Baankota Toophiyaa fii qormaata barbaacha doolaara hajjii | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Baankota Toophiyaa fii qormaata barbaacha doolaara hajjii

Ahmaddiin Jabaliin

Ahamddiin Jabal

Birriin Toophiyaa, Tyoophiyaan alatti daldalaaf/bittaaf gurgurtaaf fudhatama waan hin qabneef, daldala alatti gaggeeffamuuf maallaqaalee kanneen akka doolaaraa (yuuroo, paawundiifi kkf) biyyootaa adduunyaa biratti bittaaf gurgurtaaf fudhatamummaa qaban argachuun dirqama hojmaata adduunyaa ta’eera. Kana waan ta’eefis kaffaltiiwwan raawwii hajjiitiif barbaachisaniif (mana jireenyaa, tiraanispoortii, adeemsaafi kkf) akka majlisaatti wagga waggaan doolaara barbaachisu argachuun dirqama ta’eera. Kana irraa ka’uunis waggaa waggaatti koreen hajjii doolaara barbaacha balbala baankotaa marmaaru. Ni kadhatus.

Akka baay’ina lakkoofsa muslimoota biyyaatti kootaan nama hajjii dhaquu biyya hundaaf kan kennamu yoo ta’u, kootaan Toophiyaa dhaabbataan kuma 43 dha. Haa ta’u malee barana sababa rakkoo koovidiitiin lakkoofsi namoota hajjii godhanii akka hir’atan godhamuu isaatiin kootaan Itiyoophiyaas kuma 43 irraa gara kuma 19’tti hir’ateera.

Haa ta’u malee sababa hanqina dandeettii raawwachiisummaa majlisaatiiniifi rakkoo doolaaraa irraa kan ka’e lakkoofsi lammiilee Itiyoophiyaa waggaatti hajjii taasisanii hanga har’aatti kuma 15 ol ta’ee hin beeku. Yeroo baayyee lakkoofsi imaltootaa kuma 11-13 gidduu ta’a.

Kootaan Itoophiyaaf barana kenname kuma 19 ta’ullee rakkoo qabu irraan kan ka’e majlisni imaltoota kuma 12 galmeessee kanaa ol hin danda’u jechuun dhaabeera. Hajjiin eegaluuf yeroon torban lama hin guunne waan hafeef biyyoonni hedduun hujjaaja isaanii gara Sa’uud Arabiyaatti fe’anii xumuraa jiru. Biyya keenyatti immoo sababa rakkoo majlisaa fi rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e xiyyeeffannoon malu osoo hin laataminiif hafuun lammiileen hiraarfamaa jiru. Kana sababeeffahuun baankota waliin keessattuu damee baankii dhalarraa bilisaa waliin walqabsiisuun dhimmicha xiinxaluufin yaala.

Maallaqa hujjaajoonni Itiyoophiyaa tokko tokkoon isaanii hajjii bara kanaatiif naannooleef kaffalan (qarshii 6,500’n) dhiifnee herreega/account hajjii majlisa Federaalaatti qofa tokkoon tokkoon namaa qarshii 242,000 (kuma dhibba lamaafi afurtamii lama) galii taasisaniiru. Walumaa galatti galma’aan/hujjaajonni kaffaltii raawwatanii adeemsa/process xumuran 12,000 (kuma kudha lama) waan ta’aniif baankonni walumaagalatti hujjaajota mara irraa ida’amaan biliyoona 2 tuqaa sagal (2,904,000,000) fuudhanii jiru.

Odeeffannoon qabuun hajjii raawwachuuf doolaara miliyoona 36 gaafatame keessaa hanga ammaatti namoota kuma sadii (3000) qofaaf kan ta’u doolaara miliyoona sagal qofatu baankiilee irraa argame. Kanneen galma’an keessaa %75 (harka dhibba keessaa torbaatamii shan) kan ta’an dhimma isaanii xumuranii sababa hanqina doolaaraatiin akka hin deemne itti himamaa jira. Hujjaatonni hedduun bara jireenya isaanii keessatti hajjii yeroo tokko gochuuf waggoottaniif maallaqa walitti qabachaafi qabeenya qabanullee gurguruun dhimma hajjii isaanii xumurachuuf naannoolee irraa dhufanii baatii tokkoo ol Finfinnee erga turanii booda guyyaa itti balali’an osoo eeggachaa jiranii kana dhaga’uu isaaniitiin gaddaafi muffiin mormii isaanii dhageessifachuu irratti argamu.

Haala qabatamaa jiruun akka biyyaatti hanqinni doolaaraa mudachuun dhugaadha. Ta’ullee baankiileen hedduun yeroo biraas taanaan kuufama doolaaraa qabanirraa adeemsa hajjii waggaatti yeroo tokko gaafatamaniif doolaara malu dhiibbaafi gaaffii tokko malee doolaara hanga isaan irraa eegamu keennaa turanii? dhimmi jedhu haalaan wal nama gaggaafachiisa. Keesaattuu ammoo sababa koronaatiin waggoottan lamaaf adda citee barana kan eegalame waan ta’eef waggoottan lamaan darbaniif doolaara hin gaafatamne. Hin kennines.

Kana kanin jedhuuf, baankiileen dhalli osoo itti hin kaffalamin maamiloonni qarshii isaanii baankii isaanii keessa akka kaawwatan gochuuf “bu’ura shari’aatiin” kan jedhuun xiyyeeffannoon beeksisa hojjatan maamiloota baankichaa hajjii gochuuf qarshii isaanii waggoottaniif baankichatti walitti qabatan hajjii jireenya isaanii keessatti yeroo tokko raawwataniif doolaara oolu waggaatti yeroo tokko majlisaan hujjaajotaaf yeroo gaafataman gaaffichi maamiltoota baankichatti fayyadamaniif ta’uu beekaa wanti akka hin beeknee ta’uu kun kan nagaa natti hin fakkaatu. Kanin kana jechaa jiru sababa malee miti. Sababoota koo immoo akka itti aanuttin tokko tokkoon dhiheessa.
Baankiilee kamtu damee dhala irraa bilisaatiin maallaqa meeqa funaanan?

Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa waggaa waggaan Jun 30’tti haala sochii waliigalaa baankiilee ilaachisee rippoortii ni baasa. Dameen baankii dhala irraa bilisaa industirii dameelee baankii biyya keenyaa keessaa haaraa waan ta’eef gahee hanga Waxabajjii bara darbee yoo ilaalle reefuu harka dhibba keessaa torba (%7) qofa. Jechuunis kuufama qarshii biyyattii waliigalaa tiriliyeena 1.4 keessaa biliyoona 97 qofa. Kana jechuun damee baankii dhaabbataan kanneen maallaqa isaanii kaawwatan keessaa muslimoonni akkasumas kanneen dhala irraa bilisaan kaawaatan keessaa lammiileen muslima hin ta’in keessa hin jiran jechuu yoo hin taanes dameen baankii dhalarraa bilisaa haaraa ta’uu isaatiin kanneen muslima hin taane baay’ee muraasa ykn guutummaatti keessa hin jiranu jedhamee fudhachuu danda’ama. Riippoortiin waggaa kan baranaas guyyoota muraasa booda ni ba’a jedhamee eegama.

Riippoortiin Jun 30 bara 2021 ba’e akka ibsutti hanga yeroo sanaatti kallattii damee baankii dhala irraa bilisaan jechuunis bu’uura sheri’aatiin baankiilee biyya keenyaa baankii dhala irraa bilisaa jalqaban keessa taa’ee kan jiru hangi ida’ama herreega kuufamaa biliyoona sagaltamii torbaaf miliyoona dhibba jahaaf jaatamii afuriif kuma dhibba afuriif saddeetiif dhibba saddeetiif shantama (97,664,408,850) ture. Kana keessaa hangi liqeessuun isaaniif heeyyamamuu jechuunis herreega kuufamichaa %80 (dhibba keessaa saddeetama) jechuunis hanga 78,131,527,080 qofa.

Osoo muslimni kan dhala fudhatan ta’ee maallaqa kana irratti hanga dhala isa gadi aanaa %7 (dhibba keessaa torba) waggaatti kan baankiileen kaffalaa turan yoo madaalle hangi isaa qarshii 5,469,206,895.6 (biliyoona shaniif miliyoona dhibba afuriif jahaatamii sagaliif kuma dhibba lamaaf jahaaaf dhibba saddeetiif qarshii sagaltamii shaniifi saantima jahaatama) ta’a. Qarshii kana ammoo gara doolaaraatti jijjiiruuf yerochatti jechuunis gatii sharafa doolaaraa baankilee Jun 30 bara 2021 tureen gatii doolaara tokkoo qarshii 43.8753’f yoo hir’u doolaara 124,653,435 (miliyoona dhibba tokkoofi diigdamii afuriif kuma dhibba jahaafi shantamii sadi’iif dhibba afuriif soddomii shan) ta’a jechuudha. Garuu dhalli Islaamummaadhaan dhorkaa waan ta’eef muslimoonni dhala baankiilee hin fayyadaman. Kana jechuun baankiileef qarshii dhala itti.hin kaffalleefi bilisaan argatan ta’aaf jechuudha. Baankiileen qarshii muslimootaa kuufamaan isan bira jiru maamiloottan isaanii biroof liqeessuun waggaa waggaatti buutee biliyoona hedduu argachaa jiru.

Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa rippoortii bara darbe baaseen baankiilee biyya keenyaa keessaa baankiilee damee tajaajila baankii dhala irraa bilisaa foddaa irraaniifi guutummaa guutuutti baankii dhala irraa bilisaa kan ta’an baankiilee 14 maqaa eeree ripporticha keessatti hammachiiseera. Hangi maallaqaa tokkoon tokkoon baankiilee tajaajila damee qusannaa dhala irraa bilisaatiin sassaabanis akka itti aanu.

  1. Baankii Daldala Itiyoophiyaa:- Biliyoona shamtamii lamaafi miliyoona shantamii sagaliifi kuma dhibbaafi kudhaniifi dhibba torbaafi qarshii afur (52,039,110,704) ÷
  2. Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa:- Biliyoona kudha tokkoofi miliyoona dhibba sagaliif torbaatamii saddeetiifi kuma dhibba jahaaf diigdamii torbaafi dhibba jahaafi qarshii sagaltamii tokko (11,978,627,691) ÷
  3. Baankii Abisiiniyaa:- Biliyoona saddeetiifi miliyoona dhibba sadi’iif jahaafi kuma torbaatamii torbaafi dhibba sadi’iifi qarshii jahaatamii saddeet (8,306,077,368) ÷
  4. Baankii Awaash:- Biliyoona torbaafi miliyoona dhibba shaniif kudhaniifi kuma dhibba lamaaf soddoomii lamaafi dhibba afuriifi qarshii jahaatamii sad’i (7,510,232,463) ÷
  5. Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa (kan amma Baankii Oromiyaa jedhame):- Biliyoona afuriifi miliyoona dhibba saddeetiif torbaatamii sagaliifi kuma dhibba sagaliif sagaliifi dhiibba afuriifi qarshii sagal (4,879,909,490)
  6. Baankii Daashan:- Biliyoona afuriifi miliyoona dhibba jahaaf saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif afurtamii tokkoofi dhibba sagaliifi qarshii sadii (4,608,841,903)
  7. Baankii Intarnaashinaalii Nib:- Biliyoona Sadi’iifi miliyoona shantamii jahaafi kuma dhibba afuriif diigdamaafi dhibba afuriifi qarshii saddeettamii shan (3,056,420,485)
  8. Baankii Hibrat:- Biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba saddeetiif afurtamii torbaafi kuma dhibba sahaniif jahaatamii tokkoofi dhibba torbaafi qarshii torbaatamii tokko)
  9. Baankii Wagaagan:- Biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba shaniif soddomii jahaafi kuma dhibba tokkoof sagaltamii tokkoofi dhibba shaniif qarshii soddomii afur (1,536,191,534)
  10. Baankii Abbaay:- Biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba lamaaf torbaatamii torbaafi kuma dhibba afuriif soddomii shaniifi dhibba afuriifi qarshii afurtamii tokko (1,277,435,441)
  11. Baankii Bunnaa:- Miliyoona dhibba jahaaf diigdamii afur (624,000,000)

Baankiin Hijraafi Zamzam yeroo riippoortichi ba’etti hojii kan hin eegalle waan ta’eef kan isaanii hin hammatamne. Odeeffannoo dabalataatiif geessituu (liinkii) barruu kana waliin walqabsiifamee maxxane ilaalaa.
”Qarshii kaawwachuuf gara keenya kottaa Doolaara hajjiif yoo ta’e garuu nutti hin dhufinaa”

Gabaasni bara darbee akka eerutti biyya keenyatti lakkoofsi maamila baankii herreega baankii damee dhala irraa bilisaa banachuun fayyadamanii miliyoona sagal caaleera. Heddummina maamilootaatiin baankiin daldala Itiyoophiyaa maamiloota miliyoona afur qabaachuun yoo duursu baankiin hojii gamtaa Oromiyaa ammoo maamiloota miliyoona 1.8 qabaachuun sadarkaa lammaffaan isatti aana. Yeroo bara darbe gabaasichi ba’utti hojii waan hin jalqabiniif kanneen guutummaan tajaajila dhala irraa bilisaa kennuuf kan hunda’an Hijraafi Zamzam gabaasicha keessatti hin hammatamne. Ta’ullee akka dhuunfatti odeeffannoo ani qabuun hanga baatii Waxabajjii kanaa guyyaa 14 bara 2014 (gaafa Jun21/2022)’tti akka guutuu biyyaatti lakkoofsi maamiloota herreega baankii isaan biratti banatanii baay’ee gadi aanaadha.
Gabaasa Maarchii 2022 walitti funaaname kan ifatti hin ta’in irratti akka ibsametti baay’inni maamiloota baankii dhala irraa bilisaa kan bara darbee irra miliyoona lamaan dabaluun miliyoona kufha tokkoofi walakkaa gaheera. Hangi maallaqa kuufamaas biliyoona 121 gaheera.

Maamilota damee baankii dhala irraa bilisaa miliyoona 11.5 fi walakkaa caale keessaa akka guutuu biyyaatti gara baankii Hijraa deemuun yeroo baankichi baname irraa jalqabee hanga gaafa guyyaa Waxabajjii 14 bara 2014 (gaafa Jun 21/2022)’tti lakkoofsimaamiloota herreega baankii banatanii walumaa galatti 133,000 (kuma dhibba tokkoofi soddomii sadii) qofa yoo ta’u kan baankii Zamzam immoo 74,000 (kuma torbaatamii afur) qofadha. Kana jechuun tajaajilamtootaa baankii dhala irraa bilisaa waliigalaa keessaa Hijraan gahee harka dhibba keessaa tokko ta’u wayii yoo fudhatu Zamzam immoo zeeroo tuqaa torbatti kan siqeedha.

Maallaqa qusannaa/kuufamaatiin ammoo baankiileen lamaanuu kuufama maallaqaa biyyattii kan dhala irraa bilisaa Bitootessa 2014’tti 121,000,000,000 (biliyoona dhibba tokkoofi diigdamii tokko) baankii taa’u keessaa baankiin Zamzam xiqqoma Hijraa irra caaluyyuu maallqni kuufamaa isaan lamaanuu qaban garuu maallaqa biliyoona tokko caaleera. Baankiin Zamzamis ta’ee Hijraa maallaqa kuufama dhala irraa bilisaa biyyattii keesaa gaheen tokkoon tokkoon isaanii qabanu hanga harka dhibba keessaa tokko ta’u qofa. Kana jechuun maallaqni kuufama dhala irraa bilisaa %98 baankii Zamzamiifi Hijraatiin ala jiran baankiilee idilee bira jira jechuudha. Kana irraa ka’uun baaniileen biroo dhimma doolaara hajjii irratti raawwii qaban ilaaluufi gaafachuun sirrii ta’a.
Majlisni jabaan hawaaaa muslimaa madaaluufi dhaga’u osoo jiraatee hujjaajota maamila baankiilee ta’aniif (majlisni) tajaajila hujjaajitaatiif doolaara rakkachuun hafee gahee qindeessummaa fudhachuun dameen kun bifa faayidaalee hawaasa muslimaa sirriitti eegsisuun akka sochoo’u gochuun damee kana irraa baajata hawaasichaafis ta’ee biyyaaf hojiilee misoomaa raawwachiisu damee baankii dhalarraa bilisaa irraa argachuun ni danda’ama ture.

Duursinee akkuma gubbaatti eerre muslimoonni dhalas osoo hin fudhatin, buutees osoo hin gaafatin cal’isanii jechuun maallaqa bara darbe kaawaatan biliyoona 97 ol qofa irraa xiqqaatu dhalli baankiileen kaffalan qofti qarshii biliyoona 5.4 ol ture. Kana gaafan jedhu muslimoonni baankii irraa dhala haa fudhatan jechaa hin jiru. Abadan! Garuu baankiileen maallaqa kaawwataman kana bu’uura sheri’aatiin maamiloota birootiif liqeessanii buutee argatu. Karaa Halaalaatiinis yoo kenname liqii kana irraa baankonni galii guddaa argatu. Namni hedduun fhimmichi galeefii waan hin gaafanneef isaan nama achi kaawwateef buutee sana urraa hin qoodaniifi. Buutee usaan qofatu fudhata jechuudha.

Baankonni raawwii hajjiitiif doolaara barbaachisu walitti buusanii akka gurguraniif gaafatamaa jiran kun sababa muslimoonni dhala fudhachuu dhiisaniif waggaa tokkotti bara darbe qofa 5,469,206,895.6 (biliyoona shaniifi miliyoona dhibba afuriif jahaatamii sagaliifi kuma dhibba lamaaf jahaafi dhibba saddeetiif sagaltamii shaniifi saantima jaha) argataniiru. Maallaqa kana doolaaratti jijjiiruuf yerochatti jechuunis gatii sharafa doolaaraa tokkoo gaafa Jun 30/2021 tureen 43.8753 (qarshii afurtamii sadiif saantima saddeetamii torba shan sadii) qarshiin ga’u yoo hir’u doolaara 124,653,435 (miliyoona dhibba tokkoof diigdamii afuriifi kuma dhibba jahaaf shantamii sadi’iifi dhibba afuriif soddomii shan) ta’a jechuudha.

Doolaarri Ameerikaa miliyoonni dhibbi tokkoofi diigdamii afur (124 million USD) jechuunis hajjiif tolaan/bilisaan osoo hin ta’in akka gurguraniif doolaara miliyoona 36 gaafatan keessaa 3.46 (sadii tuqaa afur jaha) doolaara miliyoona dachaa ta’u bilisaan argataniiru jechuudha. Wagga waggaatti buutee kana argataa jiru. Ta’ullee qarshii doolaara miliyoona 124 bara darbe bilisaan argatan keessaa adeemsa raawwii hajjiitiif doolaara miliyoona 36 ykn %29 (harka dhibba keessaa diigdamii sagal) kan ta’u inumaayyuu bilisaan osoo hin ta’in buufadhaatii nutti gurguraa jedhamanii yoo gaafataman isaan muraasaan malee baankiileen hedduun balbala isaanii nama lakkoofsisu.

Odeeffannoo ani qabuun hajjii bara 2014 tiif baankota hunda irraa kan argame walii galatti doolaara miliyoona sagal qofa. Kana keessaa baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa qofaa isaatti doolaara miliyoona lama yoo kennu baankiileen dhuunfaa biroon ammoo walitti buusanii hanga baankiin Hojii Gamtaa kophaa isaa kenne miliyoona lama kan ga’u qofa kennaniiru. Gama kanaan baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa galateeffatamuu qaba. Akka walii galaa indaastirii baankii dhala irraa bilisaatti maallaqa qusannoo/kuufamaa biyyattii keessaa gahee %53 (harka dhibba keessaa shantamii sadii) kan qabu akkasumas yeroo ammaa maamiloota baankii damee dhala irraa bilisaa naannoo miliyoona shanii kan qabu baankiin Daldala Itiyoophiyaa ammoo doolaara miliyoona shan kenneera.
Buutee baankotaa irraahoo hamgamtu muslimoota qaqqaba?

Faayidaaleen dameen baankii dhala irraa bilisaa jiraachuun muslimotaaf argamsiisu keesaaa waggoottan saddeettamaaf dhorkamee kan tureefi damee indaastirii baankii biyya keenyaa buutee qabu keessatti abbaa baankii ta’uun buutee argachuufi tajaajiloota faayinaansii sababa dhalaatiin argachuu hin dandeenye argachuun hojii isaanii babal’isuun faayidaalee baankii aantummaan eeramuu danda’an keessaayi.

Kallattii abbaa baankummaatiin yoo ilaalle humaanis ta’ee buuteen gahee isa guddaa kan qabate baankiin Daldala Itiyoophiyaa abbummaan isaa kan mootummaa waan ta’eef abbootii abbaa aksiyoonaa ta’an hin qabu. Dhiheenya guutummaa guutuutti baankii dhala irraa bilisaa ta’uun gara indaastirichaatti kan seenan baankii Hijraafi Zamzam osoo hin dabalatin baankiileen dhuunfaa biroon immoo jalqabumarraa kaasee yemmuu hunda’an dhala bu’uureffatanii waan ta’eef muslimoonni dhala irraa of eeggatan hagas mara abbummaadhaan/abbaa aaksiyoonummaatiin waliin hirmaataniiru jechuun hin danda’amu. Kana jechuun qarshii baankooleen waggaatti buutee argatan biliyoonaan lakka’amu keessaa muslimoonni hin argatanu jechuun ni danda’ama.

Gama kanaan baankii dhala irraa bilisaa ta’uun kan hunda’an baankiin Hijraafi Zamzam (baankii Raammis dhufaa jirus dabalatee) indaastirii baankii keessatti bal’inaan hirmaatanii gaafa buutee ofii ofii isaanii argatan yeros abbootiin aksiyoonaa baankotaa indaastirii baankii irraa buutee argachuu jalqabu jechuudha. Hangasitti garuu maallaqa biliyoona hedduu baankoliin buufanne jedhanu keessaa (bara darbe ida’amni buutee qulqulluu baankota maraa qarshii biliyoona 30 ture) musmimoonni dhala irraa of eeggatan buutee damee baankii waggaa waggaan hanga har’aatti argamu keessa hin jiranu jechuu dandeenya. Itiyoophiyaa keessatti filannoon baankii dhala irraa bilisaa dhorkamee waan tureef muslimoonni damee bu’a qabeessa kana irraa fayyadamaa akka hin taane ittisee ture.
Itti fufa…

Check Also

Alii Mohammed fi esqeel

Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend

Ezekiel Gebissa Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend Adoolessa bara 2012, Alii Mohammed …