Oduu Haaraya

Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa boordii Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa haarawaan bakka buuse

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Adoolessa 2015 keessa sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gaarummaafi hooggansa gaarii argateera
Torbaan darbe Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hooggantoota Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ijoo hujii irraa ari’uun niyaadatama. Ari’amuu isaanii hordofee, boordiin haarofni uumamuun isaas labsameera.
Akka ibsa bayeetti namoonni ari’aman dura taa’aa boordii baankichaa Dr. Abarraa Dheeressaa, Itti-aanaa boordii ob.Taaddasaa Masqalaa, prezidaantii baankichaa ob. Wondimaaganyehu Nagaraa fi itti aantota isaanii ob. Tolosaa Bayyanaafi ob. Abbabaa Xilahuun dha. Akkasumas daayireektara tajaajila baankii biyya alaa kan ta’an ob. Baantaayyehu Kabbadaa kanniin ari’aman keessa isa tokko.
Hoogganni kuni guutuun maaliif altokkoon ari’ame? Gaafii madda wolaba ta’e irraa hanaga ammaatti deebii hinarganneedha. Dhimmi sharafaafi daldala biyya alaa ari’amuu hoogganoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiif waan Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa akka sababaatti dhiyeesseedha. Sharafaafi daldalli biyya alaa dhimoota baankiin kamuu irratti hojjatuudha. Achi biratti maaltu akka bade ykn hir’ate Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hinibsine. Maaliif akka ibsuus hinfeene wanti beekame hinjiru. Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa tankaarfii kana fudhachuuf seerri biyyattii isaaf ni hayyamaa inni jedhus gaafii nama hedduuti. Kanas ta’ee san gama miidiyaalee hawasaatiin yaanni garagaraa laatamaa jira. Hedduun namaa jechutti kan jiran kufaatii hooggana Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaatiif sababni guddaan guddinaafi milkii baankichaafi hoogganni kuni galmeessiseedha. Baankiin kuni yeroo gabaabaa keessatti akkas saffisaan guddachuufi injifannoo gurguddaa galmeessisuun isaa mootujmmaa hingammachiisne yaanni jedhu dhageettii argataa kan dhufe fakkaata.
Sababa arii’amuu isanii ibsuuf hoogganoota bankichaa kanniin ari’aman keessaas namni hanga ammaatti dhimma kana irratti ibsa laate tokko hinjiru. Yeroo Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hujii irraa ari’amuu hooogganoota kanaa ibsutti, hoogganni baakii gurguddoon sadi biyya keessa hinturre. Hujiidhaaf biyyaan ala turuu isaati kan himame.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa erga dhaabatee umrii woggaa 10 keessatti injifannoo gurgudada galmeessiseera. Baankichi baankota dhuunfaa Itoophiyaa 16 keeessaa Daasheniifi Awaashitti aanee bu’aa gabeessummaadhaan yeroo dhihoo asi sadarkaa 3ffaa irra jira. Baankichi dimshaashatti (gibiraa keessaa osoo hinbayin) bara 2014 keessa faaydaa qarshii miliyoona 602 galmeessisuun isaa gabaafameera. Kallattii baankichi faaydaa guddaa ittiin argamsiise keessaa inni tokko damee tajaajila baankii biyya alaati. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Adoolessa 2015 keessa sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gaarummaafi hooggansa gaarii argateera.
Hoogantoonni baankii namoota sadarkaa biyyaatti maqaafi seenaa guddaa qabaniidha. Dr. Abarraa Dheeressaa, dura taa’aan boordii, itti aanaa minisitera qonna Itoophiyaa ture. Nama sadarkaa addunyaatti dhaabbilee addaddaa hoogganeefi qorannoo addaddaa geggeessaa tureedha. Kitaabaafi barruulee qorannoo 40 oli nama barreesseedha, Dr. Abarraa Dheeressaa. Ob.Taaddasaa Masqalaa ammo Gamtaa Qoteebultoota Buna Oromomiyaa 1999 kaasee nama hoogganeefi gamtaan kuni sadarkaa addunttatiis osoo hinhafin akka beekamuuf adda durummaadhaan nama hojjateedha.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara 2005, woggaa 10 dura, kaapitaala qarshii miliyoona 112’n hojii eegale. Xiyyeeffannaan isaa irra jireessatti damee qonnaaf deeggarsaafi liqii maallaqaa laatuudha. Irra jireessatti baankii kana kan hundeessan gamtaalee qoteebultoota garagaraati. Akaakuu isaatiin Baankiin kuni Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …