Oduu Haaraya

Baatiin Ramadaana Baatii Qur’aanaa ti. Waa’ee Qur’aana wantoota armaan gadii kanneen baraa ykn immoo yaadadhaa!

 

→ Qur’aanni kan buufame waggootii 23f

→ Qur’aanni makkaa keessatti waggootii 13f bu’e

→ Qur’aanni Madiinaa keessatti waggootii 10f bu’e

→ Qur’aanni kutaalee (juuzota) 30 of keessaa qaba.

→ Qur’aanni Hizbii 60 of keessaa qaba.

→ Qur’aanni Boqonnaa (Suuraawwan) 114 of keessaa qaba.

→ Qur’aanni keeyyata (aayaawwan) 6236 of keessaa qaba.

→ Qur’aanni Rabbii qubeewwan (harfiiwwan) 321250 of keessaa qaba.

→ Qur’aana keessatti suuraan dheeraan suuratul Baqaraa dha.
→ Qur’aana keessatti keeyyatni (aayaan) dheeraan “Aayatal deyni” suuratul Baqaraa keessatti argama. keeyyata 282 dha.

→ Qur’aana keessatti jechi dheeraan “Fa’asqeynaamuhuu” kan jedhu dha.

→ Qur’aana keessatti jechi gabaabaan “Xaahaa” kan jedhuu dha.

→ Qur’aana keessatti Suuraan tokko sadaffaa Qur’aanaa jedhame suuratul ikhilaasi (Qul huwa Allahu Ahad)

→ Suuraan qalbii Qur’aanaati jedhame Suuratul Yaasin

→ Aruuza Qur’aanaa ti jedhamee suuraan yaamame suurat Ar rahmaani.

♡♡♡Alhamdulillah♡♡♡

Haqamaa borcamaa kan of keessaa hin qabne Qur’aana kabajamaa Rabbii nuuf kenneef galanni haa gahu! Rabbiin “Qur’aana nutu buuse nutu tiksa” jedhe.

Rabbiin warra qara’ee itti dalagu nu haa taasisu! Aamiin!

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …