Oduu Haaraya

Raayyaa Ittisaa: Daangaa Suudaaniin nu jalaa qabame deeffachuuf dandeeytii gayaa qabna jedha

Gaafatamaa raayyaa ittisaa Geetina Adaanaa

Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa humna waraanaa Sudaaniin qabame bilisa gochuuf gahuumsa qabaachuufi qophii barbaachisu hunda taasisuu beeksiseera.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa haala nageenyaafi haleellaa humni waraanaa Sudaan lammiilee Itiyoophiyaarratti gaggeeffameerratti ibsa kenneera.

Daarektarri Daarektoreetii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanaa Ummanniifi mootummaan Sudaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo gaarii bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu isaanii eeraaniiru.

Haa ta’uuti humnoonni waraanaa Sudaan haala eeggachuun daangaa Itiyoophiyaa bifa weeraraan qabachuu himaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaas ajajni mootummaarraa hanga kennamuutti nageenya filachuun obsaan turuu isaa himaniiru.

Humni kun tibbanas riphee seenuun lammiilee biyyattii irratti miidhaa dhaqqabsiisuu Koloneel Geetinnat ibsaniiru.

Akkasumas ibsi maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa xureessuuf kennames sirrii akka hin taane Kooloneel Geetinnat himan.

Humni waraanaa Sudaan humnoota shororkeessitootaatiin dogoggoora akkasii keessa seene yoo ta’es of qusachuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Mootummaan ajaja yoo kennee Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyattii humnaan weerarame deebisiisuufi nageenya eeguuf gahumsa qabaachuufi qophii ta’uus Koloneel Geetinnat eeraniiru.

Rakkoo nageenyaa tibbana uumame ilaalchisee qaamni qorachuu barbaaduu yoo jiraates Raayyaan Ittisa Biyyaas kan tumsu ta’uu himaniiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …