Oduu Haaraya

Of ta’e akkaan jiraadhu abbaa koon na gorse

SILGAANAN GUDADHE
———————————–

ganama irraa kaaseen sirriin of hubaadhe
Enyummaa koo baruuf maati koo gaafadhe
Ammaan yoon egaale itti gaafatamumma fudhe
Sirrin daba hin qabuu fulduraan millaadhe
Shiraaf bakka laanne tokkummaaf ol jedhe
Oromummaa cimsuuf waadaadhan qabadhe
Irbuu dhugaas seenee lapheeti fudhadhe
Amma booda ka’e bagumaan dhaladhee
Na ilaalaa kunoo waa kootin tapadhe
Yeroon xiqqoo turuus huccuu isaa hodhadhe
Seenaa duraan darbees waaee isaa qoradhe
Enyummaan koo mali jedheen of gaafadhe
Ofumaaf deebisee an oromoo jedhee
Isaan anaa gadiis itti hime jabaadhee
Kanaafan of baree “”””silgaanan gudadhee”#2

Of ta’e akkaan jiraadhu abbaa koon na gorse
Dirraaf lafee kan koo oromumma itti goobse
Onnee oromummaa na keessati magarsee
Tiruuf kalee kan koo isumatu isatu bilcheese
Duguguruu dugdaaf da’oo itti naa marsee
Boontuu oromiyaa jedhee naa mogaasee
Maqaa koo bareedduu isaatu naa baasee
Waa itti naa maknee oromoon na faarsee
Of beekii jiraadhu jedhe natti odeessee
Karaa dhugaa jirtuu isumaat naa ibsee
Galataan siif galchaa abbaa koo sii faarse
Innii leenca kooti boone na boonsiisee
Ganamaa jabinnii jedhe isaan naa ibsee
Harmee koos hin dagaadhu isitu na deessee
Oromummaa dhugaa keessa koo na keessee
Atis naa jiraadhu silgumaan as geessee””””2

Ollaan koo na barran ormis waa naan taatu
Akkan gadaa qabuu hunduu haa hubatuu
Sirna ittin bulmaata kan nama hawwatuu
Bara saddet saddeet kan wal jijjiraatu
Bokkuun seera tumee kan gadaan bulfaatu
Achirraan dhaladhee maalif hin agartuu?
Biyya oromiyaa saba oromoo guutuu
Biyya uumaan tolte kan nama marartu
Yeroo keessaa deemtu oonnen si dhaahattu
Kan jaalala cimaan oonnee kee boojituu
Oromiyaadha barii biyya magariituu
Achi irraan dhaladhe kan “”silgaan beekamtu

Diqqoo nan tuffaatin at daaimaa jettee
Of baruun ammaani kanatu na mijatee
Oromummaaf jechaa harmen koo midhamte
Enyummaa keef jechaa abbaa koo tumamtee
Waa tumamtee hin hafnee lubbuun weregamtee
Dhugaa kee falmachuun shira sittii taatee
Ni galaafatamtee dhugaan awwaalamtee
Dharri bakka argaatte wal dhalte baayaatte
Kanuma irraa kaate if barii naan jettee
Akka nan mulqinee asxaa sitti taate
Ganamaraa kaate anuma gorfaattee
Kuno of sii baree beekumsaan na guutte

Ati bar gootumaa “”silgarra na umtee
Yeroo lafaa kaatu silga nyaatte bartee
Oromoorraa dhalattee of bartee jiraattee
Dhugaa keet jettee addunyaarra boqattee
Ofii biyyaa nyaattee ana jiraachiftee#2

Waa sii dhabeen hafnee firootalle qabaa
Dhaamoodhes hin hafnee jiraa akka jabaa
Naa jiru oromoonni dammen kush jalqabaa
Kan naa yaadu akka haadhaaf abbaa
Siin yoon dhabee jedhees seena ken olqabaa
Sinaan boonaa sumaan faarsa abbaa
Sumaa adduunyaan koo jalqabaa”

Anis dedemaara gumaa keen barbaada
Anaa miti barii oonnee koorra maddaa
Garaa kotu boyaa keessa kootu gaddaa
An dhalchuu keeti baayye isaan gammadaa
Narraa du u keetif hedduminaan gaddaa
Kuno yoona gahee gumaa kee barbaada
Lafaa irraan figaa utaala akka fardaa
Dhigaa diinaa cobsuuf heddu isaa na sardaa
Lubbuu diina baasuuf halkan guyya aada””

Maalif of dagannaa oromummaa irraanfanne
Ganamaan ol kaanaa oonnee jabeeffaannee
Tokkoo taane kaanaa harka wal qabanne
Daimmaan dargaggoon osoo ijoolle jennee
Dhiiraaf shamarrani osoo adda baafnee
Jaarsaaf jaarti jenne osoo adda qoonnee
Amantiifi naannoo jennee osoo wal tuqnee
Oromummaaf jecha walumaan qabsaanee
Gantuun balleesinaa osoo wal kabajnee
Silga badee jiruu tokkummaan deebisnee
Oromoota nyaata silgumaaf wal tuqnee
Keenya silgi orumummaa isatti waahin fidne
Kan namas hin feenu keenya kan barbaanne

Maaltu isiin joonjeeseee maaltu nu facaasee
Maalif wal hin feene maalif moodoo dabsee
Guddaa bara amma maltu jajalisee
Daimmanuu ka.ani isaan maalumatu jallisee

Dhadhaa baksii jennan maaf ibidda buste
Silga nyadhu jennaan maalif ormaaf laatte
Ati ofi hin beektuu maalif of dagattee
Oromummaa kee.maalumaaf jibbiitee
Jiisaa diinaa dhuguu nadhi dhugaa seete
Hambaa galtuu nyaachu silga sit fakkaate
Lakkii mee nu dhisi nu maaluma seetee
Ilmoo kee kan guddiiftee oromumma itti feete
Yeroo of dagattuu maaluma of seete
Mee duuba kee ilaali yaadi yoo of taate
Oromummaan dhigan hin taatu jette jette
Maqaa guddaas qabaa kush irraa dhalatee””

Akkaam nagaa jirtuu saba koo nagumaa
Bagumaan dhaladhe jabaadha yaa namaa
Carroo koon barbaadaa annis bara ammaa
Daaima naan jettu yaa namaa yaa jamaa
Eyyoo an daaimaa of bareraa ammaa
Falmataa jirallee sirriitti walit himaa
Ganamas galgalaas walit dhufnee gamaa
Halkanif guyyaa kadhata rabbuma
Ilmaan oromoota hundumaatu raafamaa
Jaarran dhuf darbaa haraan gaggeefamaa

..
..
..
barreesaaf qopheessaa
Sabaan-boon Firrisaa
Ahmed biyyaajedhaa
Baraa wal barsiisaa
Oromoota hundaayyu
Silgaan wal haa gahaan
Jedhaa naa ebbiisaa

..qubeen itti fufaa……
..qubeen itti fufaa……

12/8/2014(A,C)
Galatomaa!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …