Oduu Haaraya

WAA SADI AFOOLA OROMOO KEESSAA

QOPHEESSAAN ABDII LUUCCEE
Waa sadi facaasanii guurun nama rakkisa
• Xaafii facaasanii guurun nama rakkisa
• Kijiba facaasanii guurun nama rakkisa
Yaada facaasanii guurun nama ra kkisa
Keessummaa waa sadiin bulchan
• Erbee rifeensa hin qabne (fuula gaarii)
• Lafee foon hin qabne (ilkaanin itti kolfuun)
• Foon lafee hin qabne (arraba waa gaarii dubbatuun)
Waa sadi irraa waa sadi eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
• Waraabessa harree irraa eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
Dargaggeessa dubara irraa eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
• Ilmoo qabeenya irra eegan haa ta’u malee isumaaf eegan
Waa sadi waa sadi hin ga’u
• Namni mana hin qabne sin birroo hin ga’u
• Namni sanyii ofii hin beekne re’ee hin ga’u
• Namni gadoo (haloo) hin beekne saree hin ga’u
Haati warraa sadi
• Takka daamuudha
• Takka kanniisa
• Takka sonsa
Waa sadi irraa waa sadi hin eegan
• Deega ceemmuu irraa durummaa hin eegan
Lola gowwaa irraa araara hin eegan
Dhibee dulluma keessaa irraa fayyaa hin eegan
Waa sadi waa saditu mi’eessa
• Nama du’e awwaalatu mi’eesa
• Intala dubraa heerumatu mi’eessa
• Keessummaa galatu mi’eessa
Waa sadi dulluma quba hin qaban
• Qeensa
• Rifeensa (dabbasaa)
• Qalbii (lubbuu)
Waa sadi abbatu kadhata sadi ofii dhufiti
• Durummaa abbaatu kadhata hiyyummaan ofumaa dhufti
Fayyaa (jiruu) abbaatu kadhata dhibeen (duuti) ofumaa dhufti
• Ulfina abbaatu kadhata salphinni ofumaa dhufti
Kormaan lukkuu waa sadi fakkaata
• Yoo lafa qotu baashee fakkaata
• Yoo yeroon manatti galu hayyuu fakkaata
• Yoo iyyu maraattuu fakkaata
Korbeessi re’ee waa sadi fakkaata
• Yoo areeda laalan sheeka fakkaata
• Yoo ofirra fincaa’u saree fakkaata
• Yoo hibibsu maraattu fakkaata
Tisiifni waa sadi fakkaata
• Bifaan kanniisa fakkaata
• Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata
• Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata
Namni waa sadi qabaatun tola
• Sammuu qabaatun tola
• Harka qabaatun tola
• Ceekuu (gurmuu) qabaatun tola
Waa sadii irraa waasadi fokkisaadha
• Qurcii irraa qubeen fokkisaadha
• Hiyyeessa irraa moorri fokkisaadha
Hayyuu /beekaa/ irraa kijibni fokkisaadha
Jaarsi waa sadi jaalata
• Adii jaalata
• Aduu jaalata
Oduu jaalata
Waa sadi ofumaa komatu deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
• Inidda qabeenya gubu ofumaa komatu Deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
Bishaan nama fudhatu ofumaa komatu Deebi’anii itti fayyadamuun hin oolu
• Rabbii nama ajjeesee ofumaa komatu Deebi’anii fayyadamuun hin oolu
Waa sadi kadhatan argatan
• Rooba kadhatan argatan
Fayyaa kadhtan argatan
• Jennata kodhatan argatan
Gowwaa dhalchuun sadii gubaauu
• Isa namarraa eeyda
• Nama isarraa eeyda
• Ofii kee irraa of eeyda

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …