Oduu Haaraya

‘ BEEKSISA 1ffaa ‘

‘ BEEKSISA 1ffaa ‘

Namoottan waajjiraalee addaddaa fi dhimma nageenyaa Godinaalee Oromiyaa lixaaf dhihaa keessaa hojjetan orommumaaf quuqamuu qabaatan dhaamsa nuuf dabarsanii nuqaqqabee jiru irraa :-
* * * *
Torban darban kanatti walga’ii ariifachiisaan bakka addaddaati dhoksaatti kan irratti mari’atamaa ture fi gufuuwwan adeemsa hoji siyaasaa OPDO quunamee ishee kuffisee jiruuf akka rakkootti kan dhi’aate-

1. Akuma beekamu FDG Oromiyaa mara keessumaa Godinaalee walagaa keessatti Yaaddessaa ta’uusaaf to’achuu akka dadhaban.

2.Uummati godinicha walta’uuf tokkummaa’uusaarraan doorsisa kamiinuu sodaachuu diduusaa fi walsaaxiluu diduusaa,

2. Akasumas gocha a fi gaaffii barattootaa uummati walta’uun “nutu godhe ni deggerra” jechuusaa.

3 Sossobbaa kan hinfudhannee fi gaaffii mirgaa qofa gaafachuurratti xiyyeeffachuu uummattichaa

4 Ergamtoota dhaabataa(OPDO), Poolisii,kanneen dhimma nageenyaaf jecha keessa soso’an mara, ‘kamtu oromoo qulqulluu akka ta’e addaan baafatee beekuusaa.

5. Hanqinaalee dhaabbata(OPDO) kana shakkii malee waltajjii irratti kan dubbatu ta’uusaa fi “dhaabbati kunis dhaabata sobduu,kan oromoo bakka hinbuune, dhaabbata maxxantuu kan oromoo gurgurattu fi kan hinbarbaachifne jechuun” ragaa ga’aa ta’aniin ergamtoota amansiisuu fi qaanessuun of keessaa baasuusaa fi kkf…irratti mari’chuun yaada furmaata ta’a jedhame kana irratti waliigallee kaaneerra jedhanii, maqaasaaniis akkansaaxilees nubeeksifataníru.

FURMAATI ISAAN KAA’ATAN:-

1. Sadarkaa Aanaa fi gandaa keessatti uummata keessaa warra dhaabbataafi amanaman ,KOREE TASGABEESTU uummata filchiisuun ijaaru,
Siyaasaa fi kaayyoo OPDO akkasumas waa’ee maaster plaanii kanneen uummaticha amansiisuu danda’aniif dhoksaatti qarshiin isaan deggeruu

2.Sababa adaddaaf jecha keessumaa lammiwwan biroo uummati of keessaa baasee jibbu dhoksaatti ijaaruu
Hawwaasattis akkasaan siqaniif hojii basaasaa gurree ta’aniifii akka hojjetan gochuu

2.Tooftaalee adaddaa fayyadamuun namoota FDG fi adda duree ta’n galmee dhaan isaan beekuu

3.Uummata lakk.5o oli hintaaneen qoqqodanii walga’ii baasuu

4.Dhaabilee amantii jajjabeessuu fi karaasanaan tokkummaa sabaaf sablammii (Ithophiyummaaa) uummata akkasaan amansiisan taasisuu

5. Barattootaa fi dargaggoota ummata waliin walga’ii teessisuu dhiisuu

6. Gaaffilee cimaaf kanneen mirgaan walqabatan uummati kaasu harkatti dhiisuu fi kallattii misoomaatti jijjiiruun waliin dha’uun deebisuufii

7. Ilaalcha dhiphummaa uummataa maqsuuf hojjettoota dhaabaa,poolisii fi kanneen biroo sadarkaa hoggansaarra hinjirre ‘lammii biraa’ ta’uunsaani uummatii beekee jibbu kana qaama olii gaafachuun Aanaa- Aanaatti waliin jijjiru

8. FDG ta’aa jiru kana keesatti lubbuuf qabeenyaa, nageenya bade leellisuun qalbii hawwachuu fi fedhii jijjiiramaa yaada uummataa keessaa balleessuu danda’uu

9. Gocha ta’aa jiru kana gocha shororkeesummaa ABO ti jechuudhaan yaad-qalbii barataa fi kanneen biroo dhaaddessummaa ABO isaan qaban jijjiruu fi qalbiinsaanii Kaayyoo ABO ti ala akka ta’an godhee of ilaalchisisuu

9. Jechoota laafaa fi’ isin miti ,isin homaangoone,kanneen misooma keenya hinaafantu,…kkf tti fayyadamuu

10. Filannoo dhufuuf abdii addadaa olola geggeessuu

11. Mindaa dabalataa hojjetaa mootummaaf akka oromiyaatti 25% murtaa’uun1/1/ 2oo7 ka’e akkanni kennamu gochuun waldiddaaf jibbiinsa hojjetoota mootummaa warra muudamaatii fi kanneen ogummaa gidduu jiru balleessuun daandii filatamuu cirachuu.

12. Kanaafuu, jedhu gabaastonni kun,
* magaalaas ta’e baadiyaa keesa kan jirtani lammiin Oromoo marti dhaabbata sobduuf afuuftuu kana ofirraa duguguuf FDG kenyaa waliin akka itti cimnu,

* sobduwwan fuulduratti akkasitt ganda keessan dhufuudhaan tokkummaa keessaniif afaan keessan addaan baasuuf yaalan irratti ammas irree tokkumaa keessanii irratti olkaasuun FDG waliin itti haafufnu!!!

Beeksisi biroon kutaa 2ffaan itti fufa.

INJIFANNOO UUMMATA OROMOOF

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …