama baankiilee damee dhala irraa bilisaa biyyattii keessa jiraniin sadarkaa kan qabuufi maallaqa kuufamaa kana keessaa gahee walakkaa ol jechuunis %53.28 (harka dhibba keessaa shantamii sadii tuqaa lama saddeet) kan qabate Baankii Daldala Itiyoophiyaa yoo ta’u, kan inni liqeesse garuu hanga Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa hanga maallaqa kuufamaatiin dachaa afuriin isaa gadi ta’e %11.71 (harka dhibba keessaa kudha tokko tuqaa torba tokko) irraa gadii yoo ta’u kana jechuunis faayinaansii waliigalaa akka biyyaatti kenname keessaa %24.2 (harka dhibba keessaa diigdamii afur tuqaa lama) kan ta’e qofa.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa maallaqa waliigalaa qabu qarshii 52,039,110,704 (biliyoona shantamii lamaafi miliyoona soddomii sagaliifi kuma dhibba tokkoof kudhaniifi dhibba torbaafi afur) keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 41,631,288,563.2 (biliyoona afurtamii tokkoofi miliyoona dhibba jahaaf soddomii tokkoofi kuma dhibba lamaaf saddeettamii saddeetiifi dhibba shaniifi jahaatamii sadi’iifi saantima lama) qofa.

Kana keessaa qarshiin baankiin daldala Itiyoophiyaa liqiin kenne 6,261,216,099.20 (biliyoona jahaafi miliyoona dhibba lamaaf jahaatamii tokkoofi kuma dhibba lamaaf kufha jahaafi qarshii sagaltamii sagaliifi saantima diigdama) qofadha.

Kana jechuun qarshii faayinaans gochuun isaaf heeyyamamu keessaa %15.04 (harka dhibba keessaa kudha shan tuqaa zeeroo afur) liqeesseera. Dubbii biraatiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun osoo heeyyamamuufii inni garuu %12 qofa liqeessuun hangi inni osoo hin liqeessin hafe immoo %68 qofa jechuudha.

3). Sadarkaa sadaffaa irratti akka biyyaatti walumaagalattia 13.69 (harka dhibba keessaa kudha sadii tuqaa jahaatamii sagal) qabatee kan argamu Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa (amma Baankii Oromiyaa jechuun moggaasa jijjiirrateera)’tu argama. Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa akka waliigalaatti qarshii 4,879,909,490 (biliyoona afuriifi miliyoona dhibba saddeetiif torbaatamii sagaliifi kuma dhibba sagaliif sagaliifi dhibba afuriifi sagaltama) qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf qarshii 3,903,927,592 (biliyoona sadi’iifi miliyoona dhibba sagaliif sadi’iifi kuma dhibba sagaliif diigdamii torbaafi dhibba shaniifi sagaltamii lama) qofa.

Kana kessaa qarshiin Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa liqiin kenne 3,542,349,948.43 (biliyoona sadi’iifi miliyoona dhibba shaniif afurtamii lamaafi kuma dhibba sadi’iif afurtamii sagaliifi dhibba sagaliif afurtamii saddeetiifi saantima afurtamii sadii) dha. Kana jechuun maallaqa faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %90.74 (harka dhibba keessaa sagaltama tuqaa torba afur) kan ta’u qofa liqeesse.

Akkaataa dubbui biraatiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun osoo heeyyamamuufii inni garuu kan liqeesse %73 qofa liqeessuun osoo.hin liqeessin kan hafe %7 (harka dhibba keessaa torba) qofa jechuudha.

4). Faayinaansii damee dhala irraa bilisaan akka biyyaati kenname keessaa qooda %8.46 qabachuun sadarkaa afraffaa irratti kan argamu Baankii Daashani. Baankiin Daashan akka waliigalaatti maallaqa 4,608,841,903 (biliyoona afuriifi miliyoona dhibba jahaaf saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif afurtamii tokkoofi dhibba sagaliifi sadii) qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf qarshii 3,687,073,522.4 (biliyoona sadi’iifi miliyoona dhibba jahaaf saddeettamii torbaafi kuma torbaatamii sadi’iifi dhibba shaniif fiigdamii lama tuqaa afur)qofa.

Kana keessaa Baankiin Daashan liqiin kan kenne 2,190,291,997.47 (biliyoona lamaafi miliyoona dhibba tokkoof sagaltamaafi kuma dhibba lamaaf sagaltamii tokkoofi qarshii dhibba sagaliif sagaltamii torbaafi saantima afurtamii torba) dha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %59.4 (harka dhibba keessaa shantamii sagal tuqaa afur) liqeesseera. Dubbii biraatiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun kan heeyyamamuuf osoo ta’ee jiruu inni garuu %48 liqeessuun hammi inni osoo hin liqeessin kan hafe ammoo %32 (harka dhibba keessaa soddomii lama) dha jechuudha.

5). Akka biyyaatti gahee %8.21 qabachuun sadarkaa shanaffaa irratti kan argamu Baankii Awaashi. Baankiin Awaash akka waliigalaatti qarshii 7,510,232,463 (biliyoona torbaafi miliyoona dhibba shaniif kudhaniifi kuma dhibba lamaaf soddomii lamaafi dhibba afuriif jahaatamii sadii) qabu keessaa qarshiin akka liqeessuuf seeraan heeyyamamuuf 6,008,185,970.4 (biliyoona jahaafi miliyoona saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif saddeettamii shaniifi dhibba aagaliif qarshii torbaatamaafi saantima afur) qofa.

Kana keessaa baankiin Awaash liqiin kan kenne 2,123,779,822.54 (miliyoona lamaafi miliyoona dhibba tokkoof diigdamii sadi’iifi kuma dhibba torbaaf torbaatamii sagaliifi dhibba saddeetiif diigdamii lamaafi saantima shantamii afur) kan ta’uudha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %35.35 (harka dhibba keessaa soddomii shan tuqaa soddomii shan) liqeesseera. Kallattii birootiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun osoo heeyyamamuufi inni garuu kan liqeesse %28 qofa yemmuu ta’u osoo hin liqeessin kan hafe %52 (harka dhibba keessaa shantamii lama) kan ta’uudha jechuudha.

6). Akka biyyaatti Baankiin Abisiiniyaa gahee %3.66’n sadarkaa 6ffaa irratti argama. Baankiin Abisiiniyaa qarshii akka waliigalaatti qabu 8,306,077,368 (biliyoona saddeetiifi miliyoona dhibba sadi’iif jahaafi kuma torbaatamii torbaafi dhibba sadi’iifi jahaatamii saddeet) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 6,644,861,894.4 (biliyoona jahaafi.miliyoona dhibba jahaaf afurtamii afuriifi kuma dhibba saddeetiif jahaatamii tokkoofi dhibba saddeetiif sagaltamii afuriifi saantima afur) qofadha.

Kana keessaa baankiin Absiiniyaa liqiin kan kenne 945,995,707.74 (miliyoona dhibba sagaliif afurtamii shaniifi kuma dhibba sagaliif sagaltamii shaniifi dhibba torbaafi qarshii torbaafi saantima torbaatamii afur) dha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %14.24 (kudha afur tuqaa lama afur dhibbaffaa) kan ta’u qofa liqeesse.

Kana jechuun kan osoo hin liqeessin haambifate 5,698,866,186.66 (biliyoona shaniifi miliyoona dhibba jahaaf sagaltamii saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif jahaatamii jahaafi qarshii dhibba tokkoof saddeettamii jahaafi saantima jahaatamii jaha) jechuudha. Dubbii biraatiin, maallaqa kuufamaaa waliigalaa keessaa %80 liqewssuun osoo heeyyamamuufii inni garuu kan liqeesse %11 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %69 (harka fhibba keessaa jahaatamii sagal) qofa jechuudha.

7). Akka biyyaatti faayinaansii dhala irraa bilisaa kennuun gahee %3.18′ qabaachuun Baankii Intarnaashinaalii Nib sadarkaa 7ffaa irratti argama. Baankii Intarnaashinaalii Nib qarshii akka waliigalaatti qabu 3,056,420,485 (biliyoona sadi’iifi miliyoona shantamii jahaafi kuma dhibba afuriif diigadmaafi dhibba afuriif saddeettamii shan) qabu keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf qarshii 2,445,136,388 (biliyoona lamaafi miliyoona dhibba afuriif afurtamii shaniifi kuma dhibba tokkoof soddomii jahaafi dhibba sadi’iifi saddeettamii saddeet) qofa.

Kanna keessaa Baankiin Mib Intarnaashinaal liqiin kan kenne 823,806,749.29 (miliyoona dhibba saddeetiif diigdamii sadi’iifi kuma dhibba saddeetiif jahaafi qarshii dhibba torbaafi afurtamii sagaliifi saantima diigdamii sagal) kan ta’uudha. Kana jechuun maallaqa faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %33.69 (harka dhibba keessaa soddomii sadii tuqaa kaha sagal) qofa liqeesse jechuudha.

Gama birootiin maallaqa kuufamaa waliigalaa keessaa %80 kan ga’u osoo heeyyamamuufii inni garuu kan liqeesse %27 qofa yoo ta’u osoo hin liqeessin kan hafe %53 (harka dhibba keessaa shantamii sadi’i) jechuudha.

Sadarkaa 8ffaa irratti akka biyyaatti faayinaansii dhala irraa bilisaatiin gahee %3.10 qabatee kan argamu Baankii Hibrati. Baankiin Hibrat qarshii akka waliigalaatti qabu 1,847,561,771 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba saddeetiif afurtamii torbaafi kuma dhibba shaniif jahaatamii tokkoofi dhibba torbaaf torbaatamii tokko) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 1,478,049,416.8 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba afuriif torbaatamii saddeetiifi kuma afurtamii sagaliifi dhibba afuriif kudha jahaafi saantima saddeet) qofa.

Kana kessaa Baankiin Hibrat liqiin kan kenne 803,191,681.33 (miliyoona dhibba saddeetiif sadi’iifi kuma dhibba tokkoof sagaltamii tokkoofi qarshii dhibba jahaaf saddeettamii tokkoofi saantima soddomii sadii) dha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %54.34 (harka dhibba keessaa shantamii afur tuqaa sadii afur) liqeesseera. Kallattii biraatiin maallaqa kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf heeyyamamu ta’ullee inni garuu kan liqeesse %43 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %37 (soddomii torba dhibbaffaa) ta’a jechuudha.

9). Baankiin Abbaay akka biyyaatti gahee %2.08 qabachuun sadarkaa 9ffaa irratti argama. Baankiin Abbaay qarshii akka waliigalaatti qabu 1,277,435,441 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba lamaaf torbaatamii torbaafi kuma dhibba afuriif soddomii shaniifi dhibba afuriif afurtamii tokko) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 1,021,948,352.8 (biliyoona tokkoofi miliyoona diigdamii tokkoofi kuma dhibba sagaliif afurtamii addeetiifi dhibba sadi’iif shantamii lamaafi saantima saddeet) qofa.

Kana kessaa Baankiin Abbaay liqiin kan kenne 537,573,724.00 ( miliyoona dhibba shaniif soddomii torbaafi kuma dhibba shaniif torbaatamii sadi’iifi dhibba torbaafi diigdamii afur) dha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %52.60 (harka dhibba keessaa shantamii lama tuqaa jahaatama ) liqeesseera. Kallattii biraatiin maallaqa kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf heeyyamamu ta’ullee inni garuu kan liqeesse %42 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %38 (soddomii saddeet dhibbaffaa) ta’a jechuudha.

10. Liqii dhala irraa bilisaa kennuun akka biyyaati gahee %1.38 qabatee Baankiin Wagaagan sadarkaa 10ffaa irratti argama. Baankiin Wagaagan qarshii akka waliigalaatti qabu 1,536,191,534 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba shaniif soddomii jahaafi kuma dhibba tokkoof sagaltamii tokkoofi dhibba shaniif soddomii afur) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamammuuf qarshii 1,228,953,227.2 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba lamaaf diigdamii saddeetiifi kuma dhibba sagaliif shantamii sadi’iifi dhibba lamaaf diigdamii torbaafi saantima lama) qofa.

Kana kessaa Baankiin Wagaagan liqiin kan kenne 356,346,626.03 (miliyoona dhibba sadi’iif shantamii jahaafi kuma dhibba sadi’iif afurtamii jahaafi dhibba jahaaf diigdamii jahaafi saantima sadi’i) dha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %29 (harka dhibba keessaa diigdamii sagal) liqeesseera. Kallattii biraatiin maallaqa kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf heeyyamamu ta’ullee inni garuu kan liqeesse %23 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %57 (shantamii torba dhibbaffaa) ta’a jechuudha.

11. Liqii jalqabuu dhabuu isaatiin ykn hanga %0 ta’een Baankiin Bunnaa sadarkaa xumuraa irratti argama. Baankiin Bunnaa qarshii akka waliigalaatti qabu 624,000,000 (miliyoona dhibba jahaaf diigdamii afur) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf qarshii 499,200,000 (miliyoona dhibba afuriif sagaltamii sagaliifi kuma dhibba lama) qofa.

Kana kessaa Baankiin Bunnaa hanga Jun 30 bara 2021’tti liqiin inni kenne hin jiru ykn zeeroodha jechuudha. Kanaafuu osoo hin kennin kan qabate qarshii 499,200,000 (miliyoona dhibba afuriifi sagaltamii sagaliifi kuma dhibba lama) hunda jechuudha. Kana jechuun qarshii faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa homaayyuu hin liqeessine jechuudha.

Bu’uura gabaasa baankii biyyaalessaa bara darbeetiin baankiilee biyya keenyaa keessaa kanneen damee dhala irraa bilisaatti makaman keessaa maallaqa kuufamaa sassaaban keessaa maallaqa kuufamaa kana dhibba irraa hangam damee dhala irraa bilisaatiin naamiloottan isaaniif deebisanii liqeessan kan jedhu sadarkaan isaanii kan olitti ilaalle fakkaata. Maallaqa kuufamaa qaban irraa liqeessuun maamiltoonni bizinasii isaanii akka guddisaniif faayinaans gochuun sadarkaa baankonni qabatan walduraa duubaan yoo tartiibessinu akka armaan gadiiti.

1ffaa- Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa

2ffaa- Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa (Baankii Oromiyaa)

3ffaa- Baankii Daashan

4ffaa- Baankii Hibrat

5ffaa- Baankii Abbaay

6ffaa- Baankii Awaash

7ffaa- Baankii Nib Intarnaashinaal

8ffaa- Baankii Wagaagan

9ffaa- Baankii Daldala Itiyoophiyaa

10ffaa- Baankii Abisiiniyaa

11ffaa- Baankii Bunnaa’tu argamu.

Itti fufa…

Ustaaz Ahmadiin Jabal

Waxabajjii 2022

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *