Oduu Haaraya

Baqattoonni Oromoo Liibiyaafi Tuuniiziyaa Gariin Biyya Sadaffaa Keessa Qubsiifamani

Waxabajjii 10, 2013 (Oromo Press) – Obbo Mardaasaa Addisuu baqattoota Oromoo biyyoota Kaaba Aafrikaa, Gaanfa Aafrikaafi Arabaa  keessatti  gargaaruudhaan muuxannoo waggaa baayyee nama qabu. Muuxanoo hojii namoomaa (humanitarian) isaarraa nuuf hira.

Dowwii kana keechatti, Obbo Mardaasaa Aaddisuu waliin rakkooleen baqattoota Oromoorra Kaabaafi Gaanfa Afrikaatti  gahaa ture/jiru maal akka fakkaatan gadifageenyaan laalla. Keechumattuu, yeroo dhiyoo keecha Liibiyaafi Tuuniziyaa irraa baqatoota Oromoo haga tokko biyya sadaffaa keessa qubachiisuurratti milikii ykn bu’aa argame nuuf ibsa, Obbo Mardaasaan. Akkuma beekkamu oggaa sadi duraa eegalee sochiin farra-mootummoota abbaalee-irree Tuuniiziyaa, Liibiyaafi Masirii keessatti ta’uun isaa niyaadatama. Sochileefi wal-waraansonni sunneen ummatootuma biyyoota kanneenituu daran miidhe.

Baqattoonni Oromoos miidhaa sanarraa hinhafine. Dhimmoota isaan hinilaalle keeyisatti miidhamani. Baqattoonni Oromoo mormitoota, mootumoota akkasumas saboota biyya Kabaa Aafrikaatiin aleellaan gurgurddoon irra gahaa ture/jira. Baqattoonni Oromoo Oromummaa isaanitiin, biyya Tophiyaatii dhufan jedhamuudhaafi, gurraachumaa isaanitiin soqamanii rukutamaa as gahani.

–For full report click Oromo Press

 

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …