Oduu Haaraya

Baqattoonni Oromoo Biyya Misra Oromoon eenyu akka tahe addunyaa beeysisaa jiru

Baqattoon Oromoo ka bakka rafuu bakka aduu fii oowwa Biyya Misraa jalaa itti dahatu hin qabne, kan bakka irraa nyaatu fii irraa dhugu hin qabne, kan manni isaa karaarraa kan jireenyaa isaa martinuu hadhaawaa tahee argamu kunoo bifa bareedaan wal gurmeessee rakkoo saa fii eenyummaa isaallee sabaa-himoota gurguddoo addunya tana irratti beekkamanin iyyachaa jira. Kan si gaddisiisu garuu, ilmaan Oromoo kanneen silaa jireenya wayyaa qaban, kan guyyatti haga barbaadan nyaatan kan Awroopaa fii Ameerikaa jiraatan kan gad bahanii iyyachuuf mirga guutuu qaban gadadoo fii jireenya zulmii lammiin isaanii guyyaa guyyaarraa akka qooqqoo taheef jiru kanaaf qarshii baasuun bira dhaabbachuun hafee, akkuma naammttu walumallee afeeree saba kanaaf iyyachuun hafee, qabsoo maqaa ABOtiin daladalamaa jiruuf akka saree matrattee footoo ququyyisee kijibarratti waldorgomuuf asiif achi wixxifachaa jiraachuun isaa ka nama gaddisiisuudha.

Sabaa himaa Al-arabiyyaa irraa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …